LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 3 ful. 11
  • Eebba Warri Waaqayyoof Ajajaman Argatan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eebba Warri Waaqayyoof Ajajaman Argatan
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1. WAAQAYYOOF AJAJAMUUN OGEESSA NU TAASISA
  • 2. AJAJAMUUN GAMMACHUU NUUF ARGAMSIISA
  • Jaalalli Waaqayyoo Bara Baraaf Jiraata
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • “Jaalalli Waaqayyoo Isakana’oo”
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • ‘Ajajamuuf Qophoofteettaa’?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • “Anatu Iddoo Waaqayyootti Ilaalamaa Ree?”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 3 ful. 11
Maatiin tokko gammachuudhaan yeroo waliin dabarsaa jira. Haati intala ishii tokkoo wajjin kushinaatti nyaata bilcheessiti. Abbaan immoo intala ishii kaanii wajjin suuraa ilaalaa jira.

Ajajawwan Waaqayyoo eeguudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandeenya

Eebba Warri Waaqayyoof Ajajaman Argatan

Musee raajichi, Waaqayyoof yoo ajajamne eebba isaa akka argannu dubbateera. (Keessa Deebii 10:13; 11:27) Waaqayyoof kan ajajamnu nu adaba jennee waan sodaannuuf miti. Amalawwan Waaqayyoo gaarii taʼan jaalala isaaf qabnuun, akkasumas wanta isa gaddisiisu gochuu waan hin barbaanneef akka isaaf ajajamnu nu kakaasu. “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha.”—1 Yohaannis 5:3.

Haa taʼu malee, Waaqayyoof ajajamuun eebba isaa kan nuuf argamsiisu akkamitti? Karaa lama haa ilaallu.

1. WAAQAYYOOF AJAJAMUUN OGEESSA NU TAASISA

“Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.”—ISAAYAAS 48:17.

Waaqni keenya Yihowaan inni Uumaa keenya taʼe nu beeka, qajeelfama nu barbaachisus nuuf kenna. Barumsawwan isaa murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf akka nu gargaaran yoo barbaanne, wanta inni akka raawwannu barbaadu Kitaaba Qulqulluu irraa barachuu fi barumsa arganne hojii irra oolchuu qabna.

2. AJAJAMUUN GAMMACHUU NUUF ARGAMSIISA

“Gammadoon . . . namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!”—LUQAAS 11:28.

Yeroo harʼaa namoonni miliyonaan lakkaaʼamanii fi Dubbii Waaqayyootiif ajajamaa jiran gammachuu dhugaa argachaa jiru. Nama biyya Ispeen dafee kan aaruu fi haadha manaa isaa dabalatee namoota kaanis hacuucaa ture tokko akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Gaaf tokko, barreeffamoota Musee raajichi barreesse irraa, waaʼee garraamummaa Yoseef ilma Yaaqoob dubbise. Yoseef akka garbichaatti gurguramee, akkasumas karaa haqa qabeessa hin taaneen mana hidhaa galee kan ture taʼus garraamii, nagaa qabeessaa fi dhiifama kan godhu ture. (Uumama, boqonnaa 37-45) Namichi Ispeen jiraatu kun akkas jedheera: “Fakkeenya Yoseef irratti yaaduun koo garraamummaa, gaarummaa fi amala of toʼachuu horachuuf na kakaaseera. Kanaan kan kaʼes, yeroo ammaa jireenya gammachiisaan jiraachaa jira.”

Hariiroo warra kaanii wajjin qabnu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun qajeelfama dabalataa nuu kenna. Mata duree itti aanu irratti waaʼee kanaa gadi fageenyaan ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi