“Yaadawwan Jiʼa . . . Barruulee Raabsuuf Gargaaran”
Kutaa Walgaʼii Tajaajilaa akkaataa barruulee itti raabsinu ibsu qabna. Kaayyoonsaa qabiyyee barruulee sanaa irra deebiʼuu miti. Kanaa mannaa, kutaan kun yaadawwan barruulee sana raabsuuf gargaaranirratti mariʼachuuf kan qophaaʼedha. Kanaaf, akkuma qajeelfamasaarratti kenname, obboleessi kutaa kana akka dhiheessuuf ramadame, akkaataa dhiheenyaa gabaabaa miira hoʼaadhaan barruulee sana raabsuuf nu kakaasu dhiheessa. Achiis, hundumtuu hordofuufi yaadawwan itti fayyadamuu barbaadan barreeffachuu akka dandaʼaniif, babalʼistoonni matadureewwan jiran irratti tokko tokkoon (matadureewwan walitti aananirratti) yaada akka kennan godha. Akkaataa dhiheenyaa isaan itti fayyadaman dhaggeeffattoota duuchaatti gaafachuu mannaa, gaaffiiwwan fedhii namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran kakaasuu dandaʼaniifi caqasawwan isaan itti fayyadamuuf yaadan gaafata. Hojiin argisiisa barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman argisiisu dhiheessuudhaan xumura. Hundi keenyayyuu barruulee kana dursinee dubbisuudhaan yaada kennuuf akka qophoofnu jajjabeeffamneerra. Hundumti keenya yoo qophoofne, kutaan kun walii walii keenya qaruuf nu gargaara.—Fak. 27:17.