LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Caamsaa ful. 2
  • JW Library Fayyadamaa Jirtaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • JW Library Fayyadamaa Jirtaa?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mana Kitaaba Harka Keessan Irra Jiru
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Saanduqa Xiqqoo Nyaanni Hafuuraa Ittiin Dhihaatu
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Caamsaa ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

JW Library Fayyadamaa Jirtaa?

JW Library appilikeshinii tolaa (software application) Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota kaan, viidiyoowwanii fi sagantaalee sagalee qofaan waraabaman meeshaalee adda addaa irratti garagalfachuuf si gargaaru dha.

Kitaabota Kitaaba Qulqulluu JW Library

AKKA ITTI ARGATTU: Bakka intarneetiin jirutti, kutaa app store jedhamu irra JW Library feʼadhu. Appilikeshiniin kun meeshaalee elektirooniksii adda addaa irratti hojjeta. Intarneetii irraa appilikeshinicha banuudhaan wantoota meeshaa kee irratti garagalfachuu barbaaddu filadhu. Manaa intarneetii hin qabdu taanaan, tarii Galma Mootummaa, mana kitaabaa sabaa ykn iddoo intarneetiin jiru dhaqxee fayyadamuu dandeessa. Barreeffamoota takkaa meeshaa kee irratti garagalfannaan itti fayyadamuuf Intarneetiin sin hin barbaachisu. Yeroo yeroodhaan wantoonni haaraan JW Library irratti waan dabalamaniif, wantoonni tokko tokko yommuu fooyyeffaman yeroo yerootti intarneetii irraa garagalfachuu qabda.

FAAYIDAA AKKAMII QABA? JW Library qoʼannaa dhuunfaa gochuunii fi wantoota walgaʼiiwwan gumii irratti dhihaatan hordofuun caalaatti mijataa akka siif taʼu godha. Tajaajilaaf, keessumaa immoo karaa al idilee taʼeen dhugaa baʼuuf fayyada.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi