LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 3 ful. 10
  • Waaqayyo Biratti Fudhatama Argachuuf Kadhachuu Keessan Itti Fufaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaqayyo Biratti Fudhatama Argachuuf Kadhachuu Keessan Itti Fufaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GAD OF QABUUDHAAN GARAADHAA KADHADHAA
  • MAQAA WAAQAYYOO ISA DHUUNFAA FAYYADAMAA
  • QOOQA KEESSANIIN KADHADHAA
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 3 ful. 10
Nama giddu gala bahaa kadhachaa jiru.

Waaqni inni ‘kadhata namaa dhaga’u’ kadhannaa keenya dhagaʼuun isa gammachiisa.—FAARFANNAA 65:2

Waaqayyo Biratti Fudhatama Argachuuf Kadhachuu Keessan Itti Fufaa

Waaqayyo namootaaf dandeettii addaa kadhannaadhaan isaa wajjin dubbachuu fi miira isaanii isaaf ibsuu isaaniif kenneera. Daawit raajichi akkana jedhee kadhateera: “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu! Namni foon uffate hundinuu, cubbuu isaa wajjin gara kee ni dhufa.” (Faarfannaa 65:2) Haa taʼu malee, Waaqayyo akka nu dhagaʼuu fi akka nu eebbisuuf akkamitti kadhachuu qabna?

GAD OF QABUUDHAAN GARAADHAA KADHADHAA

Kadhannaan ati dhuunfaatti dhiheessitu, ‘wanta garaa keetti yaaddu Waaqayyo duratti dhangalaasuuf’ carraa siif bana. (Faarfannaa 62:8) Waaqni Hundumaa Danda’u kadhannaa nuti garaadhaa dhiheessinuuf bakka guddaa kenna.

MAQAA WAAQAYYOO ISA DHUUNFAA FAYYADAMAA

Waaqayyo maqaawwan ulfinaa hedduu kan qabu taʼus, maqaa dhuunfaa tokko qofa qaba. “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana.” (Isaayaas 42:8, NW) Maqaan Yihowaa jedhu Kitaaba Qulqulluu afaan jalqaba ittiin barreeffame keessatti gara si’a 7,000 caqasameera. Raajonni hedduun maqaa Waaqayyoo waamuuf maqaa isaa isa dhuunfaatti fayyadamaniiru. Abrahaam, “Yaa Yihowaa, maaloo . . . ammas [sii wajjin] dubbachuu koo akkan itti fufu naaf heyyami” jedhee kadhateera. (Uumama 18:30, NW) Nutis yommuu kadhannu maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadamuu qabna.

QOOQA KEESSANIIN KADHADHAA

Qooqa kam iyyuu kan dubbannu yoo taʼe, inni miira keenyaa fi yaada keenya ni hubata. Dubbiin isaa, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu. Kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba’ jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

Haa taʼu malee, eebba Waaqayyoo argachuuf kadhachuu caalaa wanti gochuu qabnu kan biraan jira. Mata duree itti aanu irratti wanta gochuu nu barbaachisu qorra.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi