Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Barsiisuuf, Qophiin Barbaachisaa Dha
Yesus jireenya bara baraa ilaalchisee yeroo adda addaatti yoo xinnaate siʼa lama gaaffii gaafatamee ture; taʼus yeroo lamaanittuu haala namoota isa gaafatan sanaa irratti hundaaʼuudhaan deebii kenneera. (Luq. 10:25-28; 18:18-20) Kanaaf, barreeffama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf itti fayyadamnu akka gaariitti kan beeknu taʼus, haala barataa keenyaa yaadatti qabachuudhaan qophaaʼuun barbaachisaa dha. Qabxiiwwan baratichi hubachuuf ykn fudhachuuf itti ulfaachuu dandaʼu kam faʼi? Caqasoota kam utuu isaa wajjin dubbisnee gaarii dha? Qayyabannaa kana irratti barumsa hammamii qayyabachuu qaba? Baratichi barumsa sana akka hubatu gargaaruuf fakkeenya qopheessuun, akkamitti akka ibsinuuf qophaaʼuun ykn gaaffiiwwan qopheessuun nu barbaachisa taʼa. Kana malees, sanyiin dhugaa garaa nama tokkoo keessatti akka guddatu kan godhu Yihowaa waan taʼeef, qophii qayyabannaa kanaaf goonu, barataa keenya, akkasumas carraaqqii karaa hafuuraa isa gargaaruuf goonu akka nuuf eebbisu Yihowaa kadhachuu qabna.—1 Qor. 3:6; Yaq. 1:5.