LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb19 Hagayya ful. 8
  • Hojiiwwan Gaarii hin Irraanfatamne

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojiiwwan Gaarii hin Irraanfatamne
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Betʼel Maalidha?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
mwb19 Hagayya ful. 8
Obboleettiin takka Betʼel keessatti kutaa nyaata itti bilcheessan keessatti hojjechaa jirti

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Hojiiwwan Gaarii hin Irraanfatamne

Sabni Yihowaa hundi hojii gaarii matumaa hin irraanfatamne Yihowaadhaaf hojjechuu ni dandaʼu. Akkuma warri tokko ijoollee isaa jaallatuu fi hojii gaarii isaan hojjetan hin irraanfanne, Yihowaanis hojii hojjennee fi jaalala maqaa isaatiif argisiisne matumaa hin irraanfatu. (Mat 6:20; Ibr 6:10) Dhugaadha, dandeettii fi haalli keessa jirru garaagara dha. Taʼus, tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone gammachuu guddaa arganna. (Gal 6:4; Qol 3:23) Waggoota hedduudhaaf, obboloonni kumaan lakkaʼaman Betʼel keessa tajaajilaniiru. Betʼel keessatti fedhiidhaan tajaajiluu ni dandeessaa? Kan hin dandeenye yoo taʼe namni kan biraan akka tajaajilu ykn nama miseensa maatii Betʼel taʼe tokko tajaajila addaa kanatti akka itti fufuuf isa gargaaruu dandeessaa?

VIIDIYOO TAJAAJILA BETʼELIIF OF DHIHEESSI JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Wanti Betʼel keessatti tajaajiluuf nu kakaasu maal taʼuu qaba?

  • Obboloonni tokko tokko Betʼelitti tajaajiluu isaaniitiin eebba argatan ilaalchisee yaada akkamii kennan?

  • Betʼel keessatti tajaajiluuf ulaagaawwan barbaachisan isaan kamfaʼi?

  • Betʼel keessatti tajaajiluuf gaafachuu kan dandeessu akkamitti?

Miseensonni maatii Betʼel sadii kompiitara irratti hojii tokko hojjechaa jiru; obboleessi tokko barreeffamoota kaartoonii keessa kaaʼee saamsaa jira; obboleessi tokko Betʼel keessatti hojii mukaa hojjechaa jira

Ulaagaawwan Betʼel Keessatti Tajaajiluuf Barbaachisan

  • Nama Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif jaalala guddaa qabu

  • Nama ulaagaa naamusaa ol aanaa taʼe hordofuu fi Yihowaa duratti qalbii qulqulluu qabu

  • Nama akkaataa uffannaa fi miidhaginaa Kiristiyaana tajaajilaa taʼe tokkoof taʼu guutu

  • Nama bashannana Kiristiyaana tokkoof taʼu filatu

  • Yeroo baayʼee nama umurii waggaa 19 hanga 35 keessatti argamu yoo taʼe gaarii dha

  • Nama karaa sammuu, miiraa fi qaamaa fayya buleessa taʼe

  • Nama afaan waajjirri damee sun hojiidhaaf itti fayyadamu sirriitti dubbisuu, barreessuu fi dubbachuu dandaʼu

  • Nama yoo xiqqaate waggaa tokko tajaajiluuf fedhii qabu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi