BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BA’UU 23-24
Tuuta Duukaa hin Buʼinaa
Yihowaan dhimmoota seeraa irratti dhiibbaa namoota hedduutiin sobaan ragaa akka hin baane ykn murtii jalʼaa akka hin dabarsine, warra ragaa baʼanii fi abbootii murtii akeekkachiiseera. Gorsa kana kallattii jireenya keenyaa kan biraa irrattis hojii irra oolchuu dandeenya. Kiristiyaanonni ilaalchaa fi amala namoonni Waaqayyoof ulfina hin qabne qaban akka hordofan yeroo hundumaa dhiibbaan isaan irratti godhama.—Rom 12:2.
Haalawwan armaan gadii irratti tuuta duukaa buʼuun ogummaa kan hin taane maaliifi?
Oduu ragaa hin qabne ykn hamii dhagaʼuu irratti
Filannaa uffannaa, akkaataa rifeensa itti sirreeffannu ykn itti bashannannu irratti
Ilaalcha namoota sanyii, aadaa ykn sadarkaa jireenyaa keenya irraa adda taʼe qabaniif qabnu irratti