BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Seerawwan Yihowaa Ogummaa kan Qabanii fi Haqa Qabeeyyii Dha
Yommuu seerawwan Waaqayyootiif ajajamnu ogummaa fi hubannaa akka qabnu argisiisna (Kes 4:6; it-2-E 1140 key. 5)
Namoonni nu ilaalan hedduun gocha keenya irraa seerawwan Waaqayyoo ogummaa akka qaban barachuu dandaʼu (Kes 4:6; w99-AM 11/1 20 key. 6-7)
Sabni Yihowaa akkaataa jireenyaa saboota kaan irraa baayʼee adda taʼe qabu (Kes 4:7, 8; w07-AM 8/1 29 key. 13)
Namoonni hedduun amala gaarii namoota seeraa fi dhugaa buʼuuraa Waaqayyootiin gaggeeffaman qaban arguu isaaniitiin gara jaarmiyaa Yihowaa dhufaa jiru.
Qajeelfama Yihowaa ogummaa irratti hundaaʼe hordofuu keetiin eebbawwan akkamii argatteetta?