LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/06 ful. 2
  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Torban Waxabajjii 12 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 19 Jalqabu
  • Torban Waxabajjii 26 Jalqabu
  • Torban Adoolessa 3 Jalqabu
Tajaajila Mootummaa—2006
km 6/06 ful. 2

Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa

Torban Waxabajjii 12 Jalqabu

Faarfannaa 74 (168)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 1 fi Dammaqaan! Caamsaa 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko karaa alidilee ta’een barruuleen yommuu raabsaman kan argisiisu haa ta’u.

Daq. 20: “Tajaajilli Keenya—Hojii Oo’a Qabaachuu Argisiisudha.” Yeroo qabaannaan caqasawwan yaannisaanii hin kaa’amnerratti dhaggeeffattoonni akka yaada kennan afeeri.

Daq. 15: ‘Hojjetaa Amanamaafi Ogeessatti’ Amanamaa. Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu jedhamu, boqonnaa 3⁠rratti hundaa’uudhaan haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu.

Faarfannaa 22 (47) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 19 Jalqabu

Faarfannaa 8 (21)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.

Daq. 20: Dubbiin Yeroosaatti Dubbatamu Ba’eessa! Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2006, ful. 16-19⁠rratti hundaa’uudhaan, haasawaafi maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Seensa haasichaarratti mataduree xiqqaa “Faayidaawwan Argaman” jedhu jalatti bu’aawwan gaarii arfan warra kaan galateeffachuun argamsiisu dubbadhu. Sanaan booda dhaggeeffattoonni gaaffilee armaan gadiirratti deebii kennuudhaan akka hirmaatan taasisi: Hunda caalaa galanni kan ta’u eenyuufi? Obboloota keenyaaf galata sirrii ta’e kennuufiin kan barbaachisu maaliifi? Gumii keessatti carraawwan itti obboloota galateeffannu kamfa’i? Miseensota maatii ofii galateeffachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Galateeffannaa obboloonni kanaan dura siif godhaniin jajjabina ykn humna kan argatte akkamitti?

Daq. 15: “Namoota Galateeffachuudhaan—Akka Isaaniif Yaaddan Argisiisaa.” Babal’isaan tokko nama haasofsiisu akka gaariitti dhaggeeffachuudhaan, garaadhaa isa galateeffachuufi wanta namichi jedherratti hundaa’uudhaan caqasa tokko yommuu dubbisuuf kan argisiisu hojiin argisiisni gabaabaan akka dhihaatu godhi.

Faarfannaa 94 (212) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Waxabajjii 26 Jalqabu

Faarfannaa 30 (63)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 4⁠rra jiranitti ykn naannoo keessaniif hojjetan kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Caamsaa 15fi Dammaqaan! Caamsaa 2006 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Dhuma tokkoon tokkoon hojiin argisiisichaarratti babal’isichi, gaaffii yeroo itti aanutti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhutti fayyadamuudhaan deebii argatu tokko kaasuudhaan xumura.

Daq. 20: Namoota Fedhii Argisiisan Deebi’aatii Gaafadhaa. Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa, Tajaajila Mootummaa Amajjii 1995 ful. 8, key. 1 fi Tajaajila Mootummaa Bitootessa 1997, ful. 8-9, key. 5-11, 16 akkasumas saanduqa ful. 8⁠rra jirutti fayyadamuudhaan dhiheessa; yaadawwan asirra jiranitti gargaaramuudhaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamuun akkamitti akka danda’amu ibsa.

Daq. 15: Ji’a Adoolessaatti Misiraachoo Lallabuu. Namoota naannoo tajaajilaakee keessatti argaman caalaatti dhimmawwan akkamiitu isaan yaaddessa? Babal’isaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti gargaaramuudhaan firii gaarii argate ykn qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiise tokko ykn lamaaf gaafannoo gabaabaa godhi. Akkaataa dhiheenyaa naannoo keessaniif ta’uutti fayyadamuudhaan, tajaajila manaa gara manaatti kitaabichi si’a raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.—Tajaajila Mootummaa Amajjii 2005 ful. 6, key. 5 ilaali.

Faarfannaa 59 (139) fi kadhannaa xumuraa.

Torban Adoolessa 3 Jalqabu

Faarfannaa 21 (46)

Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Waxabajjii akka deebisan yaadachiisi. Saanduqa Gaaffii Tajaajila Mootummaa Amajjii 1997, ful. 3⁠rra jirurraa yaadawwan ijoo ta’an dhiheessi.

Daq. 15: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.

Daq. 20: “Galmawwan Hafuuraakee Bira Ga’uu Kan Dandeessu Akkamitti?” Dargaggoonni gumicha keessa jiran gara fuulduraatiif galmi hafuuraa baafatan maal akka ta’eefi galma kanarras ga’uudhaaf maal gochaa akka jiran gaafadhu. Dargaggoota lama ykn tokko yaada akka kennaniif dursii qopheessi.

Faarfannaa 61 (144) fi kadhannaa xumuraa.

[Miiljaleewwan]

Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabuudhaan, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi