LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Tarkaanfii Murteessaa Fudhachuuf Yeroonsaa Ammadha
    Masaraa Eegumsaa—2006 | Amajjii 1
    • Naannoo mandara Yizre’elitti saroonni Iizaabelin in nyaatu, namni tokko illees ishee hin awwaalu.”—2 Mootota 9:7-10.

      15 Yehuun nama atattamaan tarkaanfii fudhatu ture. Yeruma sana konkolaataasaarra taa’ee gara Yizre’elitti qajeele. Namichi inni eegduun akkaataa Yehuun konkolaataa itti oofuun waan isa bareef, Yoraam mootichatti hime; yeroo kanatti, Yoraam mootichi Yehuu isa ajajaa waraanaa wajjin wal arguuf konkolaataasaarra taa’ee gara Yehuutti adeeme. Yeroo wal arganittis Yoraam, “Yehuu! Yaada nagaatiif dhufte moo?” jedhee isa gaafate. Yehuunis: “Ejjuunii fi qoricha namatti gochuun inni haati kee Iizaabel, jalqabde baay’achaa utuu jiruu nagaa maaliitu jira?” jedhee deebiseef. Achiis, Yoraam baqachuufillee utuu yeroo hin argatin Yehuun iddaasaa harkisee xiyyasaa itti gadhiisuudhaan onneesaa keessa baasee isa ajjeese.—2 Mootota 9:20-24.

      16. (a) Xu’aashota Iizaabel haala tasaa akkamiitu isaan mudate? (b) Wanti Yihowaan Iizaabeliin ilaachisee dubbate raawwiisaa kan argate akkamitti?

      16 Yehuun utuu baay’ee hin turin konkolaataasaatiin gara magaalaa dhaqe. Iizaabelis of kuultee gara foddaatti as ba’uudhaan yeroo Yehuun dhufu dheekkamsaan isa simatte. Yehuun garuu isheedhaaf deebii kennuu mannaa, “Eenyumatu na gargaara laata? Eenyuma ree?” jechuudhaan gargaarsa gaafate. Yeroo kanatti, tajaajiltoonni Iizaabel tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuutu isaanirraa eegama ture. Xu’aashonni lama yookiin sadii karaa foddaa achii as ba’an. Battaluma sanatti haalli amanamummaasaanii qoru isaan mudate. Yehuun “Gad ishee darbadhaa!” jedhee ajaje. Xu’aashonni sunis kan gad ishee darbatan yeroo ta’u, isheenis fardeeniifi konkolaataa Yehuutiin dhidhiitamte. Karaa kanaanis, dubartiin Israa’el keessatti waaqeffannaan Ba’aal akka hundaa’u goote kan hojii harkashee argatte. Akkuma dursee dubbatametti, reeffisheellee utuu argamee hin awwaalamin saroonni foonshee nyaatan.—2 Mootota 9:30-37.

      17. Tarkaanfiin Waaqayyo Iizaabelirratti fudhate, gara fuulduraattis eenyurratti tarkaanfii fudhata jennee akka amannu nu gargaaruu qaba?

      17 Ejjitu “Baabilon Guddittii” jedhamtee waamamturras haala suukanneessaa wal fakkaatutu ga’a. Ejjituun kun amantii sobaa addunyaa Seexanaa keessatti argamaniifi Baabilon ishee duriirraa dhufan kan argisiistudha. Amantiin sobaa erga badee booda, Yihowaan xiyyeeffannaasaa gara namoota kutaa addunyaa Seexanaa kana ta’anitti deebisa. Isaan kanas addunyaa qajeelummaan keessatti dagaage fiduuf jecha ni balleessa.—Mul’ata 17:3-6; 19:19-21; 21:1-4.

      18. Iizaabel erga duutee booda Waaqeffattoota Ba’aal warra Israa’el keessa turanirra maaltu ga’e?

      18 Iizaabel erga duutee booda Yehuu mootichi utuu yeroo hin balleessin sanyii Ahaabiifi deggertootasaa hundaa balleesse. (2 Mootota 10:11) Ta’us, Israa’eloonni waaqeffattoota Ba’aal ta’an baay’een biyyicha keesatti hafanii turan. Yehuun namoota kanarrattis tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuudhaan ‘hinaaffaa Waaqayyoof qabu’ argisiiseera. (2 Mootota 10:16) Mootichi kun waaqeffataa Ba’aal of fakkeessuudhaan galma Ahaab biyya Samaariyaatti Ba’aaliif ijaaree keessatti cidha guddaa qopheesse. Waaqeffattoonni Ba’aal Israa’el keessa jiraatan hundis ayyaanicharratti argaman. Erga isaan galmicha keessa lixanii boodas, namoonni Yehuu hundasaanii ajjeesan. Macaafni Qulqulluun wanta ga’e akkas jedhee ibsuudhaan xumura: “Yehuun akkasitti Ba’aal Waaqayyo tolfamaa Israa’el keessaa in balleesse.”—2 Mootota 10:18-28.

      19. Waaqeffattoota Yihowaa warra “tuuta sonaan baay’ee” ta’an abdii gammachiisaa akkamiitu isaan eega?

      19 Waaqeffannaan Ba’aal Israa’el keessaa ni balleeffame. Amantiin sobaa addunyaa maratti argamus haala suukanneessaa akkasiitiin utuu hin yaadamin balleeffama. Guyyaa firdii guddaa kanatti eenyu cina dhaabatta? Ammumaa tarkaanfii murteessaa ta’e yoo fudhatte, “tuuta sonaan baay’ee” “rakkina guddaa keessaa” ba’an gidduudhaa tokko ta’uu ni dandeessa. Achiis, badiisa isheerra ga’e gammachuudhaan yaadachaa, “ejjituu guddittii ishee halalummaa isheetiin biyya lafaa balleessite sanatti” waan faradeef Waaqayyoon jajuu ni dandeessa. Waaqeffattoota dhugaa warra kaanii wajjin tokko ta’uudhaan, sagalee guddaa waaqa keessaa “Haaleluyaa! Fayyinni, guddinni, aangoon kan Waaqayyo keenyaa ti!” jedhuu wajjin walii galuu dandeessa.—Mul’ata 7:9, 10, 14; 19:1, 2, 6.

      Gaaffiiwwan Irratti Xiinxaluuf Nu Gargaaran

      • Israa’el isheen durii waaqeffannaa Ba’aalirratti hirmaachuu kan dandeesse akkamitti?

      • Macaafni Qulqulluun gantummaan akkamii akka dhufu dursee dubbatee ture? Raajiin kun raawwiisaa kan argate akkamitti?

      • Yehuun waaqeffannaa Ba’aal kan balleesse akkamitti?

      • Guyyaa firdii Waaqayyoorraa ooluuf maal gochuu qabna?

  • Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?
    Masaraa Eegumsaa—2006 | Amajjii 1
    • Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?

      “Duraan dursitanii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoo . . . barbaaduutti hidhaa!”—MAATEWOS 6:33.

      1, 2. Dargaggeessi tokko haala hojiidhaa wajjin wal qabateen tarkaanfii akkamii fudhate? Kana kan godhe maaliifi?

      DARGAGGEESSI tokko caalaatti gumii gargaaruu barbaada ture. Haata’u malee, hojiinsaa yeroo hundumaa walga’ii gumiirratti akka hin argamne gufuu itti ta’e. Rakkina kanaaf furmaata argachuu kan danda’e akkamitti? Jireenyasaa salphaa gochuudhaan hojiisaa gadhiise; yeroo boodas hojii sochii gumii keessatti qabu akka raawwatu isa gargaaru argate. Yeroo ammaatti mindaa duraan argaturra baay’ee xiqqoo kan argatu ta’us, wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessaa, caalaatti gumii gargaaraa jira.

      2 Dargaggeessi kun sirreeffama akkasii maaliif akka godhe hubatteettaa? Atihoo haala isaa wajjin wal fakkaatu keessa utuu jiraattee tarkaanfii akkasii ni fudhatta turtee? Kiristiyaanonni hedduun sirreeffama wal fakkaatu gochuunsaanii kan isaan galateeffachiisudha. Tarkaanfiinsaanii kunis abdii Yesus akka armaan gadiitti jechuudhaan kennetti akka amanan kan argisiisudha: “Duraan dursitanii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Maatewos 6:33) Hojiisaaniitti utuu hin ta’in Yihowaatti amanamu.—Fakkeenya 3:23, 26.

      3. Namoonni tokko tokko yeroo ammaatti duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyoo barbaachuutti hidhuun kan danda’amu ta’uusaa kan shakkan maaliif ta’uu danda’a?

      3 Namoonni tokko tokko haala rakkisaa yeroo ammaatti keessa jiraannurraa ka’uudhaan, dargaggeessi sun murtoo sirrii gochuusaa ni shakku. Yeroo ammaatti, namoonni tokko tokko sadarkaa jireenyaa olaanaa seenaa keessatti argamee hin beekne keessa yeroo jiraatan, warri kaan garuu hiyyummaa kana hin jedhamne keessa jiraatu. Namoonni biyyoota hiyyeeyyii keessa jiraatan hedduun, carraa jireenya fooyya’aa jiraachuuf isaan dandeessisu hundumaa argachuu hawwu. Karaa garabiraammoo, namoonni biyyoota sooressa ta’an keessa jiraatan, haalli dinagdeefi haalli hojii waan jijjiiramuuf, akkasumas namoonni isaan hojjechiisan yeroofi humna baay’ee isaanirraa waan barbaadaniif jireenyasaanii isa gaarii jiraachuusaanii itti fufuun rakkisaa ta’aa dhufeera. Namoonni tokko tokko waan ittiin jiraatan argachuuf hojjechuun rakkisaa waan itti ta’eef ‘yeroo kanatti duraan dursanii yaada ofii Mootummaa Waaqayyoo barbaachuutti hidhuun akkamitti danda’amaa?’ jedhanii gaafatu ta’a. Gaaffii kanaaf deebii argachuuf, waa’ee namoota Yesus dhimma kana ilaalchisee isaanitti himaa turee haa ilaallu.

      “Hin Yaadda’inaa!”

      4, 5. Yesus, sabni Waaqayyoo yaaddoo jireenyaatiin dhiphachuun akka isaanirra hin jirre fakkeenyaan kan ibse akkamitti?

      4 Yesus Galiilaatti tuuta sonaan baay’ee biyya adda addaatii dhufanitti dubbachaa ture. (Maatewos 4:25) Isaan keessaa namoonni muraasni sooressa yoo ta’anillee, baay’eensaanii hiyyeessa turan. Ta’us, Yesus namoonni kun qabeenya argachuuf utuu hin ta’in, badhaadhina karaa hafuuraa argamuuf dursa kennuu akka qaban isaan akeekkachiiseera. (Maatewos 6:19-21, 24) Akkas isaaniin jedhe: “Waa’ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi waan dhugdaniif yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda’inaa! Jireenyi nyaata irra, dhagnis uffata irra guddaa in caala mitii ree?”—Maatewos 6:25.

      5 Gorsi kun namoota Yesusiin dhaggeeffachaa turan hedduudhaaf hin liqimsamne ta’a. Jabaatanii yoo hojjetan malee maatiinsaanii akka rakkatu beeku. Haata’u malee, Yesus waa’ee simbirrootaa isaanitti hime. Simbirroonni guyyaa guyyaatti wanta nyaataniifi bakka jireenyaa argachuu qabu; wanta kana akka argatan kan isaan gargaaru Yihowaadha. Yesus itti aansuudhaanis, Yihowaan daraarota Solomoon isa ulfina guddaa qabu caalaa miidhaganiif akkamitti akka kunuunsa godhu isaanitti hime. Yihowaan simbirrootaafi daraarotaaf kunuunsa kan godhu erga ta’ee, nuufimmoo caalaatti kunuunsa hin godhuu? (Maatewos 6:26-30) Akkuma Yesus jedhe, lubbuufi dhagni keenya nyaata lubbuu keenya tursuuf binnuufi uffata dhagna keenyatti uffachuuf binnurra baay’isee caala. Nyaataafi uffata argachuuf qofa carraaqqii cimaa kan goonu yoo ta’eefi Yihowaa tajaajiluuf yeroo kan hin qabne yoo ta’e, kaayyoon jireenyaa inni guddaan maal akka ta’e daganneerra jechuudha.—Lallaba 12:13.

      Ilaalcha Sirrii Qabaachuu

      6. (a) Kiristiyaanonni itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Guutummaatti kan amananihoo eenyutti?

      6 Yesus namoonni isa dhaggeeffachaa turan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu Waaqayyo nuu qopheessa jedhanii hojjechuu akka dhiisan isaan jajjabeessuusaa hin turre.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi