“Ija Baay’ee Godhachuu” Keessan Itti Fufaa
1 Yesus fakkeenyatti fayyadamee, ofiisaa akka muka wayniitti, Abbaasaa akka isa muka dhaabee Eeguutti, duuka buutotasaa warra hafuuraan dibamanimmoo akka dameewwan waynii ija godhataniitti ibsee ture. Yesus, hojii fakkeenya isa muka dhaabee Eeguu yommuu ibsu, muka wayniitti maxxananii jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uusaa argisiiseera. (Yoh. 15:1-4) Kanarraa wanti barannu jira. Kunis namni Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu hundi, Yesus Kiristos isa ‘muka waynii isa dhugaa’ wajjin haala wal fakkaatuun damee ija godhatu ta’uu qaba. ‘Ija hafuuraas’ ta’e ija Mootummichaa heddumminaan godhachuu keenya itti fufuu qabna.—Gal. 5:22, 23; Mat. 24:14; 28:19, 20.
2 Ija Hafuuraa: Karaa hafuuraa guddachuun keenya kan madaalamu, akka gaariitti ija hafuuraa akka godhanne argisiisuu keenyaanidha. Yeroo hunda Dubbii Waaqayyoo qayyabachuufi irraatti xiinxaluudhaan ija hafuura Waaqayyoo godhachuuf carraaqqii gootuu? (Filp. 1:9-11) Hafuura qulqulluu isa amalawwan Yihowaadhaaf ulfina fidan akka horattaniifi karaa hafuuraa guddina akka gootan isin gargaaru kadhachuurraa duubatti hin jedhinaa.—Luq. 11:13; Yoh. 13:35.
3 Kana malees, ija hafuuraa godhachuun keenya tajaajiltoota hinaaffaa qaban akka taanu nu gargaara. Fakkeenyaaf, yeroon keenya kan murtaa’e yoo ta’eyyuu, jaalalaafi amantii qabaachuun keenya walitti aansinee tajaajilarratti hirmaachuuf akka karoorfannu nu kakaasa. Amalawwan akka nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaafi of dhowwuu, karaa sirrii ta’een mormitootaaf deebii akka kenninu nu gargaaru. Gammachuun namoonni yommuu dantaa dhabanillee tajaajila keenya jaalalaan akka itti fufnu nu dandeessisa.
4 Ija Mootummichaa: Kana malees ija Mootummichaa godhachuu barbaanna. Kunis “aarsaa galataa maqaa isaa [Yihowaa] beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba’uu dha.” (Ibr. 13:15) Misiraachoo kana hinaaffaafi utuu walirraa hin kutin lallabuudhaan kana gochuu dandeenya. Tajaajila dhuunfaa keessanii fooyyessuudhaan ija Mootummichaa baay’inaan godhachuuf carraaqqii cimaa gochaa jirtuu?
5 Yesus duuka buutonnisaa warri amanamoon ija baay’ina gara garaa qabu akka godhatan dubbatee ture. (Mat. 13:23) Kanaaf, hanga humni keenya danda’e goona malee, warra kaanii wajjin wal bira of qabuu hin qabnu. (Gal. 6:4) Dubbii Waaqayyootti fayyadamnee utuu of hin sobin haala dhuunfaa keenya qoruun keenya, ‘ija baay’ee godhachuudhaan’ Yihowaadhaaf ulfina fiduu keenya akka itti fufnu nu gargaara.—Yoh. 15:8.