BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ERMIYAAS 22-24
‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ Qabduu?
Yihowaan namoota harbuu wajjin wal fakkeesseera
Yihudoonni amanamoon warra Baabilonitti boojuudhaan geeffaman gidduu turan harbuu gaariitti fakkeeffamaniiru
Zedeqiiyaa Mootichi inni amanamaa hin taanee fi namoonni wanta hama hojjetan kan biraan immoo harbuu badaatti fakkeeffamaniiru
‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beeknu’ qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
Dubbii isaa kan qoʼannuu fi hojii irra kan oolchinu yoo taʼe, Yihowaan ‘garaa ittiin isa beeknu’ nuu kenna
Garaa keenya haqaan qoruu, akkasumas amalaa fi hawwii hamaa hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessu buqqisnee of keessaa baasuu qabna