MATA DUREE QOʼANNAA 32
Dargaggootaa, Erga Cuuphamtanii Booda Guddina Gochuu Keessan Itti Fufaa
“Wanta hundumaan . . . jaalalaan haa guddannu.”—EFE. 4:15.
FAARFANNAA 56 Dhugaa kan Ofii Godhadhu
QABIYYEEa
1. Dargaggoonni hedduun wantoota gaggaarii akkamii raawwataniiru?
WAGGAA waggaadhaan dargaggoonni kumaan lakkaaʼaman ni cuuphamu. Atoo cuuphamteettaa? Taanaan, obboloonnii fi obboleettonni kee siif gammadu, Yihowaanis baayʼee gammada. (Fak. 27:11) Wantoota gaggaarii hamma yoonaatti raawwatte irratti yaadi. Tarii waggoota muraasaaf Kitaaba Qulqulluu ciminaan qoʼatteetta taʼa. Qoʼannaan kee Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa siif mirkaneesseera. Kanarra darbees, qaama Kitaaba Qulqulluu barreessise beekuu fi jaallachuu dandeesseetta. Jaalalli Yihowaadhaaf qabdu waan guddateef, isaaf of murteessitee cuuphamuudhaan tajaajilaa isaa taateetta. Kun murtoo baayʼee gaarii taʼedha.
2. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
2 Hamma cuuphamuu bira geessutti amantiin kee karaa garaa garaatiin akka qorame beekamaadha. Yeroo guddachaa deemtummoo qorumsawwan haaraan si mudatu. Seexanni jaalalli Yihowaadhaaf qabdu akka laafuu fi isa tajaajiluu akka dhaabdu gochuuf yaala. (Efe. 4:14) Kun akka taʼu heyyamuu hin qabdu. Maarree, Yihowaaf amanamaa taatee itti fufuu fi waadaa galte eeguuf maaltu si gargaara? Guddina gochuuf, jechuunis Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf “carraaqqii” gochuu kee itti fufuu qabda. (Ibr. 6:1) Maarree, kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata duree kana keessatti deebii gaaffii kanaa irratti mariʼanna.
KIRISTIYAANA BILACHAATAA TAʼUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
3. Kiristiyaanonni erga cuuphamanii booda guddina akkamii gochuu qabu?
3 Hundi keenyayyuu erga cuuphamnee booda gorsa Phaawulos ergamaan obboloota Efesoon keessa jiraniif kenne hordofuu qabna. Kiristiyaanota “bilchaatoo” akka taʼan isaan jajjabeesseera. (Efe. 4:13) Karaa kan biraatiin, ‘Guddina gochuu keessan itti fufaa’ isaaniin jechaa jira. Phaawulos guddina hafuuraa guddina daaʼimni tokko godhu wajjin walbira qabeera. Warri tokko daaʼima isaanii ni jaallatu, akkasumas itti boonu. Taʼus, mucaan sun daaʼimuma taʼee itti hin fufu. Yeroo booda “amala ijoollummaa” ni dhiisa. (1 Qor. 13:11) Haalli Kiristiyaanotaas akkasuma. Erga cuuphamnee booda guddina gochuu keenya itti fufuu qabna. Mee yaadawwan kana gochuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu.
4. Amalli guddina hafuuraa gochuuf si gargaaru isa kami? Ibsi. (Filiphisiyus 1:9)
4 Jaalala Yihowaadhaaf qabdu guddifadhu. Ammayyuu Yihowaa baayʼee jaallatta. Taʼus jaalalli isaaf qabdu kana caalaa guddachuu dandaʼa. Akkamitti? Phaawulos ergamaan Filiphisiyus 1:9 irraatti karaa kana gochuu itti dandeessu tokko caqaseera. (Dubbisi.) Phaawulos jaalalli Kiristiyaanota Filiphisiyus “caalaatti guddachaa akka deemu” kadhateera. Kanaafuu, jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. “Beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” horachuudhaan kana gochuu dandeenya. Caalaatti Yihowaa beekaa yeroo deemnu jaalalli isaaf qabnu ni guddata, akkasumas amaloota isaa fi karaa inni wantoota garaa garaa itti raawwatuuf dinqisiifannaan qabnu ni dabala. Fedhiin isa gammachiisuuf qabnu waan guddatuuf wanta isa gaddisiisu kamiyyuu gochuu hin barbaannu. Fedhiin isaa maal akka taʼe beekuu fi hojiirra oolchuuf carraaqqii guddaa goona.
5-6. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Ibsi.
5 Waaʼee ilma Yihowaa isa amala Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiisee caalaatti beekuudhaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu dandeenya. (Ibr. 1:3) Karaan Yesuusiin beekuu itti dandeenyu inni gaariin Wangeelota arfan qoʼachuudhaani. Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu hin eegalle taanaan, amma maaliif hin eegaltu? Waaʼee Yesuus yeroo dubbistu amaloota isaatiif xiyyeeffannaa addaa kenni. Yesuus nama itti dhihaatamu ture; ijoollee xixinnoos jaalalaan hammata ture. (Mar. 10:13-16) Barattoonni isaa baayʼee isatti dhihaatu turan; miira isaaniis bilisummaadhaan isaaf ibsaniiru. (Mat. 16:22) Yesuus fakkeenya Abbaa isaa waan hordofeef, Yihowaanis salphaatti kan itti dhihaatamu akka taʼe hubanna. Kadhannaadhaan isa haasofsiisuu dandeenya. Kadhannaa keenyarratti wanta garaa keenya keessa jiru isatti himuu dandeenya. Yeroo kana goonu akka nu hin ceephaane mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan nu jaallata akkasumas nuuf yaada.—1 Phe. 5:7.
6 Yesuus namootaaf garaa laafeera. Maatewos, “Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan” jedhee gabaaseera. (Mat. 9:36) Yeroo akkasiitti Yihowaatti hoo maaltu dhagaʼama? Yesuus, “Abbaan koo inni samii warra xixinnoo kana keessaa tokko illee akka badu hin barbaadu” jedheera. (Mat. 18:14) Yaanni kun garaa keenya baayʼee tuqa. Yesuusiin caalaatti beekaa yeroo deemnu, jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata.
7. Kiristiyaanota bilchaatoo taʼanii wajjin yeroo dabarsuun kan si fayyadu akkamitti?
7 Obbolootaa fi obboleettota bilchaatoo gumii kee keessa jiran caalaatti beekuudhaan akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeessu barachuu fi guddina gochuu dandeessa. Obboloonni kun hammam gammadoo akka taʼan hubadhu. Yihowaa tajaajiluuf murteessuu isaaniitti matumaa hin gaabban. Muuxannoo tajaajila Yihowaa keessatti argatan akka sitti himan isaan gaafadhu. Murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuun yeroo si barbaachisu gorsa isaan gaafadhu. ‘Gorsitoota hedduudhaan milkaaʼinni akka argamu’ yaadadhu.—Fak. 11:14.
Mana barumsaatti gaaffiin jijjiirama tirannaa wajjin wal qabate yeroo siif dhihaatu deebii kennuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 8-9 ilaali)
8. Barumsa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee shakkiin yoo sitti uumame maal gochuu dandeessa?
8 Shakkii sitti dhagaʼamu moʼi. Akkuma keeyyata 2 irratti ilaalle Seexanni guddina hafuuraa akka hin goone dhiibbaa sirratti gochuuf yaala. Karaa inni kana itti godhu keessaa tokko barumsawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ilaalchisee shakkiin keessa keetti akka uumamu gochuudhaani. Fakkeenyaaf, ammas taʼe gara fuulduraatti barumsa jijjiirama tirannaa Waaqayyoof ulfina hin kennine akka fudhattu dhiibbaan sirra gaʼuu dandaʼa. Xinnummaa keetti waaʼee dhimma kanaa yaaddee hin beektu taʼa; amma garuu mana barumsaatti waaʼee kanaa barachaa jirta taʼa. Wanti barsiisonni kee waaʼee jijjiirama tirannaa barsiisan sirrii fi amansiisaa fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, barsiisonni kee ragaa Uumaan akka jiru argisiisurratti qorannoo godhanii hin beekan taʼa. Yaada Fakkeenya 18:17 irra jiru hubadhu: “Hamma namni inni kan biraan dhufee cimsee isa qorutti, namni jalqaba irratti dhimma isaa dhiheeffatu sirrii fakkaata.” Wanta mana barumsaatti barattu akkasumatti fudhachuu mannaa, dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu of eeggannoodhaan qori. Barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhi. Obbolootaa fi obboleettota kanaan dura jijjiirama tirannaatti amanaa turan haasofsiisi.b Uumaan nu jaallatu akka jiru wanti isaan amansiise maal akka taʼe isaan gaafadhu. Mariin akkasii ragaa Uumaan akka jiru argisiisu beekuuf si gargaara.
9. Muuxannoo Meeliisaa irraa maal baratta?
9 Obboleettiin Meeliisaa jedhamtu waaʼee uumamaa qorannaa gochuun ishii baayʼee ishii fayyadeera.c Akkana jetteetti: “Mana barumsaatti barumsi jijjiirama tirannaa baayʼee amansiisaa akka taʼetti baranna. Jalqabarratti wanta barumsi jijjiirama tirannaa sirrii taʼuu isaa mirkaneessu argachuun dandaʼa jedhee waanan sodaadheef qorannaa gochuu hin barbaannen ture. Taʼus, Yihowaan mirkanaaʼaa utuu hin taʼin akkasumatti akka isa tajaajillu akka hin barbaannen hubadhe. Kanaafuu, qorannaa gochuun jalqabe. Kitaaba Uumaan Siif Yaadu Jiraa? jedhamuu fi birooshuroota Jireenyi Uumamaan Argamee? akkasumas Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan jedhaman nan dubbise. Wanti na barbaachisu kanuma ture. Utuun dursee qorannoo godheera taʼee baayʼee natti tola ture.”
10-11. Gama naamusaatiin qulqulluu taatee itti fufuuf maaltu si gargaara? (1 Tasalonqee 4:3, 4)
10 Amala sirrii hin taanerraa fagaadhu. Umurii dargaggummaatti fedhiin saalaa baayʼee dabala, akkasumas saalqunnamtii akka raawwattu dhiibbaa cimaan sirra gaʼuu dandaʼa. Seexanni fedhii keetiin akka moʼamtu barbaada. Maarree, karaa naamusaa qulqulluu taatee itti fufuuf wanti si gargaaru maalidha? (1 Tasalonqee 4:3, 4 dubbisi.) Kadhannaa keerratti miira sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Cimina akka siif kennus kadhadhu. (Mat. 6:13) Yihowaan si ceephaʼuu utuu hin taʼin si gargaaruu akka barbaadu yaadadhu. (Far. 103:13, 14) Dubbii Waaqayyoorraas gargaarsa argachuu ni dandeessa. Meeliisaan ishiin olitti ibsamte yaada qulqulluu hin taanee wajjin walʼaansoo gooti turte. Akkana jetteetti: “Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuun koo harka akkan hin kennine na gargaareera. Ani kan Yihowaa akkan taʼee fi isa tajaajiluu akkan barbaadu na yaadachiiseera.”—Far. 119:9.
11 Rakkina si mudate kophaa kee furuuf hin yaalin. Walʼaansoo gochaa jirtu warra keetti himi. Dhimma dhuunfaa akkasii warra kaanitti himuun salphaa taʼuu baatus, akkas gochuun barbaachisaadha. Meeliisaan akkana jetteetti: “Ija jabina akka naaf kennu ergan kadhadhee booda waaʼee rakkina koo abbaa koottin hime. Sana booda boqonnaa guddaatu natti dhagaʼame. Yihowaan akka natti boonus beeka.”
12. Murtoo gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti?
12 Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hordofi. Yeroo guddachaa deemtu bilisummaa dabalataa murtoo dhuunfaa gochuuf si dandeessisu argatta. Taʼus, ammayyuu wanti ati hin beekne hedduun jiru. Maarree, dogoggora michummaa Yihowaa wajjin qabdu si jalaa mancaasu raawwachuurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? (Fak. 22:3) Obboleettiin Kaarii jedhamtu wanta murtoo gaarii gochuuf ishii dandeessise dubbatteetti. Kiristiyaanota bilchaatoo taʼaniif haala hundumaa keessatti seerri akka isaan hin barbaachisne hubatteetti. “Seerota qofa utuu hin taʼin dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hubachuun na barbaachiseera” jetteetti. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Caqasni kun waaʼee yaada Yihowaa maal na hubachiisa? Dhugaa buʼuuraa wanta sirrii gochuuf na gargaaru hoo qabateeraa? Taanaan, dhugaa buʼuuraa kana hojiirra oolchuun koo kan na fayyadu akkamitti?’ (Far. 19:7; Isa. 48:17, 18) Kitaaba Qulqulluu kan dubbistuu fi dhugaawwan buʼuuraa isaarratti kan xiinxaltu yoo taʼe, murtoo Yihowaa gammachiisu gochuun siif salphata. Guddina gochuu kee yeroo itti fuftu ilaalcha Yihowaan dhimmoota garaa garaatiif qabu waan hubattuuf, haala hundumaa keessatti seerri akka si hin barbaachisne hubatta.
Obboleettiin dargaggeettiin kun michoota akkamii filatte? (Keeyyata 13 ilaali)
13. Michoonni gaggaariin kan si gargaaran akkamitti? (Fakkeenya 13:20)
13 Namoota Yihowaa jaallatan michuu godhadhu. Akkuma olitti ilaalle namoonni michoota godhattu guddina hafuuraa keerratti dhiibbaa guddaa godhu. (Fakkeenya 13:20 dubbisi.) Obboleettiin Saaraa jedhamtu gammachuu ishii dhabde turte. Achiis wanti ilaalcha ishii akka jijjiirtu ishii gargaaru tokko ni uumame. Akkana jetteetti: “Yeruma na barbaachisutti michoota gaggaariin horadhe. Obboleettii dargaggeettii taate takka wajjin torban torbaniin Masaraa Eegumsaa qoʼanna. Michuun koo kan biraan immoo yaada akkan kennu na gargaarte. Michoonni koo kun dhiibbaa gaarii waan narratti godhaniif qoʼannaa dhuunfaa fi kadhannaadhaaf caalaatti xiyyeeffannaa kennuun jalqabe. Michummaan Yihowaa wajjin qabu waan cimeef, gammachuu koo deebifachuu dandaʼeera.”
14. Juuliyaan michoota gaggaarii kan argate akkamitti?
14 Michoota dhiibbaa gaarii sirratti godhan horachuu kan dandeessu akkamitti? Juuliyaan inni yeroo ammaatti jaarsa gumii taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Yeroon dargaggeessa turetti tajaajila irratti yeroon hirmaadhu michoota gaariin horadhe. Michoonni koo kun hinaaffaa kan qaban turan; tajaajilli hammam gammachiisaa akka taʼe akkan hubadhu na gargaaraniiru. Kanaafuu, galma tajaajila yeroo guutuun baafadhe. Ijoollee umurii koorratti argaman qofatti dhihaachuun koo michoota gaggaarii fi amala namatti tolu qaban na dhabsiisee akka turen hubadhe. Yeroo boodammoo, Beetel keessaa michoota gaggaariin horadhe. Fakkeenyi isaanii filannaa bashannanaa irratti sirreeffama akkan godhuu fi Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera.”
15. Phaawulos michummaa ilaalchisee Ximotewosiif akeekkachiisa akkamii kenne? (2 Ximotewos 2:20-22)
15 Namni gumii keessa jiru tokko michuu gaarii akka siif hin taane yoo hubatte maal goota? Phaawulos namoonni gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turan tokko tokko ilaalcha hafuuraa akka hin qabne waan beekuuf akka isaan irraa fagaatu Ximotewosiin akeekkachiiseera. (2 Ximotewos 2:20-22 dubbisi.) Michummaa Yihowaa wajjin qabnuuf iddoo guddaa kennina. Abbaa keenya isa samiitti dhihaachuuf carraaqqii guddaa gooneerra; kanaafuu, eenyuyyuu michummaa kana akka nu dhabsiisu heyyamuu hin qabnu.—Far. 26:4.
GALMA BAAFACHUUN KEE GUDDINA HAFUURAA GOCHUUF KAN SI GARGAARU AKKAMITTI?
16. Galmawwan akkamii baafachuu qabda?
16 Galmawwan buʼa qabeeyyii baafadhu. Galmawwan amantii kee cimsanii fi Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf si gargaaran filadhu. (Efe. 3:16) Fakkeenyaaf, barsiifata qoʼannaa dhuunfaa fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee fooyyessuuf murteessuu dandeessa. (Far. 1:2, 3) Yookiin immoo, yeroo hunda kadhachuu fi kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuurratti fooyyaʼiinsa gochuun akka si barbaachisu hubatteetta taʼa. Tariimmoo filannaa bashannanaa fi itti fayyadama yeroo keerratti caalaatti of toʼachuun si barbaachisuu dandaʼa. (Efe. 5:15, 16) Yihowaan guddina gochuuf jabaattee yommuu hojjettu arguun baayʼee isa gammachiisa.
Obboleettiin dargaggeettiin kun galma akkamii baafatte? (Keeyyata 17 ilaali)
17. Warra kaan gargaaruun faayidaa akkamii argamsiisa?
17 Warra kaan gargaaruun kee guddina gochuuf si gargaara. Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedheera. (HoE. 20:35) Yeroo kee fi jabina dargaggummaa kee keessaa muraasa isaa warra kaan gargaaruuf yoo itti fayyadamte faayidaa guddaa argatta. Fakkeenyaaf, gumii keessan keessaa maanguddootaa fi namoota humni isaanii daangeffamaa taʼe gargaaruuf galma baafachuu dandeessa. Tarii gabaa isaaniif dhaquu ykn meeshaa elektirooniksiitti akkamitti akka fayyadaman isaanitti argisiisuu dandeessa. Obboleessa yoo taate obbolootaa fi obboleettota kee caalaatti gargaaruu akka dandeessuuf tajaajilaa gumii taʼuuf galma baafadhu. (Filp. 2:4) Misiraachoo Mootummichaa labsuudhaanis warra gumiidhaa ala jiranitti jaalala argisiisuu dandeessa. (Mat. 9:36, 37) Kan dandeessu yoo taʼemmoo gosa tajaajila yeroo guutuu tokkorratti hirmaachuuf galma baafadhu.
18. Tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuun kee guddina gochuuf kan si gargaaru akkamitti?
18 Tajaajilli yeroo guutuu carraa guddina hafuuraa gochuu itti dandeessu hedduu siif bana. Qajeelchaa taʼuun kee Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuuf carraa siif bana. Beetel galtee tajaajiluu ykn hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ni dandeessa. Qajeelchituun dargaggeettii taatee fi Kaatliin jedhamtu akkana jetteetti: “Ergan cuuphamee booda obbolootaa fi obboleettota muuxannoo qaban wajjin tajaajilarratti hirmaachuun koo guddina hafuuraa gochuuf na gargaareera. Fakkeenyi isaanii Kitaaba Qulqulluu caalaatti qoʼachuu fi dandeettii barsiisuu koo fooyyeffachuuf na kakaaseera.”
19. Guddina hafuuraa gochuu kee yeroo itti fuftu eebbawwan akkamii argatta?
19 Guddina hafuuraa gochuu kee yeroo itti fuftu eebba hedduu argatta. Wantoota gatii hin qabne duukaa buʼuudhaan jabina dargaggummaa keetii hin qisaasessitu. (1 Yoh. 2:17) Gadda murtoo sirrii hin taane gochuudhaan dhufurraas ni baraaramta. Jireenya kee keessatti milkaaʼinaa fi gammachuu dhugaa ni argatta. (Fak. 16:3) Fakkeenya gaarii taʼuun kee dargaggootaa fi maanguddoota dabalatee obboloota kee hunda jajjabeessa. (1 Xim. 4:12) Hunda caalaammoo, nagaa fi gammachuu Yihowaa gammachiisuu fi michuu isaa taʼuudhaan argamu argatta.—Fak. 23:15, 16.
FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi
a Dargaggoonni yeroo cuuphaman tajaajiltoonni Yihowaa hundi ni gammadu. Barattoonni haaraan erga cuuphamanii booda guddina hafuuraa gochuu isaanii itti fufuu qabu. Mata dureen kun obboloota gumii keessa jiran hundumaa akka fayyaduuf karaawwan dargaggoonni dhiheenyatti cuuphaman Kiristiyaanota bilchaatoo taʼuu itti dandaʼanirratti xiyyeeffata.
b Kutaa jw.org/om irratti argamuu fi “Waaʼee Madda Jireenyaa” jedhus ilaaluu dandeessa.
c Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.