BAKKA DHIHOO KAA’AA
Akkaataa Dhiheenyaa Tajaajilaaf Nu Gargaaru
Yaadawwan barreeffama ji’a sanatti raabsamu beeksisuuf si gargaaran ennaa qophooftu akkaataawwan dhiheenyaa kanaa gad jiranitti gargaarami.
Yihowaatti Dhi’aadhu
“Namoonni Waaqayyotti amanan baay’een isatti dhihaachuu barbaadu. Waaqayyo isatti akka dhihaannu nu afeeruusaa beektaa? [Yaaqoob 4:8 dubbisiif.] Kitaabni kun, namoonni Macaafa Qulqulluusaaniitti fayyadamanii Waaqayyotti akka dhihaatan gargaaruuf kan qophaa’edha.” Ful. 16rraa key. 1ffaa dubbisiif.
“Yeroo har’aa jal’inni babal’ateera. Macaafni Qulqulluunis haalasaa akkasitti ibseera. [Lallaba 8:9b dubbisiif.] Namoonni baay’een Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa? jedhanii gaafatu. [Yaada ful. 119 key. 4rra jiru keessaa himoota jalqabaa lamaan dubbisiif.] Boqonnaan kun, Waaqayyo yeroo gabaabaadhaaf rakkinni akka jiraatu kan heeyyame maaliif akka ta’e ibsa.”
Dammaqinaan Eegaa!
“Namoonni baay’een yeroo har’aatti argaman, rakkoowwaniifi balaawwan gurguddaan namootarra ga’an isaan yaaddessa. [Rakkoo naannoo sanatti beekamu akka fakkeenyaatti caqasi.] Wantoonni kun, bulchiinsi Waaqayyoo dhihootti guutummaa lafaa akka to’attu argisiisuuf mallattoowwan ta’uusaanii beekta turtee? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis caqasawwan akka Maatewos 24:3, 7, 8; Luqaas 21:7, 10, 11; ykn 2 Ximotewos 3:1-5 keessaa caqasa rakkoo ibsiteen wal simu dubbisiif.] Birooshuurri kun, keessumaa wantoota yeroo ammaatti raawwataman dammaqinaan hordofuun maaliif akka barbaachisu ibsa.”
“Namoonni baay’een wantoonni nama naasisaniifi nama suukanneessan isaanirras ta’e warra kaanirra yeroo ga’an baay’ee dhiphatu. Tokko tokkommoo Waaqayyoo wantoota kana dhabamsiisuuf maaliif tarkaanfii hin fudhatu jedhanii yaadu. Macaafni Qulqulluun Waaqayyo yeroo dhihootti tarkaanfii fudhachuudhaan rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata akka fidu mirkaneessa. [Mul’ata 14:6, 7 dubbisiif.] Firdiin Waaqayyoo dhala namaaf hiika maalii akka qabu hubadhu. [2 Phexros 3:10, 13 dubbisiif.] Birooshuurri kun waa’ee dhimma barbaachisaa ta’e kanaa odeeffannoo dabalataa qaba.”
Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessu
“[Fakkii ful. 4-5rra jiru itti argisiisiitii akkas jedhii gaafadhu.] Iddoo bareedaa kana fakkaatu keessa akka jiraattu utuu afeeramtee, afeerrii kana ni fudhatta turtee? [Hanga deebii kennutti eegi.] Bara baraaf jireenya akkasii argatanii gammaduuf furtuunsaa maal akka ta’e waan Sagaleen Waaqayyoo dubbatu hubadhu. [Yohannis 17:3 dubbisiif.] Kitaabni kun beekumsa jireenya bara baraatti si geessu argachuuf si gargaara.” Yeroo deebitee dhuftutti keeyyatawwan shanan jalqabaa boqonnaa 1 keessa jiranirratti mari’achuuf qophii godhi.
“Fakkii ful. 188-189rra jiru itti argisiisiitii, jechoota ibsa fakkichaarratti argamaniin fayyadamuudhaan akkas jedhii namicha gaafaadhu: “Yeroo beekumsi Waaqayyoo lafa kana guututti jannata keessa jiraachuuf abdii ni godhattaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Isaayaas 11:9 dubbisiif.] Kitaabni kun, Macaafni Qulqulluun jannata ilaalchisee maal akka dubbatuufi nuyis achi keessa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e barachuuf si gargaara.” Yeroo itti aanutti boqonnaa 1, key. 11-16rratti mari’achuuf qophii godhi.
Raawwiin Mul’ataa—Inni Guddaan Dhihaateera!
“[Oduu dhageesse tokko caqasiitii akkas jedhiin.] Waa’ee kanaa dhageessee beekta ta’a. Namoonni haala nama gaddisiisuun lubbuusaanii ennaa dhaban, namoota gaddi irra ga’e kanaaf jajjabinni akkamii kennamuu akka danda’u hin beekan. Atoo maal sitti fakkaata?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis, ful. 299 baniitii fakkii du’aa ka’uu ibsu itti argisiisi. Achiis: “Namoonni baay’een, qajeeloonniifi hamoon du’aa ka’anii lafa jannata taaturra akka jiraatan ennaa baratan baay’ee dinqisiifamu. [Hojii Ergamootaa 24:15 isa ful. 297, key. 9rra kaa’ame dubbisiifiitii, ibsa key. 10rratti argamu kenniif.] Kitaabni kun, kaayyoo Waaqayyo fulduraaf qabu ilaalchisee wantoota gara biraarrattis ibsa gadi fageenya qabu kenna.
Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyootimoo kan Namaati?
“Kan jiraannu yeroo namoota hedduurra rakkoowwan gurguddaan ga’an keessadha. Namoonni baay’eenis qajeelfama argachuuf gara namoota gorsa kennan bira dhaqaniiru. Namoonni tokko tokkommoo namoota ayyaana hedan ykn warra qaalluurraa gargaarsa gaafatu. Gorsa dhugumaan nu gargaaruu danda’u eessaa kan argannu sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun dhugaa barbaachisaa ta’eefi hundi keenya hubachuu qabnu ibsa. [2 Ximotewos 3:16 dubbisiifiitii, ful. 187, key. 9 dabalii dubbisiif.] Kitaabni kun, yeroo hundumaa barumsawwan Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun bu’aa gaarii akka qabu hubachuuf nu gargaara.”
Nama Namoota Hanga Har’aatti Jiraatan Hunda Caalu
“Tibba ayyaana qillee kanatti namoonni baay’een waa’ee Yesus yaadu. Haata’u malee, guutummaa addunyaarratti wantoonni nama gaddisiisan raawwatamaa waan jiraniif, namoonni tokko tokko dhugumaan Yesus waa’ee keenya ni yaadaa jedhanii gaafatu. Atoo maaltu sitti dhaga’ama?” Hanga deebii kennutti eegi. Boqonnaa 24 baniitii Yesus gara lafaa kan dhufe maaliif akka ta’e gabaabumatti mari’achiisi. Achiis, Yohannis 15:13 dubbisuudhaan jaalala Yesus warra kaaniif qabu ibsi.
“Waa’een Yesus ennaa ka’u, namoonni hedduun akka mucaa xinnootti, ykn akka nama du’uuf jedhuutti isa yaadu. Dhalachuufi du’uusaa qofaa beeku. Yeroo lafarra turetti wanti jedheefi wanta godhe hin beekan. Hamma dandeenyu wantoota dinqisiisaa nuuf raawwate barachuun keenya baay’ee barbaachisaa kan ta’e kanaafi.” Yohannis 17:3 dubbisiif. Seensa fuula jalqabaarratti jirutti deebiitii keeyyata arfaffaa dubbisiif.
Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
“Waaqayyo rakkoowwan yeroo har’aa nu mudataniin marfamnee akka jiraannu kan barbaadu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Maatewos 6:10 dubbisiif.] Mootummaan Waaqayyoo maal akka taate yaadee beektaa?” Barumsa 6ffaa baniitii gaaffiiwwan jalqaba barumsichaarratti barreeffaman dubbisi. Barumsicharratti mariisisuu jalqabi; ykn yeroo itti aanutii mari’achuuf qophii godhi.
“Dandeettiin hawaasaa kan guddate ta’uyyuu, dhukkubniifi duuni ilmaan namaarratti rakkoofi gadda guddaa geessisaa jiru. Yesus namoota dhukkubsataniif, namoota dulloomaniifi warra du’aniif maal akka godhu beektaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Namichi deebiisaa argachuu yoo barbaade, barumsa 5 baasiitii gaaffiiwwan key. 5-6tiif dhihaatan dubbisi. Keeyyatawwan kanarratti mari’adhaa; ykn yeroo itti aanutti mari’achuuf qophii godhi.