“Mootummaan Kee haa Dhufu”—Kadhannaa Namoonni Miliyoonaan Lakkaaʼaman Dhiheessan
Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhattee beektaa? Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman jaarraawwan hedduudhaaf kadhannaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhu irra deddeebiʼanii dhiheessaa turaniiru. Kadhannaa kana kan dhiheessan maaliifi? Yesuus Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu akka kadhatan duuka buutota isaatti waan himeefi.
Jalqabarratti, duuka buutonni Yesuus wanta inni Mootummicha ilaalchisee dubbate hundumaa hin hubanne turan. Yeroo tokko, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatanii turan. Tarii, Yesuus kallattiidhaan deebii isaaniif kennuu dhiisuun isaa isaan ajaaʼibsiisee taʼuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 1:6, 7) Maarree, Mootummaan Waaqayyoo maal akka taʼee fi yoom akka dhufu beekuu hin dandeenyu jechuudhaa? Matumaa!
Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii argachuuf si gargaara:
Mootummaan Waaqayyoo kan nu barbaachisu maaliifi?
Mootiin Mootummaa Waaqayyoo eenyu?
Mootummaan Waaqayyoo lafa kan bulchu yoomi?
Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?
Ammuma Mootummaa Waaqayyoo deggeruu kan qabdu maaliifi?
Mootummaan Waaqayyoo maalidha?