MATA DUREE QOʼANNAA 23
‘Laboobni Yaah’ Bobaʼuu Isaa Akka Itti Fufu Godhaa
“Laboobni [jaalalaa] ibidda bobaʼu, labooba Yaahi.”—WED. 8:6.
FAARFANNAA 131 “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe”
QABIYYEEa
1. Kitaabni Qulqulluun jaalala dhugaa kan ibsu akkamitti?
“LABOOBNI [jaalalaa] ibidda bobaʼu, labooba Yaahi. Dambaliiwwan bishaanii jaalala dhaamsuu hin dandaʼan, lageenis haxaaʼanii isa balleessuu hin dandaʼan.”b (Wed. 8:6, 7) Yaanni kun jaalala dhugaa akka gaariitti ibsa. Jechoonni kun warra gaaʼela dhaabbatan baayʼee jajjabeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala hin banne waliif qabaachuu ni dandaʼu.
2. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalli isaanii akka hin qabbanoofneef maal gochuu qabu?
2 Hiriyoonni gaaʼelaa hamma lubbuudhaan jiranitti jaalala hin banne waliif qabaachuu isaanii itti fufuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, ibiddi tokko bobaʼuu isaa itti fufuu kan dandaʼu qoraan itti dabaluu keenya yoo itti fufnedha. Akkas hin goonu taanaan yeroo booda ibiddi sun dhaamuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru cimaa taʼee itti fufuu kan dandaʼu hariiroo isaanii cimsachuuf carraaqqii yoo godhanidha. Yeroo tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa keessumaa rakkinni maallaqaa, dhibeen fayyaa ykn ijoollee guddisuu wajjin walqabatee rakkinni yeroo isaan mudatu jaalalli isaanii akka qabbanaaʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Gaaʼela dhaabbatteetta taanaan ‘laboobni Yaah’ gaaʼela keessan keessatti bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata duree kana keessatti karaawwan hariiroon keessan cimaa taʼee akka itti fufuu fi gaaʼelli keessan gammachiisaa taʼee akka itti fufu gochuu itti dandeessan sadi ilaalla.c
MICHUMMAA YIHOWAA WAJJIN QABDAN CIMSACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
Hiriyoonni gaaʼelaa akkuma Yoseefii fi Maariyaam Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabu (Keeyyata 3 ilaali)
3. Hiriyoonni gaaʼelaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun isaanii jaalalli waliif qaban cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf kan isaan gargaaru akkamitti? (Lallaba 4:12) (Fakkichas ilaali.)
3 ‘Laboobni Yaah’ gaaʼela isaanii keessatti bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuuf abbaan manaas taʼe haati manaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabu. Michummaan kun gaaʼela isaanii keessatti kan isaan fayyadu akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa michummaa Abbaa isaanii isa samii wajjin qabaniif iddoo guddaa kan kennan yoo taʼe gorsa isaa dafanii hojiirra oolchu; kunimmoo rakkoowwan jaalala waliif qaban qabbaneessan hambisuuf ykn mooʼuuf isaan gargaara. (Lallaba 4:12 dubbisi.) Namoonni karaa hafuuraa cimoo taʼan fakkeenya Yihowaa hordofuu fi amaloota isaa kanneen akka gaarummaa, obsaa fi dhiifama gochuu jiran horachuuf carraaqqii godhu. (Efe. 4:32–5:1) Hiriyoonni gaaʼelaa amaloota kana yeroo argisiisan jaalalli waliif qaban salphaatti guddata. Obboleettiin Liinaa jedhamtuu fi gaaʼela keessatti waggaa 25 ol dabarsite, “Nama hafuuraa kabajuu fi jaallachuun salphaadha” jetteetti.
4. Yihowaan warra Yesuus akka taʼan Yoseefii fi Maariyaamiin kan filate maaliifi?
4 Mee fakkeenya Kitaaba Qulqulluu tokko haa ilaallu. Yihowaan namoota sanyii Daawit taʼan hedduu keessaa warra Yesuus akka taʼan Yoseefii fi Maariyaamiin filate. Maaliif? Lamaan isaaniiyyuu isa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa waan qabaniif gaaʼela isaanii keessattis dursa akka isaaf kennan beeka. Hiriyoonni gaaʼelaa, Yoseefii fi Maariyaamirraa maal barattu?
5. Abbootiin manaa Yoseefirraa maal barachuu dandaʼu?
5 Yoseef qajeelfama Yihowaan isaaf kenne dafee hojiirra oolcheera; kunis abbaa manaa gaarii taʼuuf isa dandeessiseera. Waaqayyo yoo xinnaate siʼa sadi maatii isaa ilaalchisee qajeelfama isaaf kenneera. Yeroo sadanuu, yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee dafee ajajameera. (Mat. 1:20, 24; 2:13-15, 19-21) Yoseef qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan Maariyaamiif eegumsaa fi kunuunsa godheera. Gochi Yoseef jaalalaa fi kabaja Maariyaam isaaf qabdu baayʼee akka guddise tilmaamuu dandeessu. Abbootiin manaa, maatii keessan kunuunsuu ilaalchisee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennu argachuuf yaaluudhaan fakkeenya Yoseef hordofuu dandeessu.d Gorsa kana yoo hojiirra oolchitan jijjiirama gochuu kan isin gaafatu yoo taʼellee haadha manaa keessanitti jaalala argisiisuu fi gaaʼela keessan cimsachuu ni dandeessu. Obboleettiin Vaanuwaatuu keessa jiraattuu fi gaaʼela keessatti waggaa 20 ol dabarsite akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo qajeelfama Yihowaa argachuu fi hojiirra oolchuuf yeroo carraaqqii godhu caalaattin isa kabaja. Jireenya koo keessatti tasgabbiitu natti dhagaʼama, murtoo isaarrattis amantiin qabaadha.”
6. Haadhotiin manaa Maariyaamirraa maal baratu?
6 Maariyaam Yihowaa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa qabdi turte; amantiin ishii wanta Yoseef godhurratti kan hundaaʼe hin turre. Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekti turte. Xiinxaluufis yeroo ni ramaddi turte. (Luq. 2:19, 51) Maariyaam nama hafuuraa taʼuun ishii haadha manaa gaarii taʼuuf akka ishii gargaare hin shakkisiisu. Yeroo harʼaatti haadhotiin manaa hedduun fakkeenya Maariyaam hordofuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, obboleettiin Eemiikoo jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon qeenxee turetti dhuunfaatti barsiifata hafuuraa gaarii qaban ture. Ergan heerumee booda garuu maatii keenyaaf kan kadhatuu fi waaqeffannaa keenya dursa fudhatee kan geggeessu abbaa manaa koo waan taʼeef amantiin koo wantoota inni godhurratti kan hundaaʼe taʼe. Yeroo booda garuu michummaan Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee baʼaa ofii kootii baachuun akka na barbaachisun hubadhe. Kanaafuu, amma kadhachuudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, akkasumas yaada isaarratti xiinxaluudhaan kophaatti yeroon Waaqa koo wajjin dabarsu ramadeera.” (Gal. 6:5) Haadhotiin manaa, michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsachuu keessan yeroo itti fuftan abbootiin manaa keessan caalaatti isin dinqisiifachuu fi isin jaallachuu dandaʼu.—Fak. 31:30.
7. Hiriyoonni gaaʼelaa waliin taʼanii waaqeffachuu ilaalchisee Yoseefii fi Maariyaamirraa maal baratu?
7 Yoseefii fi Maariyaam michummaan Yihowaa wajjin qaban cimaa taʼee akka itti fufuuf waliin taʼaniis carraaqqii godhaniiru. Maatiidhaan taʼanii Yihowaa waaqeffachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubataniiru. (Luq. 2:22-24, 41; 4:16) Keessumaa yeroo maatiin isaanii guddachaa deemu akkas gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa; taʼus kana gochuu isaanii itti fufaniiru. Kun hiriyoota gaaʼelaa yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa. Akkuma Yoseefii fi Maariyaam ijoollee kan qabdan yoo taʼe walgaʼiirratti argamuun, akkasumas waaqeffannaa maatiitiif sagantaa baafachuun isin rakkisuu dandaʼa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan wajjin qoʼachuuf ykn kadhachuuf yeroo argachuunis caalaatti isin rakkisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo waliin taatanii Yihowaa waaqeffattan isattis taʼe walitti caalaatti akka dhihaattan yaadadhaa. Kanaafuu, waaqeffannaa keessaniif dursa kennaa.
8. Hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela isaanii keessatti rakkinni isaan mudachaa jiru waaqeffannaa maatiirraa faayidaa guutuu argachuu kan dandaʼan akkamitti?
8 Gaaʼela keessan keessatti rakkinni isin mudachaa jira yoo taʼehoo? Waliin taatanii waaqeffannaa maatii godhachuun isinitti toluu dhiisuu dandaʼa. Taanaan, wanta gabaabaa fi namatti tolu ykn lamaan keessaniyyuu irratti walii galtanirratti mariʼachuudhaan jalqabaa. Akkas gochuun keessan hariiroo keessan cimsuu fi fedhii wantoota hafuuraarratti hirmaachuuf qabdan isiniif guddisuu dandaʼa.
YEROO WALIIN DABARSAA
9. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo waliin dabarsuu kan qaban maaliifi?
9 Hiriyoonni gaaʼelaa, yeroo waliin dabarsuudhaanis jaalalli keessan cimaa taʼee akka itti fufu gochuu dandeessu. Akkas gochuun keessan yaadaa fi miira hiriyaa gaaʼelaa keessanii beekuuf isin gargaara. (Uma. 2:24) Liiliyaanii fi Ruslaan waggaa 15 dura gaaʼela dhaabbatanii utuma baayʼee hin turin maal akka hubatan haa ilaallu. Liiliyaan akkana jetteetti: “Akka yaannetti yeroo dheeraa waliin dabarsuu akka hin dandeenye hubanne. Hojii alaatiin, hojii mana keessaatiin, yeroo boodammoo ijoollee guddisuudhaan qabamnee turre. Yeroo kophaatti waliin dabarsinu argachuuf hin yaallu taanaan walirraa fagaachuu akka dandeenyu hubanne.”
10. Hiriyoonni gaaʼelaa qajeelfama Efesoon 5:15, 16 irratti argamu hojiirra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?
10 Hiriyoonni gaaʼelaa waliin yeroo dabarsuuf maal gochuu dandaʼu? Yeroo waliin dabarsitan ramaduun ykn sagantaa baafachuun isin barbaachisuu dandaʼa. (Efesoon 5:15, 16 dubbisi.) Obboleessi Naayijeeriyaa keessa jiraatuu fi Uzonduu jedhamu akkana jedheera: “Yeroon sochiiwwan kootiif sagantaa baafadhu yeroon haadha manaa koo wajjin dabarsus nan ramada; yeroo kanaaf dursan kenna.” (Filp. 1:10) Haadha manaa obboleessa Moldoovaa keessatti ilaaltuu olaanaa aanaa taʼee tajaajilu tokkoo kan taate Anastaasiyaan yeroo ishiitti akka gaariitti kan fayyadamtu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jetteetti: “Wantoota hojjechuun na barbaachisu tokko tokko yeroo abbaan manaa koo itti gaafatamummaa isaa raawwatutti xumuruufan yaala. Akkas gochuun koo sana booda yeroo waliin dabarsuuf nu dandeessisa.” Haa taʼu malee, sagantaan keessan yeroo waliin dabarsitan argachuun rakkisaa akka isinitti taʼu kan godhu yoo taʼehoo?
Waliin taatanii sochiiwwan akkamiirratti hirmaachuu dandeessu? (Keeyyata 11-12 ilaali)
11. Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin taʼanii sochiiwwan akkamiirratti hirmaataniiru?
11 Hiriyoonni gaaʼelaa Aqiilaa fi Phirisqiilaarraa barumsa argachuu dandaʼu; Kiristiyaanonni durii hedduun hiriyoota gaaʼelaa kana baayʼee dinqisiifatu turan. (Rom. 16:3, 4) Kitaabni Qulqulluun waaʼee gaaʼela isaanii wanta hedduu dubbachuu baatus, waliin hojjechaa, tajaajilaa fi warra kaan gargaaraa akka turan ni dubbata. (HoE. 18:2, 3, 24-26) Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan isaanii kan caqasames wal faanadha.
12. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo waliin dabarsuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkichas ilaali.)
12 Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya Aqiilaa fi Phirisqiilaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Wantoota isinis taatan hiriyaan gaaʼelaa keessan hojjechuun isin barbaachisan hedduu yaadaa. Hojiiwwan kana keessaa muraasa isaanii kophaatti utuu hin taʼin, waliin hojjechuu ni dandeessuu? Fakkeenyaaf, Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin tajaajilaniiru. Isinoo sagantaa dhaabbataa waliin itti tajaajiltan qabduu? Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin ni hojjetu turan. Tarii isin hojii wal fakkaatu hin qabdan taʼa; garuu hojii mana keessaa waliin hojjechuu ni dandeessuu? (Lal. 4:9) Yeroo waliin taatanii hojii tokko hojjettan garee tokko akka taatan isinitti dhagaʼama, carraa itti haasoftanis ni argattu. Roobartii fi Liindaan gaaʼela erga dhaabbatanii waggaa 50 ol taʼeera. Roobarti akkana jedheera: “Dhugaa isaa dubbachuuf, yeroo waliin taanee bashannanarratti dabarsinu hedduu hin qabnu. Haa taʼu malee, yeroon ani miʼa dhiqu ishiin ni qoorsiti, akkasumas yeroon biqiltoota kunuunsu dhuftee na faana hojjetti; kun baayʼee na gammachiisa. Waliin taanee waa hojjechuun keenya walitti nu dhiheessa. Jaalalli keenyas guddachuu isaa itti fufa.”
13. Hiriyoonni gaaʼelaa tokkummaa cimaa qabaachuuf maal gochuu qabu?
13 Haa taʼu malee, waliin taʼuun keessan qofti tokkummaa cimaa akka qabaattan gochuu dhiisuu akka dandaʼu yaadadhaa. Haati manaa Biraaziil keessa jiraattu takka akkana jetteetti: “Yeroo ammaatti, wantoonni xiyyeeffannaa keenya hihiran hedduun waan jiraniif, mana tokko keessa waan jiraanneef qofa yeroo waliin dabarsaa akka jirru nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Waliin taʼuun qofti gaʼaa akka hin taane baradheera. Hiriyaa gaaʼelaa kootiif xiyyeeffannaa kennuun na barbaachisa.” Biruunoo fi haati manaa isaa Taayis xiyyeeffannaa kan waliif kennan akkamitti akka taʼe hubadhaa. Biruunoon akkana jedheera: “Yeroo waliin taanutti bilbila keenya of biraa fageessinee, yeroo waliin dabarsinutti gammaduuf yaalla.”
14. Hiriyoonni gaaʼelaa yeroo waliin dabarsuun kan isaan hin gammachiisne yoo taʼe maal gochuu dandaʼu?
14 Haa taʼu malee, yeroo waliin dabarsuun isin hin gammachiisu yoo taʼehoo? Tarii fedhiin qabdan garaa gara taʼuu dandaʼa ykn walitti aartu taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessu? Ibidda olitti caqasne yaadadhaa. Ibiddi bobaʼuu kan jalqabu akkuma tasaa miti. Bobaʼuu isaa akka itti fufuuf qoraan guguddaa itti dabaluu keessan itti fufuu qabdu. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan yeroo gabaabaa waliin dabarsuuf maaliif hin yaaltan? Yeroo waliin taatanitti wanta walitti isin buusu utuu hin taʼin, wanta lamaan keessaniyyuu gammachiisu gochuuf yaalaa. (Yaq. 3:18) Wantoota xixinnoo gochuudhaan jaalalli keessan cimaa akka deemu gochuu dandeessu.
KABAJA WALIIF QABAADHAA
15. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalli isaanii cimaa taʼee akka itti fufuuf kabaja waliif qabaachuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
15 Gaaʼela keessatti kabajni baayʼee barbaachisaadha. Kabajni akkuma oksijiinii ibiddi akka gaariitti bobaʼuu isaa akka itti fufu godhuuti. Ibiddi oksijiinii hin argatu taanaan yeruma sana dhaama. Haaluma wal fakkaatuun, hiriyoonni gaaʼelaa wal hin kabajan taanaan jaalalli isaanii yeruma sana qabbanaaʼa. Faallaa kanaatiin, abbaan manaa fi haati manaa wal kabajuuf carraaqqii godhan jaalalli isaanii cimaa taʼee akka itti fufu godhu. Haa taʼu malee, wanti guddaan isin hiriyaa gaaʼelaa keessan akka kabajjan isinitti dhagaʼamuu isaa utuu hin taʼin, hiriyaan gaaʼelaa keessan akka isa kabajjan isatti dhagaʼamuu isaa akka taʼe yaadadhaa. Peenii fi Aaret gaaʼela erga dhaabbatanii waggaa 25 ol taʼeera. Aaret akkana jetteetti: “Kabaja waliif qabaachuun keenya manni keenya jaalalaan akka guutamu godheera. Ilaalcha waliitiif iddoo guddaa akka kenninu waan beeknuuf miira keenya bilisummaadhaan ibsina.” Maarree, hiriyaan gaaʼelaa keessan akka isa kabajjan akka isatti dhagaʼamu gochuuf maaltu isin gargaara? Mee fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa haa ilaallu.
Abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokko haadha manaa isaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuudhaan miira ishii akka kabaju argisiisuu qaba (Keeyyata 16 ilaali)
16. Abbootiin manaa fakkeenya Abrahaamirraa maal baratu? (1 Pheexiros 3:7) (Fakkichas ilaali.)
16 Abrahaam Saaraadhaaf kabaja qaba ture. Ilaalcha ishiitiif iddoo guddaa kenna ture, miira ishiis ni kabaja ture. Yeroo tokko, Saaraan baayʼee dhiphachuu ishiitiin kan kaʼe wanta ishii aarse Abrahaamitti himtee turte; rakkinichaaf kan itti gaafatamu isa akka taʼellee dubbattee turte. Maarree, Abrahaam aariidhaan wanta sirrii hin taane dubbateeraa? Lakki. Abrahaam, Saaraan akka isaaf bitamtuu fi akka isa deggertu beeka. Abrahaam erga ishii dhaggeeffatee booda dhimmichaaf furmaata kenneera. (Uma. 16:5, 6) Seenaa kanarraa maal baranna? Abbootiin manaa, maatii keessaniif murtoo gochuuf aangoo qabdu. (1 Qor. 11:3) Taʼus, keessumaa murtoo haadha manaa keessan tuqu yeroo gootanitti ilaalcha ishii xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan jaalala ishiitti argisiisuu dandeessu. (1 Qor. 13:4, 5) Yeroo kan biraattimmoo, haati manaa keessan dhiphattee miira ishiitti dhagaʼamu ibsuu barbaaddi taʼa. Xiyyeeffannaadhaan ishii dhaggeeffachuudhaan miira ishii akka kabajjan ni argisiistuu? (1 Pheexiros 3:7 dubbisi.) Anjeelaa fi Dimitriin gaaʼela erga dhaabbatanii gara waggaa 30 taʼeera. Anjeelaan abbaan manaa ishii akka ishii kabaju kan argisiisu akkamitti akka taʼe yeroo ibsitu akkana jetteetti: “Dimitriin yeroon aaru ykn yeroon dubbachuu barbaadu hundumaatti na dhaggeeffachuuf qophaaʼaadha. Yeroon miiraan dubbadhuttillee obsa natti argisiisa.”
17. Haadhotiin manaa fakkeenya Saaraarraa maal baratu? (1 Pheexiros 3:5, 6)
17 Saaraan murtoo Abrahaam deggeruudhaan akka isa kabajju argisiisteetti. (Uma. 12:5) Yeroo tokko, Abrahaam keessummoota akkuma tasaa dhufan simachuuf murteessee ture. Yeroo kanatti wanta hojjechaa jirtu dhiistee daabboo akka tolchitu ishiitti hime. (Uma. 18:6) Saaraanis murtoo Abrahaam deggeruudhaan daftee tarkaanfii fudhatte. Haadhotiin manaa, murtoo abbaa manaa keessanii deggeruudhaan fakkeenya Saaraa hordofuu dandeessu. Akkas yeroo gootan, gaaʼela keessan cimsitu. (1 Pheexiros 3:5, 6 dubbisi.) Dimitriin inni keeyyata oliirratti ibsame haati manaa isaa akka isa kabajju kan argisiistu akkamitti akka taʼe yeroo ibsu akkana jedheera: “Carraaqqii Anjeelaan yeroo irratti walii hin gallettillee murtoo koo deggeruuf gootu baayʼeen dinqisiifadha. Yeroo murtoon koo buʼaa gaarii hin argamsiisnetti na hin ceephaatu.” Nama isin kabaju jaallachuun salphaadha.
18. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalli isaanii cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf carraaquun isaanii faayidaa akkamii isaaniif argamsiisa?
18 Yeroo harʼaatti, Seexanni jaalala gaaʼela Kiristiyaanotaa keessa jiru balleessuu barbaada. Jaalalli hiriyoonni gaaʼelaa waliif qaban yoo qabbanaaʼe, Yihowaarraas fagaachuu akka dandaʼan beeka. Haa taʼu malee, jaalala dhugaa balleessuun hin dandaʼamu. Kanaafuu, jaalalli gaaʼela keessan keessa jiru akkuma jaalala kitaaba Weedduu Weedduu Caalu keessatti ibsamee haa taʼu. Gaaʼela keessan keessatti Yihowaadhaaf dursa kennuuf, yeroo waliin dabarsuuf, akkasumas kabaja walitti argisiisuuf murteessaa. Akkas yoo gootan, gaaʼelli keessan Yihowaa isa Madda jaalala dhugaa taʼeef ulfina kan fidu taʼa, akkasumas jaalalli keessan akkuma ibidda qoraan sirriitti itti dabalameetti cimaa taʼee itti fufa.
FAARFANNAA 132 Amma Tokko Taaneerra
a Gaaʼelli kennaa Yihowaati; kennaan kun abbaan manaa fi haati manaa jaalala addaa waliif qabaachuuf isaan dandeessisa. Yeroo tokko tokko garuu jaalalli kun qabbanaaʼuu dandaʼa. Gaaʼela dhaabbatteetta taanaan mata dureen kun jaalalli keessan cimaa taʼee akka itti fufuu fi gaaʼela keessanitti akka gammaddu si gargaara.
b Yihowaan Madda jaalalaa waan taʼeef jaalalli dhugaan hin jijjiiramnee fi barabaraaf jiraatu “labooba Yaahi” jedhameera.
c Hiriyaan gaaʼelaa kee kan hin amanne yoo taʼellee gorsi kun hariiroo keessan cimsachuuf si gargaaruu dandaʼa.—1 Qor. 7:12-14; 1 Phe. 3:1, 2.
d Fakkeenyaaf, mata duree “Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu” jedhuu fi jw.org fi JW Library® irratti walitti aansee baʼurraa gorsa gaarii argachuu dandeessu.