Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamu Akkamitti Raabsina?
Miiltoon kun yaadawwan seensaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsuuf gargaaran adda addaa qabatee jira. Yaadawwan seensaa kana jecha mataakeetiin yoo dubbbatte, akkaataa dhiheenyaakee haala namoota naannoo tajaajilaakee keessatti argamanii wajjin walsimuun yoo jijijjiirteefi matadureewwan kitaabicha keessatti argaman akka gaariitti yoo hubatte bu’aa argachuu dandeessa. Akkaataawwan dhiheenyaa naannoo tajaajilaakeetiif mijaa’aa ta’an garabiraas fayyadamuu ni dandeessa.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005, ful. 6 ilaali.
Armaagedoon
◼ “Namoonni baay’een jecha ‘Armaagedoon’ jedhu yeroo dhaga’an, dimshaashumatti ilmaan namootaa kan balleessudha jedhanii yaadu. Haata’u malee, Armaagedooniin abdiidhaan eeggachuu akka qabnu hubachuunkee si hin dinqisiisuu? [Hanga deebii kennutti eegi; achiis Mul’ata 16:14, 16 dubbisiif.] Armaagedoon booda jireenyi maal akka fakkaatu mee yaada kana ilaali.” Fuula 82-84, key. 21 dubbisiif.
Macaafa Qulqulluu
◼ “Yeroo baay’ee namoonni Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyooti jedhanii dubbatu. Kitaabni namootaan barreeffame kun akkamitti Sagalee Waaqayyoo jedhamuu danda’e jettee gaafatee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 2 Phexros 1:21fi ful. 19-20rraa key. 5 dubbisiif.] Kitaabni kun gaaffiiwwan kanaaf Macaafa Qulqulluurraa deebii kenna.” Gaaffiiwwan ful. 6rra jiran itti argisiisi.
◼ “Yeroo ammaatti namoonni isa kanaan duraa caalaa odeeffannoo baay’ee argatu. Haata’u malee, gorsa gaarii jireenya gammachiisaa geggeessuuf nu gargaaruu danda’u eessaa argachuu dandeenya jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 2 Ximotewos 3:16, 17fi ful. 23rraa key. 12 dubbisiif.] Kitaabni kun karaa Waaqayyoon gammachiisuufi karaa nu fayyaduu danda’u akkamitti jiraachuu akka dandeenyu ibsa.” Taattoofi fakkii ful. 122-123rra jiru itti argisiisi.
Du’a/Du’aa Ka’uu
◼ “Namoonni baay’een du’a booda maaltu ta’a? jedhanii gaafatu. Kana beekuu ni dandeenyaa jettee yaadee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Lallaba 9:5fi ful. 58-59rraa key. 5-6 dubbisiif.] Kana malees, kitaabni kun namoota du’aniif abdii Macaafni Qulqulluun du’aa ka’uu ilaalchisee kenne maal akka ta’e ibsa.” Fakkii ful. 75rra jiru itti argisiisi.
◼ “Namni jaallannu yeroo deebinee isa arguu ni hawwina. Dhugaa mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Namoonni baay’een abdii Macaafa Qulqulluu du’aa ka’uu ilaalchisee kennurraa jajjabina argataniiru. [Yohannis 5:28, 29fi ful. 71-72rraa key. 16-17 dubbisiif.] Boqonnaan kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.” Gaaffiiwwan seensaa ful. 66rra jiran itti argisiisi.
Jireenya Bara Baraa
◼ “Namoonni baay’een fayyaa qabaatanii umurii dheeraa jiraachuu barbaadu. Utuu danda’amee barabaraaf jiraachuu ni barbaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Mul’ata 21:3, 4fi ful. 54rraa key. 17 dubbisiif.] Kitaabni kun jireenya bara baraa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’eefi yeroo abdiin kun raawwatamu jireenya akkamii akka jiraannu ibsa.”
Maatii
◼ “Hundi keenyayyuu jireenya maatii gammachuu qabu argachuu barbaanna. Dhugaa mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun tokkoon tokkoon miseensa maatii akka Waaqayyoo jaalala argisiisuudhaan wanta maatiisaatiif gammachuu argamsiisu gochuu akka danda’u dubbata.” Efesoon 5:1, 2fi ful. 135rraa key. 4 dubbisiif.
Mana Jireenyaa
◼ “Biyyoota hedduutti mana jireenyaa mijaa’aa ta’e argachuun baay’ee rakkisaadha. Yeroo namni hundumtuu mana mataasaa qabaatu ni dhufa jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Isaayaas 65:21, 22fi ful. 34rraa key. 20 dubbisiif.] Kitaabni kun abdii Waaqayyoo kenne akkamitti akka raawwatamu ibsa.”
Yihowaa
◼ “Namoonni Waaqayyootti amanan baay’een isatti dhihaachuu barbaadu. Macaafni Qulqulluun akka isatti dhihaannu akka nu afeeru beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yaaqoob 4:8a fi ful. 16rraa key. 20 dubbisiif.] Kitaabni kun namoonni Macaafuma Qulqulluusaaniirraa waa’ee Waaqayyoo caalaatti akka beekan gargaaruuf qophaa’e.” Gaaffiiwwan seensa ful. 8rra jiran itti argisiisi.
◼ “Namoonni baay’een maqaan Waaqayyoo qulqulluu ta’ee akka eegamuuf kadhatu. Maqaan Waaqayyoo eenyu jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 83:18, NW fi ful. 195rraa key. 2-3 dubbisiif.] Kitaabni kun waa’ee Yihowaafi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu ibsa.”
Yesus Kiristos
◼ “Namoonni addunyaa maratti argaman waa’ee Yesus Kiristos dhaga’aniiru. Warri tokko tokko inni nama beekamaadha jedhu. Warri kaanimmoo Waaqa Hundumaa Danda’udha jechuudhaan isa waaqeffatu. Yesus Kiristosiin ilaalchisee wanti nuti amannu jijjiirama ni fida jettee yaaddaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Yohannis 17:3fi ful. 37-38rraa key. 3 dubbisiif. Gaaffiiwwan seensaa boqonnichaarratti akka xiyyeeffatu godhi.
Kadhannaa
◼ “Waaqayyoo kadhannaadhaaf akkamitti deebii kenna jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 1 Yohannis 5:14, 15fi ful. 170-172rraa key. 16-18 dubbisiif.] Kana malees, boqonnaan kun Waaqayyoon kadhachuu kan qabnu maaliif akka ta’eefi kadhannaa keenya akka nu dhaga’uuf maal gochuu akka qabnu ibsa.”
Amantii
◼ “Namoonni baay’een, amantiiwwan addunyaarratti argaman rakkoowwan dhala namaarra ga’aniif furmaata kan argamsiisan utuu hin ta’in, rakkina kan itti caalchisan ta’uusaanii hubataniiru. Amantiin namoota karaa sirriirra kan geggeessaa jiru sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Maatewos 7:13, 14fi ful. 145-146rraa key. 5 dubbisiif.] Boqonnaan kun karaawwan waaqeffannaa Waaqayyoo duratti fudhatama qabu beekuuf nu gargaaran ja’a ni ibsa.” Yaadawwan ful. 147rratti ibsaman itti argisiisi.
Balaa Gaddisiisaa/Rakkoo
◼ “Namoonni baay’een yeroo balaawwan gaddisiisoon ga’anitti, dhugumaan Waaqni waa’ee keenya ni yaadaa? Rakkina isaanirra ga’uhoo ni hubataa? jedhanii gaafatu. Atoo waa’ee kanaa gaafatee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis 1 Phexros 5:7fi ful. 11rraa key. 11 dubbisiif.] Kitaabni kun Waaqayyo rakkoowwan dhala namaa akkamitti guutummaatti akka hambisu ibsa.” Gaaffiiwwan seensaa ful. 106rra jiran itti argisiisi.
Waraana/Nagaa
◼ “Namoonni bakka kamiyyuu jiraatan nagaa argachuu hawwu. Lafarratti nagaa argachuu ilaalchisee abdiin kenname abjuudha jettee yaadaa? [Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Faarfannaa 46:8, 9 dubbisiif.] Kitaabni kun Waaqayyo akeekasaa galmaan ga’uudhaan addunyaa maratti akkamitti akka nagaa fidu ibsa.” Fakkii ful. 35rra jiru itti argisiisi; achiis ful. 34-36rraa key. 17-21rratti hundaa’uudhaan mariisisi.
[Ibsa fakkii fuula 5rra jiru]
Karaawwan Akkaataa Buusiin Itti Gaafatamu Ibsuuf Nu Gargaaran
“Hojii keenya isa addunyaa maratti geggeeffamuuf buusii gochuu yoo barbaade, gammachuudhaanan fudhadha.”
“Barreeffamoota keenya kaffaltii malee kan kennaman ta’aniyyuu, hojii keenya isa guutummaa addunyaatti geggeeffamu deggeruuf buusii muraasa godhamu ni fudhanna.”
“Hojiin kun akkamitti raawwatama jettee gaafata ta’a. Hojiin guutummaa addunyaatti hojjetamu kun buusii fedhiidhaan godhamuun geggeeffama. Har’a buusii muraasa gochuu yoo barbaadde gammachuudhaanan fudhadha.”