(1) Gaaffii Gaafachuu, (2) Caqasa Caqasuu, (3) Boqonnaa Tokko Baasanii Itti Argisiisuudhaan Qayyabannaa Jalqabsiisuu
Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu karaa salphaa ta’een raabsuuf, (1) gaaffii gaafachuu, (2) caqasa yaada sanaa wajjin adeemu dubbisuufi (3) boqonnaa dhimma sana ibsu kitaabicharraa itti argisiisanii gaaffiiwwan matadureesaa jala jiraniin gargaaramuudha. Namni sun fedhii yoo argisiise, seensa boqonnaa kitaabichaatiin gargaaramtee qayyabannaa Macaafa qulqulluu jalqabsiisuu dandeessa. Qayyabannaa jalqabsiisuuf, maree guyyaa jalqabaarratti ykn yeroo deddeebii gaaffiitti mala kanaan gargaaramuun ni danda’ama.
◼ Hojii Ergamootaa 17:26, 27 dubbisiitii, “Akka Macaafa Qulqulluurratti caqasametti, ilmaan namootaa Uumaa wanta hundumaa danda’u beekuu danda’u jettee ni yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 1 itti argisiisi.
◼ Roomaa 15:4 dubbisiitii, “Rakkoowwan yeroo ammaatti argaman utuu jiranii jajjabinaafi abdii asirratti ibsaman ni arganna jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 2 itti argisiisi.
◼ Mul’ata 21:4 dubbisitii, “Utuu humna qabaattee jijjiiramawwan asirratti ibsaman ni fidda turtee?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.
◼ Faarfannaa 37:10, 11 dubbisitii, “Ijoolleen keenya akka faarfannaa bara duriirratti caqasame kanaa gammachuudhaan ni jiraatu jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.
◼ Isaayaas 33:24 dubbisiitii, “Yeroo jechoonni kun itti raawwataman ni dhufa jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 3 itti argisiisi.
◼ “Warri du’an wanta namoonni lubbuudhaan jiran hojjetan beekuu laata jettee gaafattee beektaa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis Lallaba 9:5 dubbisiifiitii boqonnaa 6 itti argisiisi.
◼ Yohannis 5:28, 29 dubbisiitii, “Akkuma Yesus caqasa kanarratti dubbate michuuwwan keenya warri du’an gaaf tokko deebinee ni arganna jettee yaaddee beektaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 7 itti argisiisi.
◼ Maatewos 6:9, 10 dubbisiitii, “Akkuma kadhannaa beekamaa ta’e kanarratti ibsame, jaalalli Waaqayyoo akka waaqarratti ta’u lafarrattis akka ta’u gochuuf maaltu barbaachisa jettee yaadda?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 8 itti argisiisi.
◼ 2 Ximotewos 3:1-4 dubbisiitii, “Yeroo ammaatti yeroo raajiin kun raawwatamaa jiru keessa akka jiraachaa jirru sitti dhaga’amaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 9 itti argisiisi.
◼ “Namoonni baay’een rakkoon ilmaan namootaa yeroodhaa gara yerootti itti caalaa kan adeemu maaliif jedhanii gaafatu. Mul’ata 12:9 dubbisi. Wanti asirratti caqasame sababii ta’a jettee yaaddee beektaa?” Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 10 itti argisiisi.
◼ Iyoob 21:7 dubbisiitii, “Gaaffii akkasiitiif deebii argachuu hin barbaadduu?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 11 itti argisiisi.
◼ Efesoon 5:33 dubbisiitii, “Namoonni gorsa Macaafa Qulqulluu kana utuu hojiirra oolchanii maatiinsaanii akka gammachuu argatu ni gargaara jettee yaaddaa?” jedhii gaafadhu. Hanga deebii kennutti eegiitii boqonnaa 14 itti argisiisi.
Qayyabannaan kun al lama kan geggeeffame yoo ta’eefi akka itti fufu kan abdatamu yoo ta’e, qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jettanii gabaasuu ni dandeessu.