Barumsa Gara Jireenyaatti Nama Geessu
1 Namoonni dhugaa Sagalee Waaqayyoorraa barataniin kan ka’e gammachuudhaan fuullisaanii yeroo ifu arguun akkam nama gammachiisa! Dhugumayyuu beekumsa Waaqayyoo, akkasumas kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu warra kaanitti himuun gammachuu dhugaa namaaf argamsiisa. Beekumsi akkasii kun jireenya barabaraa argamsiisa.—Yoh. 17:3.
2 Sababa Beekumsi Kun Bakka Olaanaa Itti Qabaateef: Yeroo har’aatti beekumsi amma danda’ametti karaa hundaa argachuudhaaf ni yaalama. (Lal. 12:12) Beekumsi akkasii kun garuu faayidaa kennuun “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” ta’e kanaa wajjin tasumaa wal hin qixxaatu. (HoE. 2:11) Beekumsi biyyi lafaa kennu ilmaan namootaa Uumaasaaniitti akka dhihaataniifi kaayyoosaa akka beekan isaan godheeraa? Namoonni, gaaffiiwwan kanneen akka; yeroo duunu maal akka taanu ykn rakkinni maaliif jiraate? jedhan akka hubataniif isaan gargaaraa? Namootaaf abdii amansiisaa kan kennudhaa? walitti dhufeenya maatii gidduu jiru foyyeesseeraa? Gonkumaa hin danda’u. Gaaffiiwwan jireenya keessatti ka’aniifi baay’ee barbaachisoo ta’aniif deebii sirriin kan argamu beekumsa Waaqayyorraa argamuun qofadha.
3 Beekumsi Waaqayyorraa argamu addunyaa har’aa keessatti tasumaa argachuuf kan hin danda’amne ulaagaa amalaa gaarii kan qabudha. Sagaleen Waaqayyoo qomoofi gosaan wal qooduu, akkasumas miira sabboonummaa garaa namoota beekumsa kana fudhatan keessaa haxaa’ee balleessa. (Ibr. 4:12) Namoonni hammeenya raawwachaa turan kamiyyuu ‘namummaa haaraa akka uffataniif’ isaan kakaasa. (Qol. 3:9-11; Mik. 4:1-3) Caalaattimmoo beekumsi Waaqayyorraa argamu kun namoota miliyoonatti lakkaa’aman amalawwaniifi hojiiwwan Waaqayyoon hin gammachiisnerraa fagaachuuf humna isaanii ta’eera.—1 Qor. 6:9-11.
4 Sababii Beekumsa Kana Argachuun Yeroo Har’aatti Ariifachiisaa Itti Ta’eef: Barsiisaa Keenya Guddichi haala yeroo amma keessa jiraannu ilaalchisee nu akeekkachiisa. Raajiiwwan waa’ee firdiisaa dubbatan barumsa yeroo kanaaf ta’uufi guutummaa addunyaatti labsamuu qabu kan qabatedha. (Mul. 14:6, 7) Kiristos samiirra taa’ee bulchaa jira; guutummaa addunyaa amantii sobaa taate yeroo dhihootti ni barbadeessa; akkasumas Mootummaan Waaqayyoo mootummoota lafarra jiran hundaa balleessuuf qophaa’eera. (Dan. 2:44; Mul. 11:15; 17:16) Kanaafuu, namoonni yeroo har’aatti, Mootii Waaqayyo muude eenyu akka ta’e hubachuudhaan Baabilon Guddittii keessaa ba’anii, amantaadhaan maqaa Yihowaa waamuun ariifachiisaa akka ta’e hubachuu qabu. (Far. 2:11, 12; Rom. 10:13; Mul. 18:4) Beekumsa jireenya barabaraa namaa argamsiisu kana namootaaf hiruuf amma danda’ametti guutummaadhaan irratti haa hirmaannu.