LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 6/08 ful. 1
  • Maatiinkee Fayyinaaf Qophaa’aa Jiraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatiinkee Fayyinaaf Qophaa’aa Jiraa?
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Badiisa Jalaa Ooluuf Qophii Gooteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2008
km 6/08 ful. 1

Maatiinkee Fayyinaaf Qophaa’aa Jiraa?

1 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu raawwiisaanii argatan, badiisni biyya lafaa kun atattamaan dhihaachaa akka jiru argisiisu. Yeroo rakkisaa Bishaan Badiisaa dura turee wajjin wal fakkaatu keessa jiraanna. (Mat. 24:37-39) Nohi badiisa biyya lafaa isa yeroo sanatti ga’erraa ooluu kan danda’e, ‘karaa Waaqayyoorra waan deddeebi’eef’ ture. (Uma. 6:9) Maatiin Nohis badiisarraa kan oolan, seera Yihowaa waan isaan barsiiseef ta’uu qaba. Fakkeenya Nohi hordofuudhaan, maatiin keenya badiisa biyya lafaa kanarratti dhufu jalaa akka oolu qopheessuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Isa Qajeelina Lallabe: Nohi waggoota 40 hanga 50 ta’aniif obsaan ‘qajeelina lallabeera.’ (2 Phe. 2:5) Dhiibbaa ergamoota hamoo foon uffatanii jala ta’anis ta’uu baatanis, ollaawwansaa lallabasaatti qoosanii akka turan beekamaadha. Yeroo baay’ee namoonni tajaajila keenyaaf dantaa kan hin qabneefi kan tuffatan ta’uunsaa, dhumni biyya lafaa kun dhihaachuusaa argisiisa. (2 Phe. 3:3, 4) Haata’u malee, haala namoota bara Nohitti turanirraa adda ta’een, namoonni baay’een lallaba keenya fudhachuudhaan gara waaqeffannaa Yihowaatti ‘yaa’aa’ jiru. (Isa. 2:2) ‘Nuyis taane warri nu dhaga’an’ akka fayyan gochuu kan dandeenyu, lallabuu keenya yoo itti fufne qofadha. (1 Xim. 4:16) Warri, jechaanis ta’e gochasaaniitiin hojiin lallabaa kun ariifachiisaa ta’uusaa ijoolleesaanii barsiisuunsaanii barbaachisaadha!—2 Xim. 4:2.

3 Inni “Akkuma” Ajajame Godheera: Nohiifi maatiinsaa fayyuu kan danda’an qajeelfama Yihowaa of eeggannoodhaan waan hordofaniif ture. (Uma. 6:22) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis yeroo har’aa, qajeelfama Macaafni Qulqulluunis ta’e hojjetaa amanamaafi ogeessi nuu kennuf “ajajamuuf qophaa’aa” ta’uun keenya barbaachisaadha. (Yaq. 3:17, NW) Ijoolleen miseensa maatii tokkoo turaniifi yeroo ammaa ga’eessota ta’an, abbaansaanii qajeelfama jaarmiyaa Yihowaa akkamitti hojiirra oolchaa akka ture yaadatu. Fakkeenyaaf, torban torbaniin qayyabannaa maatii geggeessuufi maatiisaa wajjin tajaajiluudhaan qajeelfama kenname hojiirra oolcha ture. Torbanitti al tokko mucaasaa tokkoo wajjin tajaajiluuf carraaqqii godha ture. “Akkuma” jedhame gochuu itti fufuunsaa ijoolleesaarratti dh iibbaa gaarii geessisee waan tureef, ja’ansaaniiyyuu tajaajiltoota Yihowaa amanamoo ta’anii guddataniiru.

4 Badiisni biyya lafaa kanaa akka tasaa dhufa. (Luq. 12:40) Nuyis akkuma Nohi amantii fayyina nuuf argamsiisu qabaachuudhaan, ofis ta’e maatii keenya qopheessuu dandeenya!—Ibr. 11:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi