LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Bitootessa ful. 8
  • Eenyuufaa Affeeruun Qaba?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eenyuufaa Affeeruun Qaba?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ayyaana Yaadannootiif Qophaaʼaa Jirtuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Ayyaana Yaadannoo Beeksisuuf Duula Bitootessa 17 Jalqabu
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Waraqaan Afeerrii Ayyaana Yaadannoo Addunyaa Maratti Ni Raabsama!
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Yihowaan Carraaqqii Ayyaana Yaadannoo Kabajuuf Goonu Nuuf Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Bitootessa ful. 8
Obboleessi tokko kutaa nyaata itti bilcheessan keessatti fira isaa Dhugaa Baatu hin taane Ayyaana Yaadannoo irratti affeeraa jira. Haadhotiin manaa isaanii immoo isaan duubaa waliin haasaʼaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Eenyuufaa Affeeruun Qaba?

Waggaa waggaadhaan namoonni naannoo keenyatti argaman nu waliin Ayyaana Yaadannoo irratti akka argaman affeeruuf carraaqqii adda taʼe goona. Isaan keessaa baayʼeen isaanii namoota nuti hin beekne dha. Namoota beeknus immoo affeeruu qabna. Yeroo baayʼee namoonni, namoota beekaniin affeeraman affeerraa sana irratti ni argamu. (yb08-E 11 key. 3; 14 key. 1) Namoonni affeeruu dandeenyu eenyu faʼi?

  • Firoota keenya

  • Namoota wajjin hojjennu ykn wajjin barannu

  • Ollaawwan keenya

  • Namoota deddeebii gaaffii goonuuf, namoota duraan qoʼachiisaa turree fi amma qoʼachiisaa jirru

Dabalataanis, jaarsoliin obboloota karaa hafuuraa qabbanaaʼan affeeruu dandaʼu. Namoonni isin beektan naannoo isin jiraattan hin jiran yoo taʼe hoo? Kutaa WAAʼEE KEENYA jedhuu fi fuula jalqabaa weebsaayitii keenya irratti argamu keessaa liinkii “Ayyaana Yaadannoo” jedhu jalaa naannoo namni beektan keessa jiraatu keessatti saʼaatii fi iddoo Ayyaanni Yaadannoo itti kabajamu argachuu dandeessu. Yeroo Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaaf qophooftanitti, namoota affeeruu dandeessan adda baafadhaa, achiis waraqaa affeerrii kennaafii.

Suuraawwan garaa garaa: 1. Obboleessi tokko yeroo boqonnaa isaanitti nama tokkoof dhugaa baʼaa jira. 2. Obboleessi tokko mana nyaataa tokko keessatti namicha tokkotti viidiyoo argisiisaa jira.
    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi