Wantoota Akkamiitiif Dursa Kennita?
1 Gaaffii kanaaf deebii akkamii kennita? Hundi keenya fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu akka hawwinu beekamaadha. (Mat. 6:33) Haata’u malee, ‘Filannoonkoo kana kan argisiisudhaa?’ jennee of gaafachuun keenya barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun: “Of Qoraa!” jedhee nu jajjabeessaa. (2 Qor. 13:5) Hojii Mootummichaatiif akka dursa kennaa jirru of qoruu kan dandeenyu akkamitti?
2 Yeroo Keenyaa Akkamitti Itti Fayyadamna?: Yeroo keenya akkamitti akka itti fayyadamuu barbaannu qoruudhaan jalqabuu dandeenya. (Efe. 5:15, 16) Sochiiwwan hawaasummaarratti, televijiinii ilaaluutti, Intarneetiitti gargaaramuufi wantoota yeroo hojiin alatti dabarsinu garabiraarratti torban keessatti sa’aatii hammamii dabarsina? Yeroo sochiiwwan kanarratti dabarsinu galmeessinee qabachuudhaan, yeroo sochii hafuuraarratti dabarsinuu wajjin wal bara qabnee utuu ilaallee nu dinqisiisuu danda’a. Jireenya qannoo jiraachuuf jecha, tajaajila keenya aarsaa gochuudhaan sa’aatii dabalataa hojiirratti dabarsinaa? Dhuma torbaniirratti bashannanuuf jecha walga’iiwwaniif tajaajilarraa guyyaa meeqa hafneerra?
3 Wanta Dursi Kennamuufi Qabu: Baay’een keenya wanta barbaanne hundaa gochuuf yeroo ga’aa hin qabnu. Kanaaf, hojii Mootummichaatiif dursa kennuu akka dandeenyutti, ‘waan wayyu qoruuf’ yeroo ramaduu qabna. (Filp. 1:10) Kunimmoo, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, tajaajilarratti hirmaachuu, maatii keenya kunuunsuufi walga’iiwwan gumiirratti argamuu kan dabalatudha. (Far. 1:1, 2; Rom. 10:13, 14; 1 Xim. 5:8; Ibr. 10:24, 25) Sochiiwwan garabiraa, jechuunis sochii jabina qaamaa salphaa ta’e, bashannanawwan gaariifi wantoota kanaa wajjin wal fakkaatanirratti hirmaachuunis bu’aa qaba. (Mar 6:31; 1 Xim. 4:8) Haata’u malee, wantoonni baay’ee barbaachisaa hin taane kun yeroo hojii Mootummichaatiif oolchinu nu jalaa fudhachuu hin qaban.
4 Obboleessi dargaggeessi tokko hojii Mootummichaatiif duras kennuu waan barbaadeef, barumsa sadarkaa olaanaa hojii guddaa isaaf argamsiisu hordofuurra tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu murteesse. Afaan garabiraa erga baratee booda bakka babal’istoonni caalaatti barbaachisan dhaqee tajaajilu jalqabe. Akkas jedhe: “Jireenya gammachuu qabu jiraachaan jira. Tajaajilli baay’ee kan nama gammachiisudha! Dargaggoonni hundi hojii Mootummichaatiif dursa kennuudhaan gammachuu ani argadhe akka argatan hawwii kooti. Waan qabnu hundaan Yihowaa tajaajiluu kan caalu hin jiru.” Eeyyee, hojii Mootummichaatiif dursa kennuun eebba argamsiisa; caalaattimmoo Yihowaa gammachiisa.—Ibr. 6:10.