Sagantaa Torban Muddee 24 Jalqabu
TORBAN MUDDEE 24 JALQABU
Faarfannaa 5fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
w10 8/15 ful. 21-22 key. 1-10 (Daq. 30)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Zak. 9-14 (Daq. 10)
Lakk. 1: Zak. 11:1-13 (Daq. 4 ykn isaa gad)
Lakk. 2: Aangoo Mataa Maatiitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu—fy ful. 185–186, key. 6-9 (Daq. 5)
Lakk. 3: Fakkeenya 15:1 Hojiirra Oolchuu Kan Dandeenyu Akkamitti? (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 30: Weeb Saayitii Keenyatti Akka Gaariitti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti? Fuula 3-6rratti hundaaʼee mareedhaan kan dhihaatu. Yeroo fuula 4rratti mariʼattan, hojiin argisiisa daqiiqaa sadii maatii tokko Waaqeffannaa Maatii galgalaasaanii xumuran argisiisu akka dhihaatu godhi. Mataan maatii sun yaadawwan torban dhufu qayyabatan ilaalchisee kan gaafatu siʼa taʼu, ijoolleen kutaa Weeb saayitii “Dargaggoota” jedhurratti mariʼachuu akka barbaadan dubbatu. Dhaggeeffattoonni Weeb saayitii jw.org jedhamutti dhuunfaattis taʼe maatiidhaan qayyabannaadhaaf akkamitti itti fayyadamaa akka jiran ykn akkamitti fayyadamuuf akka karoorfatan ilaalchisee yaada akka kennan afeeri. Naannoo keessanitti kan hojjetu yoo taʼe, yeroo fuula 5rratti mariʼattan, hojiin argisiisa daqiiqaa sadii babalʼisaan tokko amantii keenya ilaalchisee gaaffii namni tokko isa gaafateef Weeb saayitii moobaayiliisaarra jirutti fayyadamee yeroo deebii kennu argisiisu akka dhihaatu godhi. Yeroo fuula 6rrratti mariʼattan, hojiin argisiisa daqiiqaa afurii babalʼisaan tokko nama fedhii argisiiseefi afaan kan biraatiin dubbisuu barbaadu tokko yeroo haasofsiisu akka dhihaatu godhi. Babalʼisichi moobaayiliisaatti ykn kompiitarii nama haasofsiisaa jiru sanaatti fayyadamee Weeb saayitii jw.org jedhamurraa afaansaatiin tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu ykn kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu afaan nama haasofsiisaa jiru sanaan qophaaʼe itti argisiisuudhaan irratti mariʼatu. Dhaggeeffattoonni Weeb saayitii jw.org jedhamu akkamitti itti fayyadamaa akka jiran ilaalchisee akka yaada kennan afeeri.
Faarfannaa 10fi Kadhannaa