BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 12-14
Kakuu Nuuf Hiika Qabu
Kakuu Yihowaan Abraamii wajjin gale, Mootummaan samii deggersa seeraa akka qabaatu godheera
Kakuun kun hojii irra ooluu kan jalqabe Dh.K.D. bara 1943tti yommuu Abraam gara Kanaʼaan deemuuf Laga Efraaxiis ceʼetti fakkaata
Kakuun kun hamma Mootummaan Masihiichaa dhufee diinota Waaqayyoo balleessutti, akkasumas maatii ilmaan namootaa lafa irra jiran hundaaf eebba argamsiisutti itti fufa
Yihowaan amantii guddaa Abraam qabuuf isa eebbiseera. Abdiiwwan Yihowaan kenne irratti amantii akka qabnu yoo argisiisne, kakuu Abraamiin kan kaʼe eebbawwan akkamiitu nu eeggatu?