LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/05 ful. 1
  • Ulfina Yihowaa Dubbadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ulfina Yihowaa Dubbadhaa
  • Tajaajila Mootummaa—2005
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.”—Faarfannaa 96:8.
    “Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa.”—Faarfannaa 96:8.
  • Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Maqaa Waaqayyoo Beeksisuu
    Tajaajila Mootummaa—2003
  • Yihowaadhaaf Ufina Kennaa
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2005
km 11/05 ful. 1

Ulfina Yihowaa Dubbadhaa

1 Faarfatichi: “Guutummaan biyya lafaas Waaqayyoon faarfadhaa! . . . Saba lafa irraa keessatti guddina isaa, saba hundumaa keessattis gocha isaa isa dinqisiisaa beeksisaa” jechuudhaan dubbateera. Wanta Yihowaan godhe, wanta amma gochaa jiruufi fuulduratti godhurratti yoo xiinxalle, garaan keenya ulfinasaa dubbachuuf nu kakaasa!—Far. 96:1, 3.

2 Tajaajila Keenyaan: Dhugaa Baatonni Yihowaa maqaa Waaqayyootiin waamamuufi maqaa kana guutummaa lafaarratti lallabuuf mirga guddaa argataniiru. (Mil. 1:11) Luboota Saba Kiristiyaanaa of tuuluudhaan maqaa Waaqayyoo hiikawwan Macaafa Qulqulluusaanii keessaa baasanirraa hammam addadhaa! Namoonni badiisa guddaa dhufurraa ooluuf amantaadhaan maqaa kana waamuunsaanii dirqama waan ta’eef, maqaa Waaqayyoo beeksisuun keenya ariifachiisaadha. (Rom. 10:13-15) Hunda caalaammoo, nagaa lafarratti argamu dabalatee, nagaan uumama cufa keessatti argamu, maqaan Waaqayyoo qulqullaa’uusaarratti kan hundaa’edha. Dhugumayyuu, hojiin Waaqayyoo hundumtuu maqaasaa wajjin kan walqabatedha.

3 “Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in ta’aaf.” Haata’u malee, namoonni ‘ulfina maqaa isaatiif ta’u Waaqayyoof akka dhiheessan’ dhugaa waa’eesaa dubbatu barachuu qabu. (Far. 96:4, 8) Ta’uyyuu namoonni tokko tokko Waaqayyo jiraachuusaatti hin amanan. (Far. 14:1) Warri kaanimmoo, dadhabaadha, ykn ilmaan namaatiif dhimma hin qabu jechuudhaan maqaasaa balleessu. Namoonni garaa qajeelaa qaban waa’ee Uumaa keenyaa, waa’ee kaayyoowwansaafi amalawwansaa jaallatamoo beekumsa sirrii akka argatan yoo gargaarre, Yihowaadhaaf ulfina finna.

4 Amala Keenyaan: Seerawwan bu’uuraa Yihowaan baaseen jiraachuun keenya ulfina isaaf fida. Amalli gaariin argisiisnu utuu hin hubatamin hin hafu. (1 Phe. 2:12) Fakkeenyaaf, akkaataan uffannaa keenyaa qulqulluufi gaarii yoo ta’e, warri kaan waa’ee keenya wanta gaarii akka dubbatan godha; kunimmoo seerawwan bu’uuraa Sagalee Waaqayyoo keessatti argamaniin jiraachuun faayidaa maalii akka qabu isaanitti himuuf carraa nuu bana. (1 Xim. 2:9, 10) ‘Namoonni hojii keenya isa gaarii arganii, abbaa keenya isa waaqarraaf ulfina yoo kennan’ hammam gammannaa!—Mat. 5:16.

5 Afeerrii: “Waaqayyoon faarfadhaa, maqaa isaas eebbisaa, fayyisuu isaas guyyuma guyyaatti labsaa!” jedhuuf deebii laachuudhaan, gochaanis ta’e dubbii keenyaan yeroo hundumaa Yihowaa, waaqa keenya isa guddaadhaaf ulfina haa finnu.—Far. 96:2.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi