Tajaajilli Keenya Hojii Oo’a Qabaachuu Argisiisudha
1 Yesus namoonni baay’een isa dhaggeeffatan, “akka hoolotaa tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii” akka turan hubatee ture. (Mat. 9:36) Gaarummaafi jaalalaan karaa Yihowaa isaan barsiiseera, isaan jajjabeesseera, akkasumas fedhii hafuuraasaanii gara laafinaan isaaniif guuteera. Nuyis tajaajilasaarratti yoo xiinxalle, akkuma Yesusitti yaaduu, akkasumas miirri isatti dhaga’ame nutti dhaga’amuu danda’a; oo’i keenyas tajaajila keenyarratti ni mul’ata.
2 Mee yeroo muraasaaf deebii Yesus namoota gargaarsaaf garasaa dhufaniif kennerratti yaadaa. (Luq. 5:12, 13; 8:43-48) Namoota haala adda ta’e keessa jiraniif kan yaadu ture. (Mar. 7:31-35) Miira namootaa kan hubatuufi kan isaanii yaadu ta’uusaa argisiiseera. Qaama namootaa ilaalee kan isaanitti faradu hin turre. (Luq. 7:36-40) Dhugumaan, Yesus araaraafi oo’a Waaqayyoo akka gaariitti calaqqisiiseera.
3 “Isaaniif Oo’e”: Yesus tajaajillisaa dirqama waan ta’ef qofa kan raawwatu hin turre. Namootaaf kan ‘oo’u’ ture. (Mar. 6:34) Haaluma walfakkaatuun har’as, akkasumaan ergaa dabarsuu qofa utuu hin ta’in lubbuu namootaa gati jabeessa ta’e oolchuuf yaalla. Namoonni akka kanatti kan itti dhaga’ame maaliif akka ta’e beekuuf yaali. Kan dhiphatan ykn kan yaadda’an maaliifi? Geggeessitoota amantii sobaatiin kan gatamaniifi kan gowwoomfamanidhaa? Namootaaf garaadhaa yaaduun keenya misiraachicha akka dhaggeeffataniif isaan gargaara.—2 Qor. 6:4, 6.
4 Gara laafinni garaa namaa tuqa. Fakkeenyaaf: Dubartiin tokko mucaa ji’a sadii du’aan dhabuusheetti gadditee turte. Dhugaa Baatonni lama yeroo manashee dhaqanitti sababii Waaqayyo rakkina itti heyyameef yommuu itti himan yaadasaanii mormitus akka ol galan isaan afeerte. Haata’u malee booddee dubartiin kun akkas jetteetti: “Gara laafinaan na dhaggeeffatan; deemuudhaaf yommuu jedhanitti guyyaa gara biraa deebi’anii akka dhufan si’a natti himan nan gammade.” Nutihoo, namoota tajaajilarratti argannuuf oo’a argisiisuuf ni carraaqnaa?
5 Oo’a qabaachuun namootaaf jajjabina dhugaa argamsiisuuf nu gargaara. Akkas gochuudhaan, Yihowaa isa “abbaa araara hundumaaf” ulfina finna.—2 Qor. 1:3.