LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Yehuun mootii Israaʼel taʼee dibame (1-13)

      • Yehuun Yooraamii fi Akaaziyaa ajjeese (14-29)

      • Iizaabel ni ajjeefamte; saroonni foon ishii ni nyaatan (30-37)

2 Mootota 9:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 8:25, 28

2 Mootota 9:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:16, 17

2 Mootota 9:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 22:7

2 Mootota 9:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2011, ful. 3

2 Mootota 9:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:16

2 Mootota 9:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:4; 19:2; 21:15, 25; Luq 18:7

2 Mootota 9:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa dallaa irratti fincaaʼu hunda.” Yaada Afaan Ibrootaatiin dhiirota tuffachuuf itti hojjetamu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:20, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    11/2022, ful. 7

2 Mootota 9:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:28, 29
  • +1Mo 16:11, 12

2 Mootota 9:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:23
  • +2Mo 9:3

2 Mootota 9:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 9:6

2 Mootota 9:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 21:7
  • +2Sa 15:10; 1Mo 1:34, 39

2 Mootota 9:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:16
  • +1Mo 19:15; 2Mo 8:15; 10:32
  • +2Mo 8:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2011, ful. 3

2 Mootota 9:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:17, 18; 1Mo 21:1
  • +2Se 22:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2011, ful. 3

2 Mootota 9:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2011, ful. 3-4

2 Mootota 9:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ilma Niimshii.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2011, ful. 4

2 Mootota 9:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 8:25, 29; 2Se 22:7
  • +1Mo 21:1, 15

2 Mootota 9:22

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, morri.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31; 18:4; 19:2; 21:7
  • +Lew 20:6; Kes 18:10; 1Mo 18:19

2 Mootota 9:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “fardeeniin.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:19
  • +1Mo 21:29

2 Mootota 9:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 4:8, 10; Fr 9:12; 72:14
  • +Uma 9:5; Lew 24:17
  • +1Mo 21:24

2 Mootota 9:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 8:29; 2Se 22:7
  • +Iya 17:11

2 Mootota 9:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 5:7

2 Mootota 9:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 8:24; 2Se 22:2

2 Mootota 9:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 21:1
  • +1Mo 16:31; 21:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 131

2 Mootota 9:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:15-19

2 Mootota 9:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:26; Fr 94:16

2 Mootota 9:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31

2 Mootota 9:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 9:10

2 Mootota 9:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 55:10, 11
  • +1Mo 21:23

Yaada Wal Simu

2Mot. 9:12Mo 8:25, 28
2Mot. 9:21Mo 19:16, 17
2Mot. 9:32Se 22:7
2Mot. 9:61Mo 19:16
2Mot. 9:71Mo 18:4; 19:2; 21:15, 25; Luq 18:7
2Mot. 9:81Mo 21:20, 21
2Mot. 9:91Mo 15:28, 29
2Mot. 9:91Mo 16:11, 12
2Mot. 9:101Mo 21:23
2Mot. 9:102Mo 9:3
2Mot. 9:122Mo 9:6
2Mot. 9:13Mat 21:7
2Mot. 9:132Sa 15:10; 1Mo 1:34, 39
2Mot. 9:141Mo 19:16
2Mot. 9:141Mo 19:15; 2Mo 8:15; 10:32
2Mot. 9:142Mo 8:28
2Mot. 9:15Iya 19:17, 18; 1Mo 21:1
2Mot. 9:152Se 22:6
2Mot. 9:212Mo 8:25, 29; 2Se 22:7
2Mot. 9:211Mo 21:1, 15
2Mot. 9:221Mo 16:31; 18:4; 19:2; 21:7
2Mot. 9:22Lew 20:6; Kes 18:10; 1Mo 18:19
2Mot. 9:251Mo 21:19
2Mot. 9:251Mo 21:29
2Mot. 9:26Uma 4:8, 10; Fr 9:12; 72:14
2Mot. 9:26Uma 9:5; Lew 24:17
2Mot. 9:261Mo 21:24
2Mot. 9:272Mo 8:29; 2Se 22:7
2Mot. 9:27Iya 17:11
2Mot. 9:282Sa 5:7
2Mot. 9:292Mo 8:24; 2Se 22:2
2Mot. 9:301Mo 21:1
2Mot. 9:301Mo 16:31; 21:25
2Mot. 9:311Mo 16:15-19
2Mot. 9:32Bau 32:26; Fr 94:16
2Mot. 9:341Mo 16:31
2Mot. 9:352Mo 9:10
2Mot. 9:36Isa 55:10, 11
2Mot. 9:361Mo 21:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 9:1-37

Mootota Lammaffaa

9 Achiis Eelsaaʼi raajichi ilmaan raajotaa keessaa isa tokko waamee akkana isaan jedhe: “Uffata kee ol sassaabii mudhii keetti suuqqadhu; achiis dafiitii qaruuraa zayitii kana fudhadhuutii gara Raamot Giiliyaad+ dhaqi. 2 Yommuu achi geessus Yehuu+ ilma Yoshaafaax, ilma Niimshii barbaadi; achiis ol seenii obboloota isaa gidduudhaa isa kaasiitii kutaa isa gara keessaatti isa geessi. 3 Achiis qaruuraa zayitii sana fudhadhu; zayitichas mataa isaa irratti dhangalaasiitii, ‘Yihowaan, “Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera”+ jedha’ isaan jedhi. Sana booda balbala baniitii dafii baqadhu.”

4 Kanaafuu, tajaajilaan raajichaa karaa isaa qabatee gara Raamot Giiliyaaditti qajeele. 5 Yommuu achi gaʼus, ajajjoonni raayyaa waraanaa achi taaʼanii turan. Innis, “Yaa ajajaa, ergaan sitti himu tokkon qaba” jedhe. Yehuunis, “Nu keessaa eenyutti?” jedhee isa gaafate. Innis, “Yaa ajajaa, sitti dha” isaan jedhe. 6 Kanaafuu, Yehuun kaʼee gara manaatti seene; tajaajilaan sunis zayiticha mataa isaa irratti dhangalaasee akkana isaan jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Ani saba Yihowaa irratti, jechuunis Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.+ 7 Ati mana Ahaab gooftaa keetii ni rukutta; ani dhiiga tajaajiltoota kootii warra raajota taʼanii fi tajaajiltoota Yihowaa warra harka Iizaabel irratti duʼan hundumaatiif haaloo nan baʼa.+ 8 Guutummaan mana Ahaab ni bada; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 9 Ani mana Ahaab akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha. 10 Maasii Yezirʼel keessa jiru tokko irratti saroonni Iizaabeliin ni nyaatu;+ namni ishii awwaalus hin jiraatu.’” Sana booda inni balbalicha banee baqate.+

11 Yehuun yommuu gara tajaajiltoota gooftaa isaatti deebiʼu isaan, “Wanti hundi nagaa dhaa? Namichi maraataan kun gara kee kan dhufe maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. Innis, “Isin namichas taʼe wanta inni dubbatu beektu” jedhee isaaniif deebise. 12 Isaan garuu, “Lakki, dhugaa isaa nutti himi” isaan jedhan. Achiis inni, “Inni akkana naan jedhe; itti dabaluudhaanis, ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera”’+ naan jedhe” isaaniin jedhe. 13 Yeroo kanatti tokkoon tokkoon isaanii yeruma sana uffata isaanii fuudhanii yaabbannoo irratti isaaf afan;+ achiis xurumbaa* afuufanii, “Yehuun mootii taʼeera!” jedhan.+ 14 Achiis Yehuun+ ilmi Yoshaafaax, ilmi Niimshii Yooraam irratti mariʼate.

Hazaaʼel+ mootii Sooriyaatiin kan kaʼe, Yooraam guutummaa Israaʼelii wajjin Raamot Giiliyaaditti+ eegaa ture. 15 Booda Yooraam Mootichi yeroo Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanetti madaa warri Sooriyaa isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ ni deebiʼe.+

Yehuunis, “Yoo kana irratti walii galtan, eenyu iyyuu magaalattii keessaa baʼee dhaqee oduu kana Yezriʼel keessatti akka hin dubbanne eegaa” jedhe. 16 Yooraam madaaʼee achi ciisaa waan tureef, Yehuun gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yezriʼel deeme; Akaaziyaan mootiin Yihudaa immoo Yooraamiin gaafachuuf achitti gad buʼee ture. 17 Waardiyyaan sun, masaraa Yezriʼel keessa jiru irra utuu dhaabbatee jiruu, namoonni Yehuu tuutaʼanii utuu dhufaa jiranii arge. Innis yeruma sana, “Tuutni namootaa tokko natti mulʼata” jedhe. Yooraamis, “Abbaa fardaa tokko waamiitii, ‘Nagumaan dhuftanii?’ jedhee akka isaan gaafatuuf gara isaaniitti ergi” isaan jedhe. 18 Kanaafuu, abbaan fardaa sun gara isaa deemee, “Mootichi, ‘Nagumaan dhuftee?’ siin jedha” isaan jedhe. Yehuun garuu, “Waaʼeen ‘nagaa’ si hin ilaallatu. Kottu, na duukaa buʼi!” isaan jedhe.

Waardiyyaan sunis, “Namichi ergame isaan bira gaʼeera; garuu immoo hin deebine” jedhee itti hime. 19 Kanaafuu, inni siʼa lammaffaadhaaf abbaa fardaa tokko erge; innis yommuu isaan bira gaʼu, “Mootichi, ‘Nagumaan dhuftee?’ siin jedha” isaan jedhe. Yehuun garuu, “Waaʼeen ‘nagaa’ si hin ilaallatu. Kottu, na duukaa buʼi!” isaan jedhe.

20 Waardiyyaan sunis, “Inni isaan bira gaʼeera; garuu immoo hin deebine; akka nama maraateetti waan oofuuf, akkaataan inni gaarii fardaa itti oofu kan Yehuu ilma ilma Niimshii* wajjin wal fakkaata” jedhee dubbate. 21 Yooraamis, “Gaarii fardaa koo naa feʼaa!” jedhe. Gaariin fardaa isaas isaaf ni feʼame; Yooraam mootiin Israaʼelii fi Akaaziyaan+ mootiin Yihudaa gaarii fardaa waraanaa isaanii yaabbatanii Yehuu argachuuf deeman. Isaanis maasii Naabot+ Yezriʼelichaa keessatti isaa wajjin wal argan.

22 Yooraamis, akkuma Yehuu argeen, “Yehuu, nagumaan dhuftee?” isaan jedhe. Inni garuu, “Sagaagalummaan haadha tee Iizaabelii+ fi falfalli* ishii hedduun utuu jiruu nagaa maaliitu jira?”+ isaan jedhe. 23 Yooraamis yeruma sana baqachuuf gaarii fardaa isaa naanneffate; achiis Akaaziyaadhaan, “Akaaziyaa, gowwoomfamneerra!” jedhe. 24 Yehuunis iddaa isaa futtaasee Yooraamiin gateettii isaa lamaan gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa baʼe; innis gaarii fardaa isaa keessatti kufe. 25 Achiis Bidkaar isa ajajaa raayyaa waraanaa isaa taʼeen akkana jedhe: “Kaasiitii maasii Naabot Yezriʼelichaa keessatti isa gati.+ Yommuu anii fi ati walii wajjin gaarii fardaatiin* abbaa isaa Ahaabiin hordofaa turretti Yihowaan murtii kana akka isa irratti dabarse yaadadhu:+ 26 ‘Yihowaan akkana jedha: “Akkuman kaleessa dhiiga Naabotii fi dhiiga ilmaan isaa ilaale,+ ani maasiidhuma kana irratti dhiiga isaaniitiif si irratti haaloo nan baʼa”+ jedha Yihowaan.’ Kanaafuu, akkuma Yihowaan jedhetti, amma fuudhiitii maasicha keessatti isa gati.”+

27 Akaaziyaan+ mootiin Yihudaa wanta raawwatamaa jiru yommuu argu, karaa mana biqiltuu baʼee baqate. (Boodas Yehuun isa duukaa buʼee, “Isas ajjeesaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan utuu inni karaa gara Guur ishii Yibleʼaam+ biratti argamtutti geessuun ol baʼaa jiruu gaarii fardaa keessatti isa madeessan. Inni garuu gara Megidootti baqatee achitti duʼe. 28 Achiis tajaajiltoonni isaa gaarii fardaatti feʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; abbootii isaa wajjinis Magaalaa Daawit+ keessatti bakka awwaalaa isaatti isa awwaalan. 29 Akaaziyaan+ mootii Yihudaa kan taʼe, Yooraam ilmi Ahaab mootii taʼee waggaa 11ffaa isaatti ture.)

30 Achiis Yehuun gara Yezriʼel+ dhufe; Iizaabelis+ waaʼee kanaa ni dhageesse. Kanaafuu, ishiin ija ishii kuullattee, mataa ishiis tottolfattee karaa foddaa gad ilaalaa turte. 31 Yehuun karrichaan yommuu ol seenus ishiin: “Zimrii isa gooftaa isaa ajjeese sana irra maaltu gaʼe?” jette.+ 32 Innis gara foddichaatti ol ilaalee, “Na cinaa kan dhaabbate eenyu dha? Eenyu?”+ jedhe. Yeruma sanas abbootiin taayitaa mana mootummaa lama yookiin sadii taʼan gara isaa gad ilaalan. 33 Innis, “Gad ishii darbadhaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan gad ishii darbatan; dhiigni ishiis girgiddaa irrattii fi fardeen irratti faffacaʼe; Yehuunis fardeeniin ishii dhidhiite. 34 Sana booda inni ol seenee ni nyaate, ni dhuges. Achiis, “Maaloo, ishiin intala mootii waan taateef,+ dubartii abaaramtuu tana fuudhaatii awwaalaa” jedhe. 35 Haa taʼu malee, yommuu ishii awwaaluuf dhaqan, buqqee mataa ishii, miila ishii fi barruuwwan harka ishii malee homaa hin arganne.+ 36 Isaan deebiʼanii yommuu isatti himan, inni akkana jedhe: “Kun raawwii raajii Yihowaan karaa Eeliyaas Tishbichaa isa tajaajilaa isaa taʼee akkana jechuudhaan dubbatee ti:+ ‘Maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti saroonni foon Iizaabel ni nyaatu.+ 37 Isaan, “Kun Iizaabeli” akka hin jennetti, reeffi Iizaabel bakka maasii Yezriʼel keessa jiru tokko irratti akka dikee ni taʼa.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi