LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 86
  • Lolaa Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Lolaa Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mallattoo “guyyoota dhumaa”
  • Sababii itti abdannu
  • 2023 Bara Dhiphinaa Ture—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Hoʼa Cimaa Bona 2023​tti Addunyaa Maratti Mudate—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Namoota Nagaa Eenyutu Oolcha?—Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 86
Dubartiin takkaa fi mucaan ishii karaa lolaan irra yaa’aa jirurra dhaabbatanii jiru.

Photo by Zhai Yujia/China News Service/VCG via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Lolaa Cimaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Addunyaa maratti namoonni baayʼeen lolaa cimaadhaan kan kaʼe miidhaan isaanirra gaʼaa jira. Gabaasa armaan gadii ilaali:

  • “Guyyoota muraasa darbanitti magaalaa guddoo Chaayinaatti bokkaa cimaan waggoottan 140man darbanitti roobee hin beekne roobeera. Sanbadduraadhaa hanga Roobiitti bokkaa miilimiitira 744.8 taʼutu roobe.”—AP News, Hagayya 2, 2023.

  • “Kibba Jaappaanitti bokkaa fi bubbee cimaa obomboleettiin Kaanuun jedhamu Kamisa yeroo lammaffaadhaaf fideen yoo xinnaate lubbuun namoota lamaa darbeera. . . . Obomboleettiin naannoo gaarreen giddu gala Taayiwaanitti bokkaa hamma meetira 0.6 taʼu fidu ni uumama jedhamee eegama.”—Deutsche Welle, Hagayya 3, 2023.

  • “Lolaan [Noovaa Iskooshiyaa keessatti] dhuma torbaniitti ga’ee ture kan uumame, naannoo Kaanaadaa qarqara Atilaantikiitti argamu keessatti bokkaa yandoon waggaa 50 keessatti roobee hin beekne waan roobeefi.”—BBC News, Adoolessa 24, 2023.

Kitaabni Qulqulluun waa’ee taʼeewwan kanaa maal jedha?

Mallattoo “guyyoota dhumaa”

Kitaabni Qulqulluun yeroo “guyyoota dhumaa” jedhamu keessa akka jiraannu dubbata. (2 Ximotewos 3:1) Yesuus bara keessa jiraannu kanatti ‘wantoota nama sodaachisan’ akka arginu raajii dubbateera. (Luqaas 21:11) Jijjiiramni qilleensaa haala qilleensaa sodaachisaa dursanii beekuun hin danda’amne, irra deddeebi’ee mudatuu fi caalaatti cimaa ta’eef sababa ta’eera.

Sababii itti abdannu

Kitaabni Qulqulluun wantoonni sodaachisoon yeroo ammaatti addunyaarratti uumamaa jiran abdii akka nuuf kennan dubbata. Maaliif? Yesuus, “Wantoonni kun raawwatamuu isaanii yommuu argitan, Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekaa” jedheera.—Luqaas 21:31; Maatewos 24:3.

Ta’eewwan yeroo ammaatti argaa jirru Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti marsaa bishaanii dabalatee humnoota uumamaa guutummaatti akka to’atu nuuf mirkaneessu.—Iyyoob 36:27, 28; Faarfannaa 107:29.

Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan qilleensa naannoo kan sirreessu akkamitti akka taʼe caalaatti barachuuf mata duree “Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi