LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 112
  • Waraanni Yoom Dhaabbata?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waraanni Yoom Dhaabbata?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Addunyaa waraanaan unkuramaa jirtu
  • Waraana waraana hunda balleessu
  • 2023 Bara Dhiphinaa Ture—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraanni Yuukreen Waggaa Tokko Guute—Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Maallaqni Tiriiliyoonaan Lakkaaʼamu Waraanaaf Ooleera—Dhugumaan Baasii Hangamiitu Baʼa?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Miidhaa Akkamii Nurraan Geessisa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Public)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 112
Fakkiiwwan garaagaraa: Suuraa naannoowwan Baha Gidduu Galaa waraanaan miidhaman argisiisu. 1. Dhoʼiinsa magaalaa Gaazaatti argamtu tokko keessatti gaʼe. 2. Suuraa Yerusaalem miisaayiliidhaan erga rukutamtee booda argisiisu.

Bitaa: Yasser Qudaih/Anadolu via Getty Images; mirga: RONALDO SCHEMIDT/AFP via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Waraanni Yoom Dhaabbata?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Barreessaa ol aanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taʼan Antooniyoo Guutareez, haleellaa Iraan Sanbadduraa, Ebla 13, 2024 Isra​a​ʼelirratti kallattiidhaan bante ilaalchisee, “Amma yeroo haalli kun akka qabbanaaʼu itti goonuu fi balaasaa itti hirʼisnudha. Ammaa yeroo itti of toʼannudha” jedhaniiru.

Waraanni Baha Giddu Galaatti godhamaa jiru rakkoowwan addunyaa maratti uumamaa jiran keessaa tokko qofadha.

“Walitti buʼiinsi yeroo ammaatti addunyaa maratti uumamaa jiru waraana addunyaa lammaffaa booda isa guddaadha. Namoonni biliyoona 2, jechuunis ilmaan namootaa keessaa kurmaana kan taʼan sababa kanaan miidhamaniiru.”—Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii, Amajjii 26, 2023.

Israaʼel, Gaazaa, Sooriyaa, Azarbaajaan, Yuukreen, Sudaan, Itoophiyaa, Niijar, Miyaanmaarii fi Heetii keessatti walitti buʼiinsi cimaan uumameera.a

Waraanni yoom dhaabbata? Bulchitoonni addunyaa, nagaa fiduu ni dandaʼuu? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Addunyaa waraanaan unkuramaa jirtu

Waraanni yeroo ammaatti addunyaa maratti geggeeffamaa jiru dhiheenyatti waraanni hundi akka badu argisiisa. Waraanni kun raajiin Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraannu ilaalchisee dubbatu raawwiisaa akka argatu gochaa jira. Kitaabni Qulqulluun yeroo keessa jiraannu, “dhuma sirna kanaa” jedhee waama.—Maatewos 24:3.

  • “Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.”—Maatewos 24:6, 7.

Waraanni yeroo ammaatti geggeeffamaa jiru raajiin Kitaaba Qulqulluu raawwiisaa akka argatu kan godhu akkamitti akka taʼe beekuuf mata duree, “Mallattoon ‘Guyyoota’ ykn ‘Bara Dhumaa’ Maalidha?” jedhu dubbisi.

Waraana waraana hunda balleessu

Kitaabni Qulqulluun walitti buʼiinsi ilmaan namootaa gidduutti uumamu akka dhaabbatu raajii dubbata. Kun kan taʼu akkamitti? Carraaqqii namootaatiin utuu hin taʼin, “waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuu” kan taʼe waraana Armaagedooniin. (Mulʼata 16:14, 16) Waraanni kun waadaan Waaqayyo ilmaan namootaa nagaa barabaraa akka argatan gochuuf gale akka raawwatamu karaa bana.—Faarfannaa 37:10, 11, 29.

Waaʼee waraana Waaqayyoo isa waraana hunda balleessuu caalaatti beekuuf mata duree “Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” jedhu dubbisi.

a ACLED Baafata Walitti Buʼiinsaa, “Walitti buʼiinsawwan addunyaa maraa sadarkaadhaan,” Amajjii 2024

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi