LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb17 Onkoloolessa ful. 7
  • Jireenya Kee Yihowaa Galateeffachuuf Itti Fayyadami!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Kee Yihowaa Galateeffachuuf Itti Fayyadami!
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fakkeenya Waaʼee Taalaantii Dubbatu Irraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mirga Qabdutti Gammadi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Wanti Akka Gammaddan Isin Godhu Maalidha?
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Taalaantii—Barumsa Cimanii Hojjechuu Ilaalchisee Kenname
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
mwb17 Onkoloolessa ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Jireenya Kee Yihowaa Galateeffachuuf Itti Fayyadami!

Jireenyi kennaa gatii guddaa qabu dha. Akkaataan guyyaa guyyaadhaan kennaa kanatti itti fayyadamnu hangam akka dinqisiifannu argisiisa. Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, beekumsaa fi dandeettii keenya, Yihowaa isa jireenya nuu kenneef ulfina kennuuf itti fayyadamuu barbaanna. (Far 36:9; Mul 4:11) Taʼus, yaaddoon addunyaa hamaa kanaa wajjin walqabate salphaadhumatti wantoota hafuuraatiif dursa akka hin kennine nu taasisuu dandaʼa. (Mar 4:18, 19) Kanaaf tokkoon tokkoon keenya akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Wantan qabu keessaa isa hunda caalu Yihowaadhaaf kennaan jiraa? (Hos 14:2) Hojiin koo gara kamitti na geessaa jira? Galmawwan hafuuraa baafadhe qabaa? Tajaajila koo balʼifachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Gama kanaan fooyyaʼiinsa gochuun kan si barbaachisu yoo taʼe, Yihowaan akka si gargaaruuf kadhadhu, akkasumas sirreeffama barbaachisaa taʼe godhi. Guyyaa guyyaadhaan Yihowaa galateeffachuun jireenya gammachuu guddaa qabu akka jiraattu akka si taasisu hin shakkisiisu!—Far 61:8.

Eedgaardoo Firaankoon waltajjii irratti yommuu sirbu; Eedgaardoo Firaankoo tajaajila irratti

Beekumsa kee eenyuuf kennaa jirta?

VIIDIYOO DANDEETTII KEE YIHOWAA TAJAAJILUUF ITTI FAYYADAMI JEDHU ILAALI, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALI:

  • Dandeettii kee addunyaa Seexanaatiif kennuun sirrii kan hin taane maaliifi? (1Yo 2:17)

  • Namoonni wanta qaban keessaa isa hunda caalu Yihowaadhaaf kennan eebba akkamii argatu?

  • Tajaajila qulqulluu isa kam irratti beekumsaa fi dandeettii kee fedhiidhaan itti fayyadamuu dandeessa?

YAADAWWAN WAAQEFFANNAA MAATIIF GARGAARAN:

  • Babalʼisaa waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa ture, tarii immoo tajaajila yeroo guutuu keessa tureef gaafannoo godhi. Wanta qabu keessaa isa hunda irra caalu kennuuf aarsaawwan akkamii kaffaleera? Yihowaan hoo kan isa eebbise akkamitti?

  • JW Biroodkaastiingi jalaa GAAFANNOO FI MUUXANNOO > EEBBAWWAN TAJAAJILLI QULQULLUUN ARGAMSIISU jedhu jalaa ilaali. Obboloota tajaajila yeroo guutuu adda addaa keessatti waggoota hedduu dabarsan arguu fi wanta isaan gammachuudhaan dubbatan dhagaʼuu dandeessu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi