LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp22 Lakk. 1 ful. 8-9
  • 2 | Haaloo hin Baʼin

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 2 | Haaloo hin Baʼin
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
  • Maal Jechuu Dha?
  • Maal Gochuu Dandeessa?
  • Jireenyi kan Natti Hadhaaʼee fi Abbaa Humnaan Ture
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Jibba Injifachuu ni Dandeenya!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Yoseef Obboloota Isaatiif Dhiifama Godheera
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
wp22 Lakk. 1 ful. 8-9
Namoonni aaranii jiran lama dameewwan muka tokkoo irra faallaa walii taaʼanii jiru. Lamaan isaanii iyyuu damee ofiisaaniitii irra taaʼanii jiran magaaziidhaan muraa jiru.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

2 | Haaloo Hin Baʼin

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. . . . ‘“Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedha Yihowaan’ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.”—ROOMAA 12:17-19.

Maal Jechuu Dha?

Yeroo namni tokko nu miidhutti aaruun waanuma jiru taʼus, Waaqayyo haaloo akka baanu nuuf hin heyyamne. Kanaa mannaa, akka isa eeggannu nu jajjabeesseera; inni dhiheenyatti miidhaa gaʼe hundumaa ni sirreessa.—Faarfannaa 37:7, 10.

Maal Gochuu Dandeessa?

Namoonni mudaa waan qabaniif haaloo kan baʼan yoo taʼe jibbi caalaatti hammaachaa deema. Kanaafuu, namni tokko yoo si mufachiise ykn yoo si miidhe haaloo hin baʼin. Miira kee toʼachuudhaan karaa nagaa qabuun deebisuuf yaali. Yeroo tokko tokko, calluma jedhanii bira darbuun gaarii dha. (Fakkeenya 19:11) Yeroo tokko tokko garuu, wanta uumame gabaasuun gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yakki tokko yoo sirratti raawwatame yakka sana poolisiitti ykn qaamota seeraa kan birootti gabaasuuf filatta taʼa.

Haaloo baʼuun of miidhuu dha

Rakkina tokko karaa nagaa qabuun furuun kan hin dandaʼamne yeroo fakkaatutti hoo maal gochuu dandeessa? Yookiin immoo nagaa buusuuf wanta dandeessu hundumaa kan goote taʼus rakkinichi yoo furamuu baate hoo? Haaloo hin baʼin. Haaloo baʼuun haalli isaa akka hammaatu godha. Haaloo baʼuu mannaa, jibba injifachuuf yaali. Waaqayyo rakkinichaaf furmaata akka kennu amanuu ni dandeessa. “Isatti amanami, innis siif jecha tarkaanfii ni fudhata.”—Faarfannaa 37:3-5.

Seenaa Dhugaa​—ADRIYAAN

Fedhii Haaloo Baʼuu Moʼeera

Adriyaan.

Adriyaan ijoollummaa isaatti nama jibbaan guutamee fi haaloo baʼuu jaallatu taʼe. Akkana jedheera: “Yeroo baayʼee dhukaasa irratti kanan hirmaadhe siʼa taʼu, yeroo garaa garaatti karaa irratti akkan duʼuuf dhiigni utuu na irra lolaʼuu, na dhiisanii deemu turan.”

Adriyaan umurii isaa waggaa 16⁠tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. “Qoʼannaa kootti jabaachaa yommuun deemu, jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe” jedheera. Jibba of keessaa balleessuu fi jeequmsa kakaasuu irraa fagaachuun isa barbaachisa ture. Keessumaa yaanni Roomaa 12:17-19 irratti argamuu fi haaloo baʼuu irraa fagaachuu akka qabnu dubbatu baayʼee isa fayyadeera. Akkana jedheera: “Yihowaan jalʼina haqaatiif karaa mataa isaa yeroo isaatti furmaata akka kennu amanee fudhadheera. Suutuma suutas, gocha koo isa hamaa dhiisuu dandaʼeera.”

Galgala tokko gareen kashalabbootaa yeroo baayʼee isaa wajjin wal lolan miidhaa isa irraan gaʼanii turan. Geggeessaan isaaniis, “Mee of irraa dhowwi!” jedhee itti iyye. Adriyaan, “Keessi koo tarkaanfii akkan fudhadhu dhiibbaa na irratti gochaa [ture]” jechuudhaan ifatti dubbateera. Taʼus haaloo baʼuu mannaa, gara Yihowaatti kadhannaa gabaabaa dhiheesse; achiis bakka sana dhiisee deeme.

Adriyaan itti fufuudhaan akkana jedheera: “Borumtaa isaa gaggeessaa garee sanaa kophaa isaattin arge. Yommuun isa argu aariidhaan haaloo baʼuu kanan barbaade taʼus, Yihowaan akkan of toʼadhu akka na gargaarun kadhadhe. Kan nama dinqisiisu dargaggeessi sun gara koo dhufee akkana naan jedhe: ‘Wanta galgala raawwatameef dhiifama naa godhi. Dhugaa isaa dubbachuuf, akka kee taʼuun barbaada. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barbaada.’ Aarii koo toʼachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammade! Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabne.”

Waaʼee seenaa Adriyaan caalaatti beekuuf Masaraa Eegumsaa Lakk. 5 2016, fuula 14-15 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi