Karaa bitaa gubbaa: Marek M. Berezowski/Anadolu Agency via Getty Images; karaa bitaa gajjallaa: Halfpoint Images/Moment via Getty Images; gidduu: Zhai Yujia/China News Service/VCG via Getty Images; karaa mirgaa gubbaa: Ismail Sen/Anadolu Agency via Getty Images; karaa mirgaa gajjallaa: E+/taseffski/via Getty Images
DAMMAQINAAN EEGAA!
2023 Bara Dhiphinaa Ture—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Taateewwan bara 2023tti addunyaa maratti raawwataman, yeroo Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waamu keessa jiraachaa akka jirru argisiisu. (2 Ximotewos 3:1) Taateewwan yeroo harʼaatti raawwatamaa jiran, wanta Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti akka raawwataman dubbatee wajjin kan walsiman akkamitti akka taʼe hubadhu.
Kitaaba Qulqulluu fi Taateewwan Addunyaa
“Waraanaa fi oduu waraanaa.”—Maatewos 24:6.
“Walitti buʼiinsi cimaan bakka hedduutti dabalaa jira.”a
Mata duree, “Namoota Nagaa Eenyutu Oolcha?” jedhuu fi “Baasiin Addunyaa Maratti Waraanaaf Baʼu Doolaara Ameerikaa Tiriiliyoona 2 Caale” jedhu ilaali.
“Bakka garaa garaatti kirkirri lafaa ni taʼa.”—Maarqos 13:8.
“Jalqaba bara 2023 kaasee, kirkirri lafaa maagniitiyuudii 7 ol taʼe 13 addunyaa maratti uumameera. Kunimmoo erga sochii kirkira lafaa galmeessuu eegallee kaasee waggaa tokko keessatti kanneen uumaman irra kan caaludha.”b
Mata duree, “Kirkirri Lafaa Cimaan Turkii fi Sooriyaa Rukute” jedhu ilaali.
“Wantoonni nama sodaachisan ni mulʼatu.”—Luqaas 21:11.
“Yeroon addunyaan itti hoʼitu darbee yeroo ishiin itti danfitu dhufeera.”—Antooniyoo Guutareez, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.c
Mata duree, “Hoʼa Cimaa Bona 2023tti Addunyaa Maratti Mudate” jedhu ilaali.
‘Hanqina nyaataa.’—Maatewos 24:7.
“Barri 2023, namoota maatii isaanii sooruuf rakkachaa turaniif bara dhiphisaa ture.”d
Mata duree, “Hanqina Nyaataa Sababii Waraanaa fi Jijjiirama Qilleensaatiin kan Kaʼe Caalaatti Hammaachaa Jiru” jedhu ilaali.
‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe.’—2 Ximotewos 3:1.
“Addunyaa maratti namoota saddeet keessaa namni tokko dhibee sammuu qaba.”e
Mata duree, “Dargaggoonni Baayʼeen Dhibee Sammuutiif Saaxilamaa Jiru” jedhu ilaali.
Barri 2024 hoo maal fidee dhufa laata?
Wanta bara 2024tti raawwatamu eenyuyyuu mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu hin dandaʼu. Haataʼu malee, taateewwan addunyaarratti raawwatamaa jiran, dhiheenyatti, Mootummaan Waaqayyoo jechuunis, bulchiinsi samii bulchiinsa ilmaan namootaa akka bakka buʼuu fi wantoota rakkinaa fi dhiphinaaf sababa taʼan hunda akka balleessu argisiisu.—Daaniʼel 2:44; Mulʼata 21:4.
Abdii kana eeggachaa, yeroo dhiphannu immoo Waaqayyoon gargaarsa gaafachuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha:
“Yommuun sodaadhu, sitti nan amanama.”—Faarfannaa 56:3.
Waaqayyotti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Addunyaa dhiphinni keessa hin jirree fi gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee waadaa Kitaabni Qulqulluun gale caalaatti akka barattu si affeerra. Waadaan Kitaaba Qulqulluu siinis taʼe maatii kee kan gargaaru akkamitti akka taʼe beekuuf, Barumsa Kitaaba Qulqulluu mareedhaan tola kenninu yaali.
a Fooreeyin Affeyirsi, “Addunyaa Waraanarra Jiru: Addunyaan Walitti Buʼiinsa Cimaadhaan Kan Guutamte Maaliifi?” Eemaa Biilsii fi Piitar Saaliisbariin kan qophaaʼe, Onkoloolessa 30, 2023.
b Erzikuʼek Niiwsi, “Barri 2023 Bara Kirkirri Lafaa Gurguddaa Hedduun Itti Galmaaʼedha,” Caamsaa 2023.
c Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, “Ibsa Waaʼee Jijjiirama Qilleensaa Gaazexeessitotaaf Kennuuf qophaaʼerratti Yaada Seensaa Barreessaa Olaanaan dubbatan,” Adoolessa 27, 2023.
d Sagantaa Nyaataa Addunyaa, “Hanqinni Nyaataa Guddaan Addunyaa Mudachaa Jira.”
e Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, “Guyyaa Fayyummaa Sammuu Addunyaa 2023,” Onkoloolessa 10, 2023.