LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/08 ful. 3-4
  • Gamoowwan Keessatti ‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gamoowwan Keessatti ‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Saaduqa Gaaffii
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Intarkoomiitti Fayyadamuudhaan Lallabuu
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Namoonni Yeroo Manaa Dhabamanitti
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Tajaajila Keessaniif Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Tajaajila Mootummaa—2008
km 12/08 ful. 3-4

Gamoowwan Keessatti ‘Guutummaatti Wangeela Dhugaa Ba’aa’

1. ‘Guutummaatti wangeela dhugaa ba’uun’ maalfaa dabalata?

1 Akkuma Phaawulos fedhiin keenya ‘guutummaatti wangeela dhugaa ba’uudha.’ (HoE. 20:24, NW) Kanaaf ergaa Mootummichaa namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran hundaan ga’uuf hamma dandeenye carraaqna. Kunimmoo namoota hedduu gamoowwan keessa jiraatan kan dabalatudha. Al tokko tokko bakkawwan jireenyaa akkasii seenuun rakkisaa ta’uu danda’a. Ta’us gamoowwan kana keessa namoonni hedduun waan jiraataniif, misiraachicha isaaniin ga’uuf carraa guddaa nuu bana.

2. Gamoowwan keessatti yeroo lallabnu hubannaan tarkaanfii gaarii fudhachuun kan barbaachisu maaliifi?

2 Yakkaafi hammeenyi waan babal’ataniif bakkawwan tokko tokkotti gamoowwan hedduun hiituudhaan kan cufamaniifi waardiyyaa kan qaban ykn kaameeraa sochii namaa to’atuun eegamu. (2 Xim. 3:1, 2) Tarii qajeelfama namoota heyyamameef malee eenyuyyuu akka ol hin seenne godhu qabaachuu danda’u. Keessumaa jiraattota gamichaa keessaa tokko yoo nu morme, waardiyyichi akka achii deemnu gochuu danda’a. Kanaaf, of eeggannoon tarkaanfii gaarii fudhachuun barbaachisaadha.

3. Gamoowwan keessatti tajaajiluuf yeroon mija’aan yoomi? Maaliif?

3 Yeroo Itti Lallabnu: Akkuma naannoo tajaajilaa kaanii, gamoowwan keessattis yeroo namoonni manasaaniitti argamu jedhamee yaadamutti lallabuun gaariidha. Jiraattonni hedduun yeroo manatti hin argamne dhaqnee tajaajiluun shakkii uumuu danda’a. Babal’istoonni hedduun yeroo namoonni hojiidhaa manatti galan gara galgalaa, akkasumas Sanbadduraafi Dilbata dhaquun namoota argachuudhaan milkaa’aniiru. Lafa barii dhaqanii gamoowwan keessatti tajaajiluun jiraattonni itti gaafatamaa gamichaatti akka iyyatan gochuu danda’a.

4, 5. Gamoowwan hiituudhaan cufaman seenuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Gamichatti Seenuu: Babal’istoonni tajaajila jalqabuusaanii dura waardiyyaa ykn itti gaafatamaa gamichaa kamiiniyyuu tasumaa gaafachuu hin qaban. Gamoo hiituudhaan cufamee jirutti bilbila keessaatiin kan haasofsiifnu taanaan, isaan fayyadamnee nama fedhii qabu haasofsiisuu dandeenya. Akkuma haala gamichaatti nama akka seennu nuu heyyame erga haasofsiifnee booda, jiraattota gamichaa kan biraas haasofsiisuu dandeenya ta’a. Yeroo biraattimmoo haalawwan tokko tokko ilaalchisee manicha keessaa ba’uudhaan, jiraattota warra ittaanan karaa bilbila keessaatiin haasofsiisuun gaarii ta’uu danda’a. Akkasittiin al tokkotti baay’ina jiraattota haasofsiisuu qabnu ilaalchisee murtoo gaarii gochuu qabna.

5 Jiraattonni tokko tokko kaayyoo itti haasofsiisuu barbaadde karaa bilbila keessaatiin akka isaanitti himtu filatu ta’a. Akkas taanaan eenyummaakee gaarummaan beeksisi. Maqaan nama haasofsiiftu sanaa baafata lakkoofsa bilbilaa keessaarratti barreeffamee jira taanaan maqaasaatiin waami. Haala ifaafi gabaabaa ta’een wanta itti himuu barbaadde dubbadhu. Babal’istoonni tokko tokko kitaaba Ragaa Dhiheessuurraa kallattumaan dubbisuun milkaa’aniiru.

6. Gamoowwan waardiyyaa qaban keessatti yeroo lallabnu maal gochuu qabna?

6 Gamoon sun waardiyyaa kan qabuufi seennee akka hin tajaajille kan barbaadu taanaan, isaaf lallabuuf carraaquu qabna. Waardiyyoonni hedduun barreeffamoota keenya dubbisuun isaanitti tola. Yoo barbaade kutaa waardiyyaa keessatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuu dandeenya. Waardiyyichi nama kanaan dura haasofsiifnee fedhii argisiise qofa akka haasofsiisnu yoo nuu heyyame, mana nama garabiraa rurrukutuu utuu dhiisnee baay’ee gaariidha.

7. Boorsaa barreeffamoota itti qabannee lallabnu ilaalchisee maal yaadachuu qabna?

7 Qulqullina Qaamaafi Akkaataa Uffannaa: Boorsaa guddaatti barreeffamoota baay’ee baatanii adeemuun namoonni akka nu shakkan godha. Kanaaf boorsaa akka shakkamnu nu taasisu ykn tasumaa qabachuu dhiisuuf murteessina ta’a. Babal’istoonni tokko tokko barreeffama raabsuu barbaadaniifi Macaafa Qulqulluu boorsaa xinnootti ykn kiisiitti baatu.

8. Gareen gamoo keessatti tajaajilu gurmaa’uu kan danda’amu akkamitti?

8 Xiyyeeffannaa hin barbaachisne waan harkisuuf, naannoo ykn mooraa keessatti gujjaa’anii dhaabachuun gaarii miti. Gamoowwan naannoo yakki guddaan itti raawwatamu keessatti tajaajilla taanaan, of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. (Fak. 22:3) Fakkeenyaaf babal’istoonni cimdiidhaan lama ykn sadii ta’anii gamoo tokkorra dabaree dabareen, gareen kaan gaafa mana rurrukutu inni tokko dhaabatee haala ga’uu danda’u hordofuudhaan tajaajiluu danda’u ta’a.

9. Namoota akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

9 Gamicha gaafa seentu kopheekee qulqulleessi, erga seentee booda balbala manichaa sirriitti cufi. Karaa kanaan jiraattota gamichaa akka kabajnu argisiisuudhaan komii nurratti dhihaatu xiqqeessuu dandeenya. Karaa gamicha keessaa namoonni irra adeemanirra callisnee asiifi achi jooruurra, balbala tajaajiluu barbaanne bira dafnee dhaquudhaan hojii keenya jalqabuu qabna. Kun shakkii namoota nu arganii hir’isuu danda’a.

10. Karaa kutaalee gidduu jiranitti ennaa tajaajillu sagalee ol kaasnee dubbachuurraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Gamoowwan hedduu keessatti, sagaleen karaa kutaalee gidduurraa ni dhaga’ama. Kanaaf hanga namni haasofsiistu dhaga’u malee, sagaleekee ol kaastee hin dubbatin. Babal’istoota kaanii wajjin ennaa haasoftu haala namoonni akka shakkan hin taasisneen, sagalee gad qabuun sabiriidhaan dubbadhu. Kanaan kan ka’e babal’istoonni tokko tokko asiifi achi deddeebi’uun jiraattota gamichaa jeequu mannaa, tarreedhuma tokko rurrukutanii fixu malee tokko isa gararraa tokkommoo tarree isa gajjallaa hin rurrukutani. Guddisanii ykn akka ajajaatti balbala rurrukutuun jiraattota manicha naasisuu danda’a.

11. Yommuu mana rurrukunnu nama karaa qaawwa balbalaa nu haasofsiisuuf yaada kenname kamtu nu gargaara?

11 Balbalichi qaawwa karaa itti nama ilaalan kan qabu taanaan, bakka argamuu dandeessan dhaabadhaa. Gara qaawwichaa sirriitti ilaalaa, manicha keessaa namni isin ilaalaa akka jiru mirkaneeffannaan, ho’istanii erga nagaa gaafattanii booda ergaa dabarsuu barbaaddan itti himaa. Namni haasofsiistan ‘Maqaan keessan eenyu?’ jedhee isin gaafannaan, maqaa keessan itti himuun gaariidha. Akkas goonaan balbala isinii banuu danda’a. Ta’uu baannaanis bakkuma jirtan dhaabachuun itti himaa.

12. Namoota mana hin jirreef barreeffama ennaa keenyu rakkoowwan uumamuu danda’an hambisuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yeroo Namoonni Mana Hin Jirre: Komiin yeroo hedduu waardiyyoota gamoo biraa dhagaa’amu barreeffamoota karaa kutaalee gidduu jiranirra lafarratti kufanii argaman funaanuu akka ta’e dubbatu. Barreeffamni balbala manaarra callisamee kaa’amu salphaatti lafa bu’uudhaan akka kosiitti ilaalamee gatamuu danda’a. Kanaaf barreeffamni warra mana hin jirreef kaa’amu kamiyyuu, bakka namoonni kaan argan kaa’amuu hin qabu.

13. Namoonni aaran yeroo nu mudatan maal gochuu qabna?

13 Namoota Aaran: Namni haasofsiisuuf jennu kan aaruufi tarii akka adeemnuuf waardiyyaa waamuu kan barbaadudha taanaan, tarree sana dhiisnee adeemuudhaan yeroo biraatti deebi’uun gaariidha. Karaa biraammoo waardiyyaa wajjin wal falmuu mannaa dhiisanii deemuun gaarii ta’uu danda’a. Namni haasofsiistan deebitanii akka hin gaafanne dubbateera taanaan, lakkoofsa gamichaa akka hin haasofsiisne jedhu kaardiirratti yaadannoo qabachuun gaariidha. Akkuma warra deebitanii na hin haasofsiisinaa jedhu teessoowwan kanaan dhaqanii gaafachuudhaan fedhiin nama kanaa mirkaneeffamuu qaba.

14, 15. Itti gaafatamaan gamoo tokko bakka sanaa akka adeemnu ennaa nu gaafatu maal gochuu qabna?

14 Bakka Sanaa Akka Adeemnu Ennaa Gaafatamnu: Gamicha keessa utuu tajaajilaa jirtanii namoota nagaa kabachiisaniin, hojii suphiinsaa raawwataniin ykn qaama gamicha bakka bu’u keessaa tokkoon, akka adeemtan yoo gaafatamtan battalumaan deemuun gaariidha. Hamma danda’ametti seera cabsuufi qaama poolisiitti himatamnee dhihaachuudhaan namootaa wajjin wal falmuurraa fagaachuu barbaanna. Yeroo hedduu itti gaafatamaan gamoo Dhugaa Baatota Yihowaa jibbaaf utuu hin ta’in, kana kan godhu hojiisaaf jedheeti.

15 Al tokko tokko itti gaafatamaan gamichaa akka deemtan ennaa isin gaafatu, gaarummaafi malaan kaayyoo dhaqxan ibsuufii dandeessu ta’a. (1 Phe. 3:15, 16) Gammachuufi nageenya jiraattota gamichaa eeguuf itti gaafatamummaa akka qabu beekna. Tarii waan dhaqxaniif akka raawwattaniifi isinii heyyama ta’a. Ta’uu baannaan jecha hamaa utuu hin dubbatin dhiisaa deemaa. Haallisaa kan isinii mijaa’uufi kutaan keessa ta’anii nama eegan jiraannaan, utuu walirraa hin kutin yeroo murtaa’aa ta’etti barreeffama achi kaa’uuf heyyama gaafachuu dandeessu. (Qol. 4:6) Ilaaltuun olaanaa tajaajilaa haalawwan akkasii ilaalchisee odeeffannoo haaraa yeroo yerootti qabaachuu qaba.

16. Gamoo keessatti ennaa tajaajillu ammas rakkoon yoo nu mudate maal gochuu qabna?

16 Tarii babal’istoonni yeroo muraasa booda deebi’anii malaan gamicha keessatti tajaajiluuf yaaluu danda’u. Ammas rakkinni uumamnaan, babal’istoonni tooftaasaaniin rakkoo uumame hiikuuf akka yaalan gochuu mannaa, jaarsoliin gargaarsaaf waajjira damee gaafachuu qabu. Babal’istoonni gamoo keessatti tajaajiluun yoo isaan rakkise, jiraattota gamichaa karaawwan addaddaatiin jechuunis bilbilaan ykn xalayaa barreessuudhaan argachuuf carraaquu qabu. Babal’istoonni tokko tokko mooraa gamoo sanaatiin ala ganamaafi galgala yommuu jiraattonni gamichaa hojii dhaqan ykn manatti deebi’an karaarratti tajaajilu.

17. Gamoowwan keessatti tajaajiluun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

17 Biyyi lafaa hammeenyaan guutame dhihootti ni bada. Ennaa kanatti namoota maqaa Yihowaa waaman qofatu oola. “Namoonni immoo, nama itti hin amanne attamitti waammatu ree? Attamittis nama waa’ee isaa dhaga’anii hin beeknetti amanu ree?” (Rom. 10:13, 14) Namoonni gamoo kana keessa jiran baay’een ‘jireenya barabaraatiif kan qophaa’anidha.’ (HoE. 13:48) Of eeggannoo gochuufi tarkaanfii gaarii fudhachuudhaan misiraachoo isaaniin ga’uu dandeenya.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi