‘Dubbiin Kun Garaa Kee Keessa Haa Taaʼu!’
Warri akkuma tiksitootaa ti. Ijoollee isaanii salphaatti karaa irraa jalʼifamuu fi balaadhaaf saaxilamuu dandaʼan akka gaariitti kunuunsuu qabu. (Fak. 27:23) Maarree warri gaʼee isaanii kana raawwachuu kan dandaʼan akkamitti? Wanta sammuu fi garaa ijoollee isaanii keessa jiru beekuuf guyyaa hundumaa isaanii wajjin haasaʼuu qabu. (Fak. 20:5) Akkasumas, warri amantii ijoollee isaanii cimsuuf miʼawwan ibidda keessa darbuu dandaʼaniin ijaaruu qabu. (1 Qor. 3:10-15) Viidiyoon ‘Dubbiin Kun Garaa Kee Keessa Haa Taaʼu!’ jedhamu yeroo hunda waaqeffannaa maatii godhachuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Viidiyoo kana maatiidhaan ilaalaatii, gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.
(1) Wanti maatiin Rooman wantoota hafuuraa irratti akka hin xiyyeeffanne isaan godhe maali dha? (2) Yaaliin Obboleessi keenya Rooman waaqeffannaa maatii gochuuf godhe utuu hin milkaaʼin kan hafe maaliifi? (3) Qajeelfamni Macaafa Qulqulluu ijoollee guddisuu irratti milkaaʼina argachuuf gargaaru maali dha? (Kes. 6:6, 7) (4) Miseensonni maatii akka gaariitti akka waliin haasaʼaniif wanti gumaacha gochuu dandaʼu maali dha? (5) Warri ijoollee isaaniitiif aarsaawwan akkamii kaffaluu qabu? (6) Obboleessi keenya Beeroonii fi haati manaa isaa maatii Rooman irratti dhiibbaa gaarii akkamii godhan? (Fak. 27:17) (7) Waaqeffannaan maatii milkaaʼina akka qabaatuuf mataawwan maatii dursanii qophii akkamii gochuu qabu? (8) Obboleessi keenya Rooman haala maatii isaa fooyyessuuf maal godhe? (9) Haala dhaabbataa taʼeen waaqeffannaa maatii gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Efe. 6:4) (10) Yaadawwan waaqeffannaa maatiidhaaf taʼanii fi hojii irra ooluu dandaʼan tokko tokko kam faʼi? (11) Obboleessi keenya Rooman, Maarkas wanta sirrii taʼe gochuun isaa barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatu yommuu gargaaru tasgabbii kan qabu garuu cimaa kan ture akkamitti? (Er. 17:9) (12) Obboleessi keenya Roomanii fi haati manaa isaa, walitti dhufeenya Ribeekaan Jastiinii wajjin qabdu ilaalchisee murtoo sirrii taʼe akka gootu kan ishee gargaaran akkamitti? (Mar. 12:30; 2 Xim. 2:22) (13) Obboleessi keenya Roomanii fi haati manaa isaa jireenya isaanii keessatti sirreeffama yeroo godhanitti amantii akka qaban kan argisiisan akkamitti? (Mat. 6:33) (14) Viidiyoon kun mataawwan maatii wanta karaa hafuuraa maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun isaanii barbaachisaa taʼuu isaa kan addeessu akkamitti? (1 Xim. 5:8) (15) Akka mataa maatii tokkootti murtoon kee maali dha?
YAADACHIISA MATAAWWAN MAATIITIIF KENNAME: Diraamaan ammayyaa kun walgaʼii naannoo bara 2011tti godhame irratti kan dhihaate ture. Yeroo sanatti, waaqeffannaa maatii keessan irratti fooyyaʼiinsa tokko tokko gochuu akka qabdan yaaddanii turtanii? Amma hoo wanti fooyyessuu qabdan jiraa? Fooyyaʼiinsa dabalataa gochuun isin barbaachisa yoo taʼe, kadhannaadhaan irratti yaadaatii jijjiirama maatii keessaniif faayidaa bara baraa argamsiisu godhaa.—Efe. 5:15-17.