BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 15-17
Yihowaan Maqaa Abraamii fi Saaraayi kan Jijjiire Maaliifi?
Yihowaan, Abraamiin nama Isa duratti balleessaa hin qabne akka taʼetti ilaaleera. Yommuu waaʼee waadaa isaaniif gale Abraamiif ibsetti, maqaa Abraamii fi Saaraayi maqaa wanta gara fuulduraatti taʼu ibsu kan biraatti jijjiireera.
Haala maqaa isaanii wajjin wal simuun yeroo booda Abrahaam abbaa saboota hedduu taʼeera; Saaraan immoo akaakilee moototaa taʼuu dandeesseetti.
Abrahaam
Abbaa Saboota Hedduu
Saaraa
Giiftii
Maqaa yeroo dhalannetti nuuf moggaafamu filachuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, akkuma Abrahaamii fi Saaraa maqaa gaarii qabaachuu ni dandeenya. Akkana jedhii of gaafadhu:
‘Yihowaa duratti nama balleessaa hin qabne taʼuu kanan dandaʼu akkamitti?’
‘Yihowaa duratti maqaa akkamiin horachaa jira?’