Namoonni Gosa Hundumaa Keessa Jiran Ni Fayyu
1 Gaarummaan Waaqayyoo fayyinaaf karaa baneera. Yihowaan “namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha.” (1 Xim. 2:3, 4) Yihowaa duratti fudhatama argachuun keenya, sanyii keenyarratti, iddoo haawaasa keessatti qabnu, dandeetti ykn akkaataa bifa keenyarratti utuu hin ta’in, aarsaa furii Yesus Kiristositti amanuurratti kan hundaa’edha. (Yoh. 3:16, 36) Namoota Waaqayyoo wajjin hojjennu waan taaneef, namoota wal caalchisuudhaan warra Yihowaan simachuuf fedhu akka hin jibbine of eeggachuu qabna.
2 Namootatti Faraduurraa Of Qusadhaa: Yihowaan jibbaafi walcaalchisa tokko malee wanta garaa namootaa keessa jiru ni ilaala. (1 Sam. 16:7) Gara fulduraatti maal ta’uu akka danda’anis ni ilaala. Kanaafuu, namoonni isa gammachiisuu barbaadan isa duratti jaallatamoodha. (Hag. 2:7) Nuhoo warra kaan kan ilaallu akka Waaqayyo isaan ilaaluttii?
3 Bifni namoota tajaajilarratti argannu tokko tokkoo nu sodaachisuu danda’a. Wayyaa ciccitaa ykn wayyaa gara dhabe kan uffatan ykn kan mataansaanii hin filamne ta’uu danda’u. Kaanimmoo mana jireenyaa hin qaban ta’a. Kaanis kan nu ifatan ta’uu danda’u. “Nuyis takka wallaalota, warra hin abboomamne, warra karaa irraa goran” waan tureef, namoonni akkasii kun tasumaa waaqeffattoota Yihowaa ta’uu hin danda’aan jennee isaanitti faraduu mannaa, ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaadha. (Tit. 3:3) Kana hubachuun keenya, namoota biftisaanii ennaa ilaalamu misiraachicha kan hin fudhanne fakkaatanillee dabalatee, namoota hundaaf lallabuuf nu kakaasa.
4 Fakkeenyawwan Jaarraa Jalqabaa: Yesus Kiristos, namoota karaa kamiiniyyuu waaqeeffattoota Yihowaa ta’uuf abdii akka hin qabnetti lakkaa’amanillee gargaaruuf yeroo fudhatee amala gaarii isaan qaban ilaaleera. (Luq. 8:26-39) Dogoggora raawwatame tasumaa kan bira hin dabarre ta’uyyuu, namoonni jireenya dogoggoraa keessa galuu akka danda’an beeka ture. (Luq. 7:37, 38, 44-48) Kanaafuu, Yesus miirasaanii hubachuudhaan, “isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo’e.” (Mar. 6:34) Nuhoo guutummaatti fakkeenyasaa hordofuu ni dandeenyaa?
5 Phaawulos ergamaan dhagaadhaan rukutameera, reebameera akkasumas mana hidhaa buufameera. (HoE. 14:19; 16:22, 23) Wanti gaddisiisaan akkasii kun isa mudachuunsaa akka haaloo isaanitti qabatuufi saboota akkasii gidduutti yeroosaa akka gube akka itti dhaga’amu godheeraa? Matumaa. Saboota sana gidduudhaa namoonni qajeeloon tokko tokko akka jiran waan hubateef isaan argachuuf murteessee ture. Nuyis namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiraniifi, akkaataa guddinaafi aadaa gara garaa qabaniif ilaalcha akkasii qabnaa?
6 Yeroo Har’aatti Warra Kaan Simachuu: Tajaajiltoonni Yihowaa baay’een yeroo jalqabaatiif ennaa gumii dhufan, obboloonni akkaataa uffannaasaanii utuu hin ilaalin isaan simachuusaanitiin gammadoodha. Biyya Jarmaniitti, namichi areednisaa gara dhabe, rifeensi mataasaa hanga gatiittiisaatti guddateefi wayyaa xuraa’aa uffate gara Galma Mootummaa dhufe. Maqaa gaariidhaan kan hin beekamne ture. Haata’uyyuu malee, gumiirratti ennaa argamu simannaa gaariin godhameefii ture. Kanatti waan baay’ee xuqameef torban itti aanus deebi’ee dhufe. Yeroo gabaabaa gidduutti, mataasaafi wayyaasaa ni sirreesse, tamboo xuxuus ni dhaabe; akkasumas walitti dhufeenyi jaalalleesaa wajjin qabu seeraan akka galmaa’u godhe. Utuu baay’ee hin turin, isaaniifi ijoolleensaanii lakkuu ta’aanii wajjin maatiidhaan tokko ta’uudhaan Yihowaa tajaajiluu jalqaban.
7 Waaqa keenya isa wal hin caalchisne fakkaachuudhaan, gaarummaa Yihowaarraa akka fayyadamaniif namoota hundumaa afeeru keenya itti haa fufnu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Yihowaa duratti fudhatama argachuun keenya maalirratti kan hundaa’edha?
2, 3. Bifasaanii ilaallee akka namootatti hin faradneef maaltu nu gargaaruu danda’a?
4, 5. Fakkeenya Yesusiifi Phaawulosirraa maal baranna?
6. Amalli keenya namoota haaraa walga’ii gumiirratti argamaniif bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?
7. Waaqa keenya isa wal hin caalchisne fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 14rra jirurra jiru]
“Waaqayyo akka nama wal hin caalchifne amma hubadheera. Saba biyya lafaa hundumaa keessaa namni isa sodaatu, inni waan qajeelaa hojjetus isa biratti fudhatamaa dha.”—HoE. 10:34, 35.