LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 12/15 ful. 1
  • Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Anbaaqom

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Anbaaqom
  • Tajaajila Mootummaa—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaa Amanadhu, Jiraadhus!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Karaa Hafuuraa Dammaqoo fi Qopha⁠a⁠ʼoo T⁠a⁠ʼaa Jiraadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Tajaajila Mootummaa—2015
km 12/15 ful. 1

Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Anbaaqom

1. Haalli keenya kan Anbaaqomii wajjin wal fakkaata kan jennu maaliifi?

1 Hamminni addunyaa irratti raawwatamu hammam dabalaa akka jiru yommuu arginu akka Anbaaqom isa, “Maaliif wanta jalʼaa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?” jedhee Yihowaa gaafatee nutti dhagaʼamuu dandaʼa. (An. 1:3; 2 Xim. 3:1, 13) Ergaa Anbaaqom irrattii fi fakkeenya inni amanamaa taʼuudhaan nuu kaaʼe irratti xiinxaluun keenya, yommuu guyyaa murtii Yihowaa eeggannu kanatti nu gargaaruu dandaʼa.—2 Phe. 3:7.

2. Yeroo harʼaatti amantiidhaan akka jiraannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Amantiidhaan Jiraadhaa: Anbaaqom haala gaarii hin taaneen abdii kutachuu mannaa, karaa hafuuraa dammaqaa taʼee itti fufeera. (An. 2:1) Yihowaan, dubbiin isaa yeroo isaatti raawwii isaa akka argatuu fi ‘namni qajeelaan amantii isaatiin akka jiraatu’ isaaf mirkaneesseera. (An. 2:2-4) Kun Kiristiyaanota bara dhumaa keessa jiraachaa jiraniif hiika akkamii qaba? Dhumni akka dhufu amanuun, yeroo dhumni itti dhufu beekuu caalaa barbaachisaa dha. Amantiin dammaqoo akka taanuu fi tajaajilaaf dursa akka kenninu nu kakaasa.—Ibr. 10:38, 39.

3. Gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argannu eegnee jiraachuu kan qabnu maaliifi?

3 Yihowaatti Gammadaa: Yommuu Goog inni biyya Maagoog saba Yihowaa irratti lola banu, amantiin keenya ni qorama. (His. 38:2, 10-12) Waraanni, isa injifatu irratti illee rakkina fiduun isaa hin oolu. Hanqinni nyaataa uumamuu, qabeenyi baduu fi sadarkaan jireenyaa gad buʼu dandaʼa. Haalawwan rakkisaa taʼan ennaa uumamanitti tarkaanfii akkamii fudhanna? Anbaaqom haalli rakkisaan akka dhufu eegee waan tureef, Yihowaa tajaajiluudhaan gammachuu isaa eegee jiraachuuf murteessee ture. (An. 3:16-19) ‘Gammachuun Waaqayyo kennus’ haala rakkisaa gara fulduraatti nu mudatu moʼuuf nu gargaara.—Nah. 8:10; Ibr. 12:2.

4. Ammas taʼe gara fuulduraatti gammachuu akkamii argachuu dandeenya?

4 Namoonni Yihowaan guyyaa murtii isaa irraa akka oolan godhu akkaataa jireenyaa inni barbaadu barachuu isaanii itti fufu. (An. 2:14) Warri duʼaa kaʼanis waaʼee Yihowaa ni baratu. Yeroo ammaatti illee, carraa argannu hundatti fayyadamnee waaʼee Yihowaa fi waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa haa dubbannu!—Far. 34:1; 71:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi