LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 40
  • Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanti si dhiphisu maali dha?
  • Dhiphachuun yeroo hunda sirrii mitii?
  • Maal gochuu dandeessa?
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Yaaddoo
    Dammaqaa!—2016
  • Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 40
Dargaggeessa umurii kurnanii mana barumsaatti gaddee jiru

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dhiphina damdamachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Wanti si dhiphisu maali dha?

  • Dhiphachuun yeroo hunda sirrii mitii?

  • Maal gochuu dandeessa?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Wanti si dhiphisu maali dha?

Himoonni armaan gadii al tokko tokko wanta sitti dhagaʼamu kan ibsani dha?

“Yeroo hunda ‘Utuu akkas taʼee hoo?’ jedheen yaada. ‘Utuu balaan konkolaataan nu irra gaʼee hoo?’ ‘Xiyyaarri keenya utuu kufee hoo?’ Yeroo baayʼee wantoota namoota hedduu hin dhiphisnetu na yaaddessa.”—Chaarlis.

“Akkuma hantuuta geengoo keessa lixxee karaa baatu hin qabnee akkan taʼe natti dhagaʼama. Hangan baayʼee dadhabuttin hojii hojjedha, garuu waanan galmaan gaʼe tokko illee hin qabu!”—Aanaa

“Yeroo namoonni ani amma iyyuu barataa taʼuu kootiin gammaduu akkan qabu dubbatan, ani immoo, ‘Manni barumsaa hangam akka nama dhiphisu hin beekanin’ ofiin jedha.”—Daaniʼel.

“Yeroo hundumaa dhiibbaa keessa akkan jiru natti dhagaʼama. Yeroo hunda wanti itti aansee taʼu ykn wantin itti aansee hojjechuu qabu na yaaddessa.”—Looraa.

Dhugaa: Yeroo Kitaabni Qulqulluun ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ jedhu keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Kanaaf, akkuma namoonni gurguddaan dhiphatan dargaggoonnis ni dhiphatu.

Dhiphachuun yeroo hunda sirrii mitii?

Dhiphachuun waanuma jiru dha. Kitaabni Qulqulluun namoota jallatan gammachiisuuf jecha yaaddaʼuun sirrii akka taʼe dubbata.—1 Qorontos 7:32-34; 2 Qorontos 11:28.

Jaallannes jibbines dhiphinni wanta tokko raawwachuuf humna nuuf kennuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, torban dhufu mana barumsaatti qorumsa qoramuuf jetta haa jennu. Dhiphinni torban kana akka qoʼattu si dirqisiisa taʼa—kun immoo qabxii gaarii argachuuf si gargaaruu dandaʼa!

Hamma tokko dhiphachuun balaa irraa fagaachuuf si gargaaruu dandaʼa. Sereenaa ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkana jetteetti: “Karaa sirrii hin taane irra deemaa akka jirtan yommuu hubattan dhiphachuun keessan hin oolu; kun immoo qalbii isin ceephaʼu tasgabbeessuuf jijjiirama gochuun akka isin barbaachisu hubachuuf isin gargaara.”—Yaaqoob 5:14 wajjin wal bira qabii ilaali.

Dhugaa: Dhiphinni, tarkaanfii sirrii taʼe akka fudhatan hamma isin taasisetti gadhee miti.

Haa taʼu malee, dhiphinni ilaalchi dogoggoraa akka isin muddu yoo godhe hoo?

Namni tokko dargaggeessa tokko karaa wanta isa burjaajesse keessaa itti baʼu akka argatu yommuu gargaaru

Dhiphinni, haala keessaa baʼuu hin dandeenye keessa akka jirtu akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa; namni ilaalcha kan kee irraa adda taʼe qabu garuu karaa itti keessaa baatu sitti argisiisuu dandaʼa

Fakkeenya: Riichaardi inni umuriin isaa waggaa 19 taʼe akkana jedheera: “Wanti na yaaddessu tokko maal akka geessisu yommuun yaadu gar malee na dhiphisa. Wanta sana irra deddeebiʼee waanan yaaduuf baayʼeen dhiphadha.”

Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna” jedha. (Fakkeenya 14:30) Karaa biraa immoo, dhiphinni dhukkubbii mataa, lafti namaan maruu, dhukkuba garaachaa fiduu fi onneen garmalee akka rukutu gochuu dandaʼa.

Dhiphinni sitti dhagaʼamu si fayyadaa utuu hin taʼin, si miidhaa akka jiru yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa?

Maal gochuu dandeessa?

  • Dhiphachuun kee sirrii taʼuu isaa qori. “Waaʼee itti gaafatamummaa keessanii yaaddaʼuun waan tokko dha; gar malee dhiphachuun garuu waan kan biraa dha. Jechama, ‘Dhiphinni akka nama barcuma raafamuu irra taaʼee raafamuu ti’ jedhu na yaadachiisa. Ofumaa raafamta malee eessa iyyuu gaʼuu hin dandeessu.”—Kaatriin.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko dabaluu dandaʼu jiraa?”—Maatewos 6:27.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Dhiphinni gara furmaataatti kan si geessu yoo taʼe malee, rakkina irratti rakkina dabaluu dandaʼa—ykn rakkina sitti taʼa.

  • Waaʼee borii hin yaaddaʼin. “Yeroo fudhadhaa irratti yaadaa. Wanta bor, jiʼa tokko ykn waggaa tokko ykn waggaa shan booda raawwatamutu isin yaaddessaa jiraa?”—Antoonii.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Matumaa waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas guyyaan borii yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Rakkina borii harʼatti fiddee kan dhiphattu yoo taʼe faayidaa hin qabu; wanti si yaaddesse wanta matumaa taʼuu hin dandeenye taʼuu dandaʼa.

  • Wanta jijjiiruu hin dandeenyee amanii fudhadhu. “Wanti hunda irra wayyuu fi gochuu dandeessu haala si mudateef hamma dandeessu of qopheessuu dha; taʼus wantoonni tokko tokko toʼannaa keetii ala akka taʼan amanii fudhadhu.”—Rooberti.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Kaachuun warra ariifatanii fi beektotaaf hin taʼu; yeroonii fi walitti dhufuun hundumaa waliin gaʼa.’—Lallaba 9:11, hiika bara 1899.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Yeroo tokko tokko haala keessa jirtu jijjiiruu hin dandeessu taʼa; taʼus ilaalcha wanta sanaaf qabdu jijjiiruu ni dandeessa.

  • Haala si mudate ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaadhu. “Wantoota xixinnoodhaan dhiphachuu mannaa, dhimma isaa balʼisee ilaaluu akkan qabu hubadheera. Wanti dursi kennamuufii qabu isa kam akka taʼe ergan murteessee booda isa irrattan xiyyeeffadha.”—Aleeksiis.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda [baasa beekaa].”—Filiphisiyus 1:10.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Namoonni wantoota isaan yaaddessaniif ilaalcha sirrii qaban yeroo baayʼee wanta sanaan hin dhiphatan.

  • Nama kan biraatti himi. “Yommuu umuriin koo waggaa kudha lama ture yeroo hunda yeroon mana barumsaatii deebiʼu guyyaa itti aanu yaaduudhaan nan dhiphadhan ture. Haati koo fi abbaan koo wanta na dhiphisu yommuun isaanitti himu na dhaggeeffatu. Isaan anaaf jiraachuun isaanii baayʼee gaarii ture. Isaan amanuu fi bilisummaadhaan isaanitti dubbachuu nan dandaʼa. Kunis waaʼee borii yaaduudhaan akkan hin dhiphanne na gargaareera.”—Maarliin.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.”—Fakkeenya 12:25.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Warri kee ykn michuun kee tokko gorsa dhiphina kee hirʼisuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼu.

  • Kadhadhu. “Sagalee koo ol kaasee kadhachuun koo na gargaareera. Sagalee koo ol kaasee kadhachuun koo wanta na dhiphise keessa kootti qabachuu mannaa akkan baasu carraa naaf kenna. Yihowaan wanta na dhiphisu sana guddaa akka caalu hubachuuf na gargaara.”—Looraa.

    Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Waaqayyo] isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

    Kana jechuun maal jechuu dha? Kadhannaan wanta rakkoo keenya karaa mataa keenyaa furuuf nu gargaaru miti. Kanaa mannaa, karaa Waaqa keenya Yihowaa isa, “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin na’in! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras” jechuudhaan waadaa galee wajjin kallattiidhaan wajjin itti haasofnu dha.—Isaayaas 41:10.

Dhiphinni daangaa isaa kan darbe yommuu taʼu

Dargaggoonni tokko tokko dhiphina cimaa wajjin qabsoo godhu. Fakkeenyaaf Jeenaa ishiin umurii waggoota kurnanii keessa jirtu akkana jetteetti: “Sababii dhiphinaatiin mataan koo yeroo hunda na bowwaafata; wanta tokko irratti iyyuu xiyyeeffachuu hin dandaʼu, yeroo tokko tokko hirriban baayʼisa; yeroo kaan immoo hirriba dhabuu nan dandaʼa, midhaan lagachuu ykn gar malee nyaachuus nan dandaʼa, sammuun koo yeroo hunda muddama. Rakkinni xinnoon illee guddaa taʼee natti mulʼachuu dandaʼa.”

Dhiphinni sitti dhagaʼamu yeroo dheeraadhaaf kan ture ykn daangaa isaa kan darbe yoo taʼe gargaarsa yaalii fayyaa argachuun si barbaachisa. Jeenaanis akkasuma gooteetti. “Gargaarsa yaalii fayyaa ergan argadhee booda, wantoota tokko tokko karaa sirrii taʼeen raawwachuu fi dhiphina koo toʼachuu dandaʼeera” jetteetti.

HIRIYOONNI KEE MAAL JEDHU

Kariisa

“Yommuun dhiphadhu kadhannaadhaan wanta garaa koo keessa jiru Yihowaa durattan dhangalaasa. Wanti na yaaddesse sun harka Yihowaa akka jiru waanan beekuuf hirriba gaariin rafa; jireenya koos taʼe wanta na dhiphise Yihowaatti kennuun koo gaarii akka taʼe natti dhagaʼama.”—Kariisaa.

Saamaantaa

“Yeroo hunda, ‘Wantan ammas taʼe gara fuulduraatti jijjiiruu hin dandeenye irratti maaliifan yaaddaʼa?’ jedheen yaada. Wanta Yesuus Maatewos 6:27 irratti dubbate nan yaadadha. Kunis Yihowaatti akkan amanamuu fi gorsa inni naaf kennu akkan hordofu na gargaareera.”—Saamaantaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi