LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w21 Amajjii ful. 2-7
  • Tasgabbaaʼaa Yihowaatti Amanamaas

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tasgabbaaʼaa Yihowaatti Amanamaas
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTI AKKA YAADDOFNU NU TAASISU MAAL TAʼUU DANDAʼA?
  • WANTOOTA TASGABBAAʼUUF NU GARGAARAN JAʼA
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Ani Waaqayyo Kee Ti hin Naʼin!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Dhumni Barichaa Yeroo Dhihaachaa Jirutti Yihowaatti Amanami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
w21 Amajjii ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 1

Tasgabbaaʼaa Yihowaatti Amanamaas

CAQASA WAGGAA BARA 2021: ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu.’—ISA. 30:15.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa keenya

QABIYYEEa

1. Akkuma Daawit Mootichaa nu keessaa tokko tokko gaaffii akkamii gaafatu?

HUNDI keenya jireenya tasgabbii fi nagaa qabu jiraachuu barbaanna. Namni kam iyyuu dhiphachuun isa hin gammachiisu. Taʼus, yeroo tokko tokko dhiphinaa wajjin qabsoo goona taʼa. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko gaaffii Daawit Mootichi, “Guyyaa guyyaadhaan garaa kootti gaddaa, Hamma yoomiittan yaaddoo cimaa qabaadha?” jedhee gaafatee wajjin wal fakkaatu gaafatu taʼa.—Fr. 13:2.

2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

2 Dhiphina irraa guutummaatti bilisa taʼuu baannus, miira akkasii toʼachuuf waan hedduu gochuu dandeenya. Mata duree kana keessatti jalqaba wantoota akka yaaddofnu nu gochuu dandaʼan tokko tokko adda baasnee ilaalla. Achiis, yommuu rakkina wajjin qabsoo goonutti tasgabbaaʼuuf wantoota gochuu dandeenyu jaʼa irratti mariʼanna.

WANTI AKKA YAADDOFNU NU TAASISU MAAL TAʼUU DANDAʼA?

3. Dhiibbaawwan akkamii nu irra gaʼu? Dhiibbaawwan kana hoo hangam toʼachuu dandeenya?

3 Wantoonni nu yaaddessan hedduun jiru. Isaan keessaa tokko tokko akka nu hin mudanne gochuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, gatiin nyaataa, gatiin uffataa fi manaa waggaa waggaadhaan hammam akka dabalu toʼachuu hin dandeenyu; akkasumas namni nu wajjin hojjetu ykn baratu amanamummaa keenya akka cabsinu ykn wanta naamusaan ala taʼe akka raawwannu hammam irra deddeebiʼee akka nu qoru toʼachuu hin dandeenyu. Dabalataanis yakka naannoo keenyatti raawwatamu hambisuu hin dandeenyu. Haalawwan rakkisoon kun kan nu mudatan, addunyaa namoonni ilaalcha qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe hin qabne keessa waan jiraannuufi. Seexanni inni waaqa sirna kanaa taʼe, “yaaddoon sirna kanaa” namoota tokko tokko Yihowaa tajaajiluu akka dhowwu beeka. (Mat. 13:22; 1 Yoh. 5:19) Kanaafuu, addunyaan kun haalawwan nama dhiphisaniin guutamuun isaa nama hin dinqisiisu!

4. Yommuu dhiibbaa cimaan nu irra gaʼu maal goona taʼa?

4 Dhiibbaa cimaa nu irra gaʼuun kan kaʼe, dhiphinaan liqimfamuu dandeenya. Fakkeenyaaf, wanta nu barbaachisuuf qarshii gaʼaa hin argannu ykn dhukkubsannee hojii irraa hafna, darbees hojii keenya dhabna jennee yaaddofna taʼa. Kana malees, seera Waaqayyoo akka cabsinu yommuu qoramnu, amanamummaa keenya cabsina jennee yaaddaʼuu dandeenya. Seexanni dhiheenyatti warri toʼannaa isaa jala jiran saba Waaqayyoo akka haleelan godha, kanaafuu, yeroo sanatti maal goona jennee yaaddofna taʼa. Akkasumas tarii ‘waaʼee kanaa hamma tokko yaaddaʼuun koo dogoggoraa?’ jennee gaafanna taʼa.

5. Yesuus “yaaddaʼuu keessan dhiisaa” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?

5 Yesuus duuka buutota isaatiin, “yaaddaʼuu keessan dhiisaa” akka jedhe beekna. (Mat. 6:25) Kana jechuun maal iyyuu yoo nu mudate, inni matumaa akka hin yaaddofne nu irraa eega jechuudhaa? Lakki. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii iyyuu yaaddaʼanii turan, taʼus Yihowaa biratti fudhatama hin dhabne.b (1Mot. 19:4; Fr. 6:3) Yesuus kana kan dubbate nu jajjabeessuu barbaadee ti. Inni hamma tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu miidhamutti jireenya ammaatiif garmalee akka yaaddofnu hin barbaadu. Maarree karaawwan yaaddoo keenya toʼachuu itti dandeenyu kamfaʼi? Saanduqa, “Kana Gochuu Kan Dandeessan Akkamitti?” jedhu ilaali.

WANTOOTA TASGABBAAʼUUF NU GARGAARAN JAʼA

Fakkii: Obboleettiin tokko guyyaa keessatti yeroo gara garaatti yommuu kadhannaa dhiheessitu. 1. Nyaata nyaachuu ishii dura. 2. Paarkii keessa utuu teessuu. 3. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ishii dura.

Keeyyata 6 ilaalic

6. Akka Filiphisiyus 4:6, 7, jedhutti yaaddoo garaa keenyaa maaltu tasgabbeessuu dandaʼa?

6 (1) Yeroo hunda kadhadhaa. Kiristiyaanonni dhiibbaan isaan irra gaʼu garaadhaa Yihowaatti kadhannaa yommuu dhiheessan boqonnaa argachuu dandaʼu. (1 Ph. 5:7) ‘Nagaa Waaqayyoo isa hubannaa [nama] hundumaa irra caalu’ argachuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii arganna. (Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.) Yihowaan hafuura qulqulluu isa humna cimaa qabuun yaaddoo garaa keenyaa ni tasgabbeessa.—Gal. 5:22.

7. Yeroo Waaqayyotti kadhannaa dhiheessinu maal sammuutti qabachuu qabna?

7 Yommuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessitan wanta garaa keessan keessa jiru isatti himaa. Adda baasaa kadhadhaa. Rakkina isin mudate itti himaa, waaʼee rakkinichaa miira isinitti dhagaʼamus ibsaa. Dhimmichi furmaata argachuu ni dandaʼa yoo taʼe, ogummaa furmaata isaa beekuu fi cimina hojii irra oolchuuf isin gargaaru argachuuf kadhadhaa. Deebiin isaa rakkinichi toʼannaa keessanii ol akka taʼe kan argisiisu yoo taʼe, waaʼee isaa garmalee yaaddaʼuu dhiisuuf akka isin gargaaru Yihowaa kadhadhaa. Kadhannaa keessan kan dhiheessitan adda baastanii yoo taʼe, yeroo booda Yihowaan kadhannaa keessan akkamitti akka deebise ifatti hubachuu dandeessu. Erga kadhannaa dhiheessitanii booda yeruma sana yoo deebii dhabdan, abdii hin kutatinaa. Yihowaan adda baastanii akka kadhattan qofa utuu hin taʼin, kadhachuu keessan akka itti fuftanis ni barbaada.—Luq. 11:8-10.

8. Kadhannaa keenya keessatti maal dabaluu qabna?

8 Yaaddoo keessan Yihowaa irratti gatuuf kadhannaan dhiheessitan, galateeffannaas akka dabalatu godhaa. Haalli keessa jirru yeroo ulfaataa taʼutti illee, eebbawwan arganne yaadachuun gaarii dha. Yeroo tokko tokko miira keessan ibsuuf jechoota sirrii yoo dhabdan, Yihowaan kadhannaawwan salphaa kan akka ‘maaloo na gargaari!’ jedhaniif illee deebii akka kennu yaadadhaa.—2 Se. 18:31; Rom. 8:26.

Obboleettiin kun yeroo boqonnaa laaqanaa bakka hojiitti taableetii ishii fayyadamtee qoʼannaa dhuunfaa yommuu gootu.

Keeyyata 9 ilaalid

9. Nageenyi dhugaan akkamitti argamuu dandaʼa?

9 (2) Ogummaa keessanitti utuu hin taʼin, kan Yihowaatti amanamaa. Dh.K.D. jaarraa 18⁠ffaatti sabni Yihudaa Asoorotaan doorsifamanii turan. Waanjoo Asoorotaa jala galuu irraa ooluuf, Gibxii ishii Yihowaa hin waaqeffannetti garagalan. (Isa. 30:1, 2) Yihowaan daandiin dogoggoraa isaan hordofan badiisa akka geessisu isaan akeekkachiisee ture. (Isa. 30:7, 12, 13) Yihowaan nageenya dhugaa kan argatan akkamitti akka taʼe karaa Isaayyaas isaanitti hime. ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jedheera.—Isa. 30:15b.

10. Haalawwan Yihowaa akka amanannu itti argisiisnu tokko tokko maalfaʼi?

10 Yihowaa akka amanannu akkamitti argisiisuu dandeenya? Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu. Hojii mindaa gaarii siif argamsiisu, garuu immoo yeroo kee hedduu fudhatuu fi barsiifata hafuuraa kee irratti dhiibbaa godhu argatte haa jennu. Yookiin bakka hojiitti namni tokko jaalala sitti argisiise, taʼus namni kun tajaajilaa Yihowaa cuuphame miti. Yookiin, miseensi maatii jaallattu tokko, “Ana ykn Waaqa kee” filadhu jedhee si akeekkachiise. Haalawwan kana hunda keessatti murtoo cimaa gochuun si barbaachisa, taʼus yeroo murtoo gootu hundatti Yihowaan qajeelfama si barbaachisu siif kenna. (Mat. 6:33; 10:37; 1 Qo. 7:39) Gaaffiin kaʼu garuu ‘qajeelfama inni siif kennu hojii irra oolchuuf isatti ni amanamtaa?’ kan jedhu dha.

Obboleettiin kun Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisaa jirti.

Keeyyata 11 ilaalie

11. Mormiin yommuu nu irra gaʼu tasgabbaaʼuuf, seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kamfaa qoʼachuu dandeenya?

11 (3) Fakkeenyota gaarii fi gaarii hin taane irraa baradhaa. Kitaabni Qulqulluun seenaawwan hedduu faayidaa tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuun qabu ibsan qabateera. Seenaawwan kana yommuu qoʼattan, tajaajiltoonni Yihowaa utuma mormii cimaan isaan irra gaʼuu akka tasgabbaaʼan maaltu akka isaan gargaare hubadhaa. Fakkeenyaaf, manni murtii ol aanaa Yihudootaa lallabuu akka dhaaban yommuu isaan ajajetti ergamoonni hin sodaanne. Kanaa mannaa ija jabinaan, “Nuti namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof akka bulchaa keenyaatti ajajamuu qabna” jedhaniiru. (HoE. 5:29) Ergamoonni erga garafamanii booda illee hin sodaanne. Maaliifi? Yihowaan akka isaan deggeru waan beekaniif ture. Inni isaanitti gammadeera. Kanaafuu, misiraachicha lallabuu isaanii itti fufaniiru. (HoE. 5:40-42) Haaluma kana fakkaatuun, Isxifaanos baratichis yommuu ajjeefamuuf jedhetti, nagaa fi tasgabbii guddaa qabaachuu isaatiin kan kaʼe, fuulli isaa “akka fuula maleekaa” taʼee ture. (HoE. 6:12-15) Maaliif? Yihowaa biratti fudhatama akka argate mirkanaaʼaa waan tureefi.

12. Akka 1 Pheexiros 3:14 fi 4:14, jedhutti yommuu ariʼatamni nu irra gaʼu gammaduu kan dandeenyu maaliifi?

12 Ergamoonni, Yihowaan isaanii wajjin akka jiru ragaa ifa taʼe qabu turan. Inni dinqiiwwan akka raawwatan humna isaaniif kennee ture. (HoE. 5:12-16; 6:8) Yeroo harʼaa Yihowaan dinqii akka raawwannu humna nuuf hin kennu. Taʼus, qajeelummaadhaaf jennee yommuu rakkinni nu irra gaʼu, akka nutti gammaduu fi hafuuraa isaa akka nuuf kennu karaa Dubbii isaa jaalalaan nuuf mirkaneesseera. (1 Pheexiros 3:14; 4:14 dubbisi.) Kanaafuu, gara fuulduraatti ariʼatamni yoo nu irra gaʼe maal goona jennee sodaachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan akka nu gargaaruu fi akka nu oolchu amanannaa qabnu cimsachuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Akkuma barattoota duraanii, waadaa Yesuus, “ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi dura dhaabbachuu yookiin falmuu hin dandeenye isiniif nan kenna” jechuudhaan kennetti amanamuu qabna. Yesuus, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” jechuudhaan abdii nuuf kenneera. (Luq. 21:12-19) Yihowaan waaʼee tajaajiltoota isaa amanamummaadhaan duʼanii wantoota xixinnoo illee akka yaadatu matumaa hin irraanfatinaa. Beekumsa akkasii waan qabuuf duʼaa isaan ni kaasa.

13. Muuxannoo namoota utuu hin tasgabbaaʼinii fi Yihowaatti amanamin hafan qoruudhaan akkamitti fayyadamuu dandeenya?

13 Muuxannoo namoota utuu hin tasgabbaaʼinii fi Yihowaatti hin amanamin hafan irraas barachuu dandeenya. Fakkeenyota gaarii hin taane kana qoʼachuun keenya dogoggora wal fakkaatu raawwachuu irraa nu eega. Fakkeenyaaf, Aasaa Mootiin Yihudaa, bulchiinsa isaa gara jalqabaatti yeroo raayyaa guddaan tokko isa weeraruu dhufe Yihowaatti amanameera; Yihowaanis injifannoo isaaf kennuudhaan isa eebbiseera. (2 Se. 14:9-12) Booda garuu raayyaan Baashaa Mootii Israaʼel inni baayʼee xinnoo taʼe yommuu isatti dhufu, Aasaan akkuma duraan godhe fayyinaaf Yihowaatti amanamuu mannaa, gargaarsa loltootaa argachuuf Sooriyaaf qarshii kaffale. (2 Se. 16:1-3) Akkasumas jireenya isaa gara dhumaatti yeroo baayʼee dhukkubsatetti illee gargaarsaaf Yihowaatti hin amanamne.—2 Se. 16:12.

14. Dogoggora Aasaa irraa maal baranna?

14 Aasaan jalqaba irratti rakkinni yommuu isa mudatu Yihowaatti amanameera. Booda garuu, gargaarsaaf Yihowaatti garagaluu mannaa dhimmicha ofuma isaatiin furuuf filateera. Irra keessa yommuu ilaalamu, Aasaan Israaʼeliin loluuf Sooriyaa gargaarsa gaafachuun isaa gaarii fakkaata. Taʼus, milkaaʼinni inni argate yeroo muraasaaf qofa kan ture dha. Yihowaan karaa raajii tokkoo akkas jedheera: “Ati Waaqa kee Yihowaatti amanamuu dhiistee, mootii Sooriyaatti waan amanamteef, raayyaan waraanaa mootii Sooriyaa si harkaa miliqeera.” (2 Se. 16:7) Nutis wantoota tokko tokko ofuma keenyaan raawwachuu akka dandeenyu baayʼee ofitti amanamuudhaan, Yihowaan karaa Dubbii isaa qajeelfama akka nuuf kennu gaafachuu akka hin dhiisne of eeggachuu qabna. Yeroo haalli ariifachiisaan nu mudatutti illee, tasgabbiidhaan Yihowaatti amanamuu qabna; inni milkaaʼina akka argannu nu gargaara.

Obboleettiin takka waraqaa Isaayyaas 30:15 irratti barreessite firiijii ishii irratti yommuu maxxansitu.

Keeyyata 15 ilaalif

15. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu maal gochuu dandeenya?

15 (4) Caqasoota yaadatti qabadhaa. Kutaa Kitaaba Qulqulluu tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuudhaan jabina argachuu akka dandeenyu ibsu yommuu dubbistan, caqasoota ijoo muraasa yaadatti qabachuuf yaalaa. Sagalee ol kaastanii dubbisuun ykn barreeffattanii yeroo baayʼee irra deebitanii ilaaluun isin gargaaruu dandaʼa. Iyaasuun ogummaadhaan akka deddeebiʼuuf, kitaaba Seerichaa dhaabbataadhaan sagalee gad qabee akka dubbisu ajajamee ture. Kana malees, wanti inni Seericha irraa dubbise, sodaachuu mannaa ija jabinaan saba Waaqayyoo akka geggeessu isa gargaaree taʼuu qaba. (Iya. 1:8, 9) Jechoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun haala akka dhiphannu ykn sodaannu nu gochuu dandaʼan keessatti sammuu fi garaan keenya nagaa akka argatu gochuu dandaʼu.—Fr. 27:1-3; Fak. 3:25, 26.

Obboleettiin kun tajaajila dirree irratti obboleettii kan biraa wajjin haasaʼaa jirti.

Keeyyata 16 ilaalig

16. Yihowaan akka tasgabboofnuu fi akka isatti amanamnu nu gargaaruuf gumiitti kan fayyadamu akkamitti?

16 (5) Saba Waaqayyootti michoomaa. Yihowaan akka tasgabboofnuu fi akka isatti amanamnuuf obbolootaa fi obboleettota keenyatti fayyadamee nu gargaara. Walgaʼii irratti barumsa waltajjii irraa darbu, yaada obboloonni kennanii fi haasaa gaarii obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin goonu irraa ni fayyadamna. (Ibr. 10:24, 25) Kana malees, michuu keenya amanamaa gumii keessa jirutti miira keenya yommuu himnu jajjabina guddaa argachuu dandeenya. “Dubbii gaariin” michuun keenya nutti dubbatu dhiphina nutti dhagaʼamu nuu salphisuu irratti gargaarsa guddaa nuuf gochuu dandaʼa.—Fak. 12:25.

17. Akka Ibroonni 6:19, jedhutti abdiin Mootummicha irratti qabnu, haalli rakkisaan jiraatus kan nu tasgabbeessu akkamitti?

17 (6) Abdii keessan cimsadhaa. Abdiin Mootummichaa, haala rakkisaa ykn nama dhiphisu keessatti ‘akka qofoo doonii lubbuu qabee dhaabuutti’ nu tasgabbeessuu dandaʼa. (Ibroota 6:19 dubbisi.) Gara fuulduraatti wanti nama dhiphisu akka hin jiraanne ilaalchisee abdii Yihowaan kenne irratti xiinxalaa. (Isa. 65:17) Addunyaa haaraa wanta nama dhiphisu tokko illee hin qabne keessa yommuu jiraattan yaadaan ilaalaa. (Mik. 4:4) Waaʼee addunyaa haaraa warra kaanitti yommuu himtanis abdiin keessan ni cima. Lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hamma dandeessan hirmaadhaa. Yoo akkas gootan, ‘abdicha isa guutummaatti mirkanaaʼaa taʼe hamma dhumaatti qabattanii itti fuftu.’—Ibr. 6:11.

‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu.’—ISA. 30:15

Fakkii: Wantoota jaʼan obboleettiin kun akka tasgabbooftu gargaaran. Seenaan isaa mata duree kana keessatti jalqaba irratti ibsameera.

Kana Gochuu Kan Dandeessan Akkamitti?

  1. 1. Yeroo hunda kadhadhaa

  2. 2. Ogummaa Yihowaatti amanamaa

  3. 3. Fakkeenyota durii irraa baradhaa

  4. 4. Caqasootaa yaadatti qabadhaa

  5. 5. Saba Waaqayyootti michoomaa

  6. 6. Abdii keessan cimsadhaa

Obboleettiin kun eebba Mootummichaa irratti xiinxalti.

Keeyyata 17 ilaalih

18. Gara fuulduraatti rakkoowwan akkamii akka nu mudatan eeguu dandeenya? Rakkoowwan kana milkaaʼinaan dandamachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

18 Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yommuu adeemutti haalawwan rakkisoon akka dhiphannu nu taasisan dabalataa nu mudatu. Caqasni waggaa keenya 2021 jabina keenyaan utuu hin taʼin, Yihowaa amanachuudhaan rakkoowwan kana dandamachuu fi tasgabbaaʼuuf nu gargaara. Waggaa dhufutti abdii Yihowaan, ‘Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaan jabina ni argattu’ jechuudhaan kennetti akka amannu gocha keenyaan haa argisiisnu.—Isa. 30:15.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Hamma tokko yaaddaʼuun dogoggora kan hin taane maaliifi?

  • Wantoonni tasgabbaaʼuuf nu gargaaranii fi nuti gochuu dandeenyu jaʼa maalfaʼi?

  • Caqasni waggaa bara 2021 yeroo isaa kan eeggatte dha kan jennu maaliifi?

FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya

a Caqasni waggaa keenya 2021 ammas taʼe fuulduratti yommuu haalli dhiphisaan nu mudatu, Yihowaatti amanamuun barbaachisaa taʼuu isaa argisiisa. Mata dureen kun karaawwan caqasa waggaa keenya hojii irra oolchuu itti dandeenyu ibsa.

b Obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko dhiphina ykn sodaa cimaadhaan rakkattu. Dhiphinni akkasii dhibee fayyaa cimaa waan taʼeef, gosa yaaddoo Yesuus caqasee wajjin tokko akka taʼetti hubatamuu hin qabu.

c IBSA FAKKII: (1) Obboleettiin tokko guyyaa keessatti waaʼee yaaddoo ishii siʼa hedduu kadhannaa dhiheessiti.

d IBSA FAKKII: (2) Bakka hojiitti yeroo boqonnaa laaqanaa ogummaa argachuuf Kitaaba Qulqulluu dubbisti.

e IBSA FAKKII: (3) Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu gaarii taʼanii fi gaarii hin taane irratti xiinxalti.

f IBSA FAKKII: (4) Caqasa nama jajjabeessuu fi yaadachuu barbaaddu firiijii ishii irratti maxxansiti.

g IBSA FAKKII: (5) Tajaajila irratti michoota ishii wajjin yeroo gaarii dabarsiti.

h IBSA FAKKII: (6) Waaʼee gara fuulduraa yaaduudhaan abdii ishii cimsatti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi