Akkamittiin Dhaga’uree?
1. Hojiin lallabaa rakkisaa ta’uu kan danda’u maaliifi? Itti fufuu kan qabnu maaliifi?
1 Yeroo guyyaan Yihowaa saffisaan dhihaachaa jiru kanatti, namoonni hedduun waa’ee Waaqayyoofi kaayyoo inni ilmaan namootaaf qabu ilaalchisee beekumsa sirrii akka argatan isaan gargaaruun ariifachiisaadha. (Yoh. 17:3; 2 Phe. 3:9, 10) Al tokko tokko, namoonni hedduun dantaa kan hin qabne ykn kan nutti ga’isan waan ta’aniif kana raawwachuun rakkisaa ta’uu danda’a. (2 Phe. 3:3, 4) Tajaajilarratti namoonni misiraachoo lallabnuuf akkuma dhaga’aniin kan fudhatan akka jiran amanuufis sababii ga’aa qabna. Namoonni akkasii utuu isaanitti hin himamin akkamitti dhaga’uu danda’u?—Rom. 10:14, 15.
2. Fakkeenyi Phaawulos ergamaa kan nu jajjabeessu akkamitti?
2 Mormii Nurra Ga’u Mo’uu: Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhaga’uuf namoonni fedhii qaban hedduun waan jiraniif mogoleen nu bu’uu hin qabu. Filiphisiiyus magaalaa ardii Awurooppaa si’a taatu, lallaba Phaawulos ergamaa dhaga’uudhaan ishee jalqabaa turte. Phaawulosiifi Siilaas sobaan erga himatamanii booda reebamanii mana hidhaa galanii turan. (HoE. 16:16-24) Qaamaafi miirasaaniirra miidhaan akkasii ga’ullee Phaawulos sodaatee lallabuu hin dhiisne. Phaawulos, tajaajila misiyoonummaa adeemutti magaalaa Tasaloniiqee ishee Filiphisiiyusitti aantee jirtu yeroo daawwate ‘Waaqayyo ija jabina’ kenneeraaf. (1 Tas. 2:2) Fakkeenyi Phaawulos ‘laafuu’ akka hin qabne kan argisiisu mitii?—Gal. 6:9.
3. Namoonni kanaan dura dhaggeeffachuuf fedhii hin qabne, ilaalchasaanii akka geddaratan wanti isaan taasisu maalidha?
3 Namoonni hedduun yeroo dheeraaf misiraachoo nuyi itti himnu dhaggeeffachuu didan amma ilaalchisaanii jijjiirameera. Rakkoon dinagdee akka tasaa mudatu, dhukkubni, du’a miseensa maatii keessatti mul’atu ykn wantoota addunyaarratti raawwataman ilaalchisee gabaasawwan isaan dhaga’an ilaalchisaanii akka jijjiiramu gochuu danda’a. (1 Qor. 7:31) Ijoolleen tokko tokko kan warrisaanii isaan ari’achaa turan, amma ga’eessota waan ta’aniif dhaga’uuf fedhii qabu. Lallaba keenyatti fufuun namoonni akkasii utuu yeroonsaa hin darbin ‘maqaa Yihowaa waammachuudhaan’ akka oolan carraa banaaf.—Rom. 10:13, NW.
4. ‘Utuu gargar hin kutin’ tajaajila keenya raawwachuuf kan nu kakaasu maalidha?
4 ‘Utuu Gargar Hin Kutin’: Jaalalli nuyi Waaqayyoofi namootaaf qabnu, akkuma ergamoota Yesus jaarraa tokkoffaatti turan hojii lallabaafi bartoota taasisuurratti ‘utuu gargar hin kutin’ hirmaachuuf nu kakaasa. (HoE. 5:42) Namoonni hedduun yeroo har’aa ‘wantoota ciiggaasisaa hojjetamaa jiranitti gaddaafi boo’aa’ jiru. (His. 9:4) Namoonni akkasii misiraachicha yeroo dhaga’an abdiifi gammachuu guddaatu isaanitti dhaga’ama. Namoonni hedduun yeroo nu dhaga’uu didanittillee, Caaffanni Qulqullaa’aan carraaqqii goonutti Yihowaan akka gammadu nuu mirkaneessa.—Ibr. 13:15, 16.