LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/08 ful. 1
  • Utuu Walirraa Hin Kutin Lallabaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Utuu Walirraa Hin Kutin Lallabaa
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkamittiin Dhaga’uree?
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • “Dhaqaatii . . . Saba Hundumaa Keessaa Namoota Barattoota Godhaa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Manaa Gara Manaa Tajaajiluun Yeroo Ammaatti Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Carraaqqii Gochuu Kee Itti Fufi
    Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 6/08 ful. 1

Utuu Walirraa Hin Kutin Lallabaa

1 Yeroo tokko tokko naannoon tajaajilaa keenya irra deddeebi’amee guutummaatti kan hojjetame ta’uyyuu, bu’aan akka hin argamne nutti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, lallabuu keenya itti fufuuf sababa ga’aa qabna.—Mat. 28:19, 20.

2 Akka Dhugaa Ba’uuf: Yesus, misiraachoo Mootummichaa lallabuun, milikkita ‘dhuma barichaa’ isa guddaa ta’uusaa raajii dubbatee ture. Misiraachoon kunis lallabamuu kan qabu, “saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf” ta’uusaa ibseera. (Mat. 24:3, 14) Namoonni Misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti hirmaachuu keenya arguunsaanii ergaa guddaa dabarsa. Namoonni tokko tokko ergaa keenya yoo dhaggeeffachuu baataniyyuu, erga nuti achii deemnee booda sa’aatii ykn guyyoota hedduudhaaf waa’ee keenya odeessuu danda’u. Sababii itti lallabnu beekuun keenya, rakkinni yoo jiraateyyuu utuu walirraa hin kutin lallabuuf nu gargaara. Dhugaa ba’uufi badiisa dhufaa jiru akeekkachiisuudhaan raawwii raajii Macaafa Qulqulluu keessatti ga’ee qabaachuun keenya Yihowaa gammachiisa.—2 Tas. 1:6-9.

3 Obsi Barbaachisaadha: Yeroon namootaa wantoota yaada namaa hiran hedduudhaan waan qabamuuf, fedhii nama tokkoo caalaatti guddisuun obsa gaafata. Dubartiin tokko Dhugaa Baatonni manashee dhaqanii waa’ee Macaafa Qulqulluu akka ishee mari’achiisan murteessuushee dura, waggaa tokkoof torban torbaniin deddeebiin gaaffii godhameefii ture. Dubartiin kun, wanta dhageessetti baay’ee waan gammaddeef, Macaafa Qulqulluu qayyabachuu, walga’iiwwan gumiirratti argamuufi utuu baay’ee hin turin cuuphamuuf fedhii akka qabdu argisiisteetti.

4 Haalli biyya lafaas ta’e haalli namootaa atattamaan jijjiiramaa jira. Namoonni kanaan dura ergaa keenya dhaggeeffachuu didan, amma abdii gammachiisaa isaanitti himnu fudhachuu danda’u. Namni tokkollee ergaa Mootummichaa yoo fudhate, obsi keenya bu’aa argamsiiseera jechuudha.

5 Namoonni addunyaa maratti argaman baay’een, ‘wanta ciiggaasisaa hojjetamutti gaddaafi boo’aa jiru.’ (His.9:4) Bu’aan lallaba keenyarraa argame, namoonni garaa qajeelaa qaban ergaa Mootummichaa fudhachaa akka jiran kan argisiisudha. (Isa. 2:2, 3) Kanaafuu, jaalalaafi obsaan “misraachoo” himuu keenya itti haa fufnu.—Isa. 52:7; HoE. 5:42.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi