LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Ebla ful. 2
  • Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akka Gaariitti Dhugaan Ni Baʼama
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Keessummoota Simadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
  • Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa!
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argaman Akkamitti Gargaaruu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Ebla ful. 2

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa

Eenyuun? Namoota haaraas taʼe michoota keenya yeroo dheeraadhaaf walgaʼii gumii irratti argaman hunda miira hoʼaadhaan simachuu qabna. (Rom 15:7; Ibr 13:2) Namni walgaʼii keenya irratti argame hidhata amantii keenya biyya kan biraatii dhufe ykn Kiristiyaana duubatti deebiʼee fi waggoota dheeraa booda yeroo jalqabaatiif walgaʼii keenya irratti argame taʼuu dandaʼa. Haala akkasii keessatti kan argamu utuu isin taʼe, maaltu akka isinitti dhagaʼamuu dandaʼu mee yaadaa. Simannaa hoʼaan utuu isiniif godhamee isin hin gammachiisuu? (Mat 7:12) Kanaaf, walgaʼiin jalqabamuu isaa duraa fi erga xumuramee booda, namoota Galma Mootummaa keenya keessatti argaman naannofnee nagaa gaafachuuf carraaqqii dabalataa maaliif hin goonu? Akkana gochuun keenya walgaʼiin keenya jaalalaa fi miira hoʼaa kan qabu akka taʼu godha; kun immoo Yihowaadhaaf ulfina argamsiisa. (Mat 5:16) Dhugaa dha, namoota walgaʼii irratti argaman hundaa dhuunfaatti haasofsiisuu hin dandeenyu taʼa. Hundi keenya iyyuu carraaqqii kan goonu yoo taʼe, namoonni walgaʼii irratti argaman hundi keessummummaan isaanitti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa.a

Keessummoota garaadhaa simachuun guyyoota addaa guyyoota akka Ayyaana Yaadannoo irratti qofa utuu hin taʼin yeroo hundaa argisiifamuu kan qabu dha. Namoonni haaraan jaalala Kiristiyaanotaa yommuu ija isaaniitiin arganii fi isaanittis jaalala akkasii yommuu argisiisnu, Waaqayyoon jajachuu fi waaqeffannaa dhugaa irratti nu wajjin hirmaachuuf kakaʼuu dandaʼu.—Yoh 13:35.

a Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu nama gumiidhaa baafame ykn of qoodee wajjin walitti dhufeenyi qabnu kan daangeffame taʼuu isaa argisiisa.—1Qo 5:11; 2Yo 10.

Obboleessi tokko namoota haaraa gara Galma Mootummaa dhufan yommuu simatu

KARAAWWAN NAMOOTA HAARAA GARGAARUU ITTI DANDEENYU

  • Maqaa keenya isaanitti himuu fi maqaa isaanii isaan gaafachuudhaan

  • Nuu wajjin akka taaʼan isaan afeeruudhaan

  • Kitaaba Qulqulluu fi kitaaba faarfannaa nuu wajjin akka ilaalan gochuudhaan

  • Walgaʼii booda gaaffii yoo qabaatan gaaffiiwwan isaaniitiif deebii kennuudhaan

  • Yeroo haalli isaa mijatutti immoo Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqaban isaan afeeruudhaan

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi