Bifawwan Adda Addaa Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu Qabutti Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Fayyadamaa
Barataan tokko wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu yommuu baratuu fi wanta barate hojii irra yommuu oolchu karaa hafuuraa ni guddata, firiis ni godhata. (Far. 1:1-3) Bifawwan adda addaa kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu qabutti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuudhaan barataan keenya guddina akka argisiisu isa gargaaruu dandeenya.
Gaaffiiwwan Seensaa: Tokkoon tokkoon boqonnaa jalatti, seensa irratti gaaffiiwwan boqonnicha keessatti deebii argatan jiru. Baratichi barumsicha hawwiidhaan akka eeggatu gochuuf gaaffiiwwan kana dubbisuufii dandeessu. Yookiin tokkoon tokkoon gaaffiiwwan sanaatiif deebii gabaabaa akka kennu gaafachuu dandeessu. Yeroo kanatti deebii dogoggora taʼe yoo kenne illee baraticha sirreessuun hin barbaachisu. Yaadni baratichi kennu qabxiiwwan kam irratti xiyyeeffachuu akka qabdan hubachuuf isin gargaara.—Fak. 16:23; 18:13.
Kutaa Dabalataa: Baratichi barumsi boqonnicha keessa jiru isaaf galeera taanaan, kutaa dabalataa boqonnichaaf kenname dhuunfaadhaan akka dubbisu isa jajjabeessuu dandeessu. Qayyabannaa itti aanu irratti yaada kutaa dabalataa sana keessa jiru hammam akka hubate beekuuf daqiiqaa muraasa ramaduu dandeessu. Baraticha ni fayyada jettanii yoo itti amantan garuu, qayyabannaa keessan irraa yeroo muraasa fudhachuudhaan keeyyatoota muraasa ykn guutummaa kutaa dabalataa sanaa irratti mariʼadhaa; keeyyaticha erga dubbistanii booda gaaffii dursitanii keeyyatichaaf qopheessitan isa gaafadhaa.
Saanduqa Irra Deebii: Gaaffiin saanduqa irra deebii xumura tokkoon tokkoon boqonnaa jalatti argamu, gaaffiiwwan jalqaba boqonnaa irratti gaafatamaniif deebii kan qabate dha. Saanduqa kana, barataan keessan qabxiiwwan ijoo taʼan akka gaariitti hubachuu isaa, akkasumas qabxiiwwan sana ibsuu dandaʼuu fi dhiisuu isaa hubachuuf itti gargaaramuu dandeessu. Tokkoon tokkoon himaa fi caqasa saanduqicha keessa jiru waliin dubbisaa. Achiis baratichi caqasawwan sanatti fayyadamee qabxiin ibsame dhugaa taʼuu isaa akka ibsu gaafadhaa.—HoE. 17:2, 3.