AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Wantoota Kana Yaaduu Keessan Itti Fufaa”
Wantoota akkamii? Filiphisiyus 4:8 wantoota dhugaa taʼan hunda, wantoota ulfina qaban hunda, wantoota qajeelaa taʼan hunda, wantoota qulqulluu taʼan hunda, wantoota jaallatamoo taʼan hunda, wantoota maqaa gaarii qaban hunda, wantoota gaarii taʼan hundaa fi wantoota galateeffaman hunda yaaduu akka qabnu dubbata. Dhugaa dha, Kiristiyaanonni yeroo hunda wantoota hafuuraa qofa yaaduu qabu jechuu miti. Taʼus, wanti xiinxallu Yihowaa kan gammachiisu taʼuu qaba. Murtoo isaaf amanamoo taanee jiraachuuf goone nu jalaa laaffisuu hin qabu.—Far 19:14.
Yaadawwan dogoggoraa yaaduu dhiisuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Foon keenya isa cubbuu dhaale dabalatee Seexana isa ‘waaqa sirna kanaa’ taʼee wajjin walʼaansoo gochuu qabna. (2Qo 4:4) Sabqunnamtii addunyaa kan toʼatu isa waan taʼeef, sagantaaleen televizyiinii, raadiyoo, intarneetii irratti dhihaatanii fi wantoonni barreeffamoota irratti baʼan harki caalaan isaanii gar malee kan mancaʼaani dha. Wantoota gara sammuu keenyaatti galchinu yoo filachuu baanne, yaanni keenya ni mancaʼa; oolee bulee immoo gocha keenya irratti dhiibbaa gochuun isaa hin oolu.—Yaq 1:14, 15.
VIIDIYOO WANTOOTA AMANAMUMMAA MANCAASAN IRRAA FAGAADHA—BOHAARTII SIRRII HIN TAANE JEDHAMU ILAALAA; ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboleessi kun moobaayilii isaatiin maal ilaalaa ture? Kun hoo dhiibbaa kan isa irratti geessise akkamitti?
Galaatiyaan 6:7, 8 fi Faarfannaan 119:37 kan isa gargaare akkamitti?