LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb16 Caamsaa ful. 8
  • Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JW Library Fayyadamaa Jirtaa?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Mana Kitaaba Harka Keessan Irra Jiru
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Tajaajila Keessan Irratti Weeb Saayitii jw.org Fayyadamaa—“Michuu Yihowaa Taʼi”
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Manni Kitaabaa Galma Mootummaa Kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
mwb16 Caamsaa ful. 8

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Karaawwan JW Library Fayyadamuun Itti Dandaʼamu

QOʼANNAADHAAF:

  • Kitaaba Qulqulluu fi caqasa guyyaa dubbisuuf itti fayyadami.

  • Kitaaba Waggaa (Ingiliffa), barruulee fi barreeffamoota kaan dubbisi. Mallattoo itti godhachuuf isa Bookmarks jedhutti fayyadami

  • Walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuu fi deebii jala muruuf itti fayyadami

  • Viidiyoowwan ilaali

Dhugaa Baatonni Yihowaa yommuu geejjiba sabaatti fayyadamanitti meeshaalee elektiroonksii isaanitti fayyadamanii yeroo qoʼannaa godhan

WALGAʼIIWWAN IRRATTI:

  • Caqasawwan obboleessi haasaa dhiheessu caqasu baasii hordofi. Gara caqasaatti deebiʼuuf isa history jedhutti fayyadami

  • Barreeffamoota hedduu baattee gara walgaʼii deemuu mannaa, kutaa adda addaa walgaʼichaa hordofuu fi faarfannaa faarfachuuf meeshaa elektirooniksii keetti fayyadami. JW Library faarfannaawwan haaraa kitaaba faarfannaa irratti hin maxxanfamne qabateera

Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii gumii irratti yommuu JW Library fayyadaman

TAJAAJILA IRRATTI:

  • Nama fedhii argisiisetti wanta tokko JW Library irraa itti argisiisi; achiis appilikeshinii JW Library fi barreeffamoota meeshaa elektirooniksii isaa irratti akkamitti akka feʼatu itti argisiisi

  • Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko baafachuuf isa Search jedhutti fayyadami

  • Viidiyoo itti argisiisi. Namni haasofsiistu sun ijoollee yoo qabate, viidiyoo Michuu Yihowaa Taʼi jedhu keessaa tokko itti argisiisi. Yookiin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif fedhii akka qabaatu gochuuf, viidiyoo Macaafa Qulqulluu Qayyabachuu Kan Qabnu Maaliifi? jedhu itti argisiisi. Namni tokko afaan kan biraa kan dubbatu yoo taʼe, afaan isaatiin viidiyoo tokko itti argisiisi

  • Kitaaba Qulqulluu afaan biraatiin garagalfatte tokko itti argisiisi. Gara caqasichaa dhaqiitii lakkoofsa isaatti buʼuudhaan caqasicha hiika kan biraatiin baasi

Dhugaa Baatonni Yihowaa intala xinnoo tokko fi warra ishiitti yommuu viidiyoo argisiisan
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi