LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 10/06 ful. 1
  • Warri Kaan Michuu Waaqayyoo Akka Ta’an Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warri Kaan Michuu Waaqayyoo Akka Ta’an Gargaaraa
  • Tajaajila Mootummaa—2006
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Qabiyyee Kadhannaa Keenyaa Fooyyessuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2006
km 10/06 ful. 1

Warri Kaan Michuu Waaqayyoo Akka Ta’an Gargaaraa

1 Yeroo har’aatti namoonni saba hundaa keessaa dhufan daandii Yihowaa barachaa jiru. (Isa. 2:2, 3) Haata’u malee, namoonni kun ‘obsanii ija godhachuuf’ Yihowaa jaallachuu qabu. (Luq. 8:15; Mar. 12:30) Jaalala akkasii utuu hin qabaatin dhiibbaa isaanirra ga’u mo’uu ykn wanta sirrii ta’e hojjechuuf jabina argachuu hin danda’an. Warri kaan Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan karaan itti gargaarru keessaa inni tokko, amalawwansaatiif dinqisiifannaa qaban akka guddisan gargaaruudhaanidha. Yaadawwan kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamurratti akka xiyyeeffanaadhaan yaadan jajjabeessaa.

2 Fakkeenya Ta’aa: Gochi keessan barattoota Macaafa Qulqulluurratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’a. Hariiroo Yihowaa wajjin qabdaniif bakka guddaa akka kennitan arguunsaaniifi dhiibbaa gaarii hariiroon kun jireenya keessanirratti fide hubachuunsaanii, isaanis isaa wajjin hariiroo akkasii qabaachuuf akka kaka’an isaan gargaara. (Luq. 6:40) Dhugumayyuu, fakkeenya gaarii ta’uun wanta dubbannu caalaa dhiibbaa gaarii isaanirraan ga’a.

3 Warri, ijoolleensaanii Yihowaa akka jaallatan barsiisuuf wanti caalaatti isaan gargaaru fakkeenya gaarii ta’uusaaniiti. (Kes. 6:4-9) Abbaan manaafi haati manaa ijoolleesaanii dhugaa keessatti guddisuu barbaadan, warra ijoollee guddisuudhaan milkaa’an gorsa gaafachuu danda’u. Abbaan manaa tokko akkas jedheera: “Namoonni ani haasofsiise hundi warri fakkeenya gaarii ta’uu qabu jechuudhaan yaada wal fakkaatu kennaniiru.” Kanaaf, warri “fira [“michuu,” 1899] Waaqayyoo” ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e, guutummaa jireenyasaaniitiin argisiisuudhaan ijoolleesaaniitiif fakkeenya gaarii ta’uu danda’u.—Yaq. 2:23.

4 Kadhannaa Garaadhaa Madde: Warri kaan kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaatti akka dhihaatan barsiisuudhaanis Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan gargaaruu dandeessu. Fakkeenya Yesus kadhannaa ilaalchisee barsiise, kadhannaawwan garaadhaa maddaniifi Caaffata Qulqullaa’aa keessatti argamanis itti argisiisuu dandeessu. (Mat. 6:9, 10) Ijoolleen keessanis ta’an barattoonni Macaafa Qulqulluu, yeroo kadhannaa gootan akka dhaggeeffatan gochuudhaanis akkamitti kadhachuu akka danda’an barsiisuu dandeessu. Kadhannaa garaadhaa madde yeroo dhiheessitan dhaga’uunsaanii jaalala Yihowaadhaaf qabdan isaan hubachiisa. Yeroo rakkoon isaan mudatu ‘kadhachuutti akka ciman’ isaan jajjabeessaa. (Rom. 12:12) Yeroo rakkoon isaanirra ga’u gargaarsa Yihowaa argachuunsaanii, isatti akka amanamaniifi michuusaanii isa dhugaa godhanii isa ilaaluu akka jalqaban isaan gargaara.—Far. 34:8; Filp. 4:6, 7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi