MATA DUREE QOʼANNAA 34
FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya
Yihowaan Dhiifama Akka Siif Godhe Amani
“Dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste.”—FAR. 32:5.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi Kitaabni Qulqulluun Yihowaan cubbamoota yaada geeddarataniif dhiifama akka godhu kan nuuf mirkaneessu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1-2. Cubbamoonni yaada geeddaratan boqonnaa akkamii argachuu dandaʼu? (Fakkii ilaali.)
DAAWIT Mootichi cubbuu hojjeteen kan kaʼe miirri balleessaa isatti dhagaʼamee ture. (Far. 40:12; 51:3; ibsa jalqaba boqonnaarra jiru) Taʼus, garaadhaa yaada geeddarateera, Yihowaanis dhiifama isaaf godheera. (2 Sam. 12:13) Kanaan kan kaʼes, dhiifama Yihowaa argachuun boqonnaa akkamii akka argamsiisu beeka.—Far. 32:1.
2 Nutis akkuma Daawit boqonnaa araara Yihowaa fudhachuun argamsiisu argachuu dandeenya. Garaadhaa yoo yaada geeddaranne, cubbuu keenya yoo himannee fi dogoggora keenya irra deebiʼuu dhiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone cubbuu cimaa yoo hojjennellee Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. (Fak. 28:13; HoE. 26:20; 1 Yoh. 1:9) Yihowaan dhiifama yeroo nuuf godhu akka waan cubbuun sun hin raawwatamneetti akka ilaalu beekuun keenyas nu jajjabeessa.—His. 33:16.
Daawit Mootichi faarfannaawwan dhiifama Yihowaa ibsan hedduu qindeesseera (Keeyyata 1-2 ilaali)
3-4. Obboleettiin tokko erga cuuphamtee booda maaltu ishiitti dhagaʼame? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Darbee darbee garuu obboloonni tokko tokko Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhe amanuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Mee muuxannoo Jeenifar ishii dhugaa keessatti guddattee haa ilaallu. Jeenifar umurii waggoota kurnanii keessa yommuu galtu wantoota gaggadhee raawwachuu fi warra ishii jalaa dhoksuu jalqabde. Waggoota muraasa booda garuu gara Yihowaatti deebitee cuuphamte. Akkana jetteetti: “Kanaan dura jireenyi koo qabeenya argachuu, halalummaa raawwachuu fi garmalee dhuguurratti kan xiyyeeffate ture; akkasumas baayʼeen aaran ture. Dhiifama argachuuf garaadhaa yoon kadhadhee fi yaada yoon geeddaradhe aarsaan Kiristoos akka na qulqulleessu beeka. Haa taʼu malee, Yihowaan dhiifama akka naaf godhe garaa koo amansiisuu hin dandeenye.”
4 Atoo yeroo tokko tokko cubbuu kanaan dura hojjetteef Yihowaan dhiifama akka siif godhe garaa kee amansiisuun sitti ulfaataa? Taanaan, araara Yihowaa ilaalchisee miira Daawititti dhagaʼame yaadadhu. Daawit Yihowaan araara qabeessa waan taʼeef dhiifama akka isaaf godhe mirkanaaʼaa ture. Yihowaan atis akkasuma akka sitti dhagaʼamu barbaada. Mata duree kana keessatti Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuu kan dandeenyu maaliif akka taʼee fi wanti araarasaa fudhachuuf nu gargaaru maal akka taʼe ilaalla.
YIHOWAAN DHIIFAMA AKKA NUUF GODHE AMANUU KAN QABNU MAALIIFI?
5. Seexanni maal akka amannu barbaada? Fakkeenya kenni.
5 Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuun keenya kiyyoo Seexanaa keessa galuurraa nu baraara. Seexanni Yihowaa tajaajiluu keenya nu dhaabsisuuf wanta kamiyyuu gochuurraa duubatti akka hin jenne yaadadhu. Kaayyoosaa kana galmaan gaʼuuf cubbuu keenyaaf dhiifama argachuu akka hin dandeenye nu amansiisuuf yaala. Mee namicha gumii Qorontos keessa turee fi halalummaa raawwatee gumiidhaa baafame akka fakkeenyaatti haa ilaallu. (1 Qor. 5:1, 5, 13) Seexanni namichi sun booda yeroo yaada geeddaratu warri gumii keessa jiran dhiifama isaaf gochuu akka didanii fi deebisanii akka isa hin simanne gochuu barbaadee ture. Namichi yaada geeddarates dhiifama akka hin arganne akka isatti dhagaʼamuu fi ‘gadda guddaadhaan liqimfamee’ Yihowaa tajaajiluusaa akka dhaabu barbaadee ture. Harʼas Seexanni kaayyoosaas taʼe malasaa hin jijjiirre. Taʼus, “nuti akeeka isaa beekna” beekna.—2 Qor. 2:5-11.
6. Miira balleessaa nutti dhagaʼamurraa boqonnaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuudhaan miira balleessaa nutti dhagaʼamurraa boqonnaa argachuu dandeenya. Cubbuu yeroo hojjennu miirri balleessaa nutti dhagaʼamuunsaa waanuma jirudha. (Far. 51:17) Miirri akkasii nutti dhagaʼamuunsaa gaariidha. Qalbiin keenya dogoggora keenya sirreessuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe akka fudhannu nu kakaasuu dandaʼa. (2 Qor. 7:10, 11) Haa taʼu malee, yaada erga geeddarannee booda miirri balleessaa kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe abdii kutachuuf qoramuu dandeenya. Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe yoo amanne miirri balleessaa nutti hin dhagaʼamu. Sana booda karaa Yihowaan barbaaduun, jechuunis qalbii qulqulluu fi gammachuudhaan isa tajaajiluu dandeenya. (Qol. 1:10, 11; 2 Xim. 1:3) Maarree, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe garaa keenya amansiisuu kan dandeenyu akkamitti?
YIHOWAAN DHIIFAMA AKKA NUUF GODHE AMANUUF MAALTU NU GARGAARA?
7-8. Yihowaan Museedhaaf kan of ibse akkamitti? Kunoo amanannaa akkamii akka qabaannu nu taasisa? (Baʼuu 34:6, 7)
7 Akkaataa Yihowaan itti of ibserratti xiinxali. Fakkeenyaaf, Yihowaan Gaara Siinaarratti Museedhaan maal akka jedhe hubadhu.a (Baʼuu 34:6, 7 dubbisi.) Yihowaan amaloota gaggaarii hedduu kan qabu taʼus, “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa” akka taʼe Museetti himuuf filateera. Maarree, Waaqni akkasii tajaajiltootasaa garaadhaa yaada geeddarataniif dhiifama gochuurraa duubatti waan jedhu sitti fakkaataa? Matumaa! Yihowaan nama akkasiitiif dhiifama gochuu yoo dide gara jabeessadha ykn araara hin qabu jechuudha; innimmoo matumaa amala akkasii hin qabu.
8 Yihowaan Waaqa dhugaa waan taʼeef waaʼee ofiisaa wanta sirrii hin taane akka hin dubbanne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 31:5) Kanaafuu, wanta inni dubbatu amanuu dandeenya. Cubbuu kanaan dura hojjetteen kan kaʼe miira balleessaa sitti dhagaʼamu injifachuun yoo sitti ulfaate akkana jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa cubbamaa yaada geeddarate kamiifiyyuu dhiifama gochuurraa duubatti hin jenne akka taʼe nan amanaa? Maarree, anaafis dhiifama akka godhe amanuu hin qabuu?’
9. Faarfannaan 32:5 akkaataa Yihowaan dhiifama itti nuuf godhu ilaalchisee maal nu hubachiisa?
9 Dhiifama Yihowaa ilaalchisee wanta barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hafuuraan geggeeffamanii dubbatanirratti xiinxali. Fakkeenyaaf, dhiifama Yihowaa ilaalchisee wanta Daawit barreesse hubadhu. (Faarfannaa 32:5 dubbisi.) Daawit, “[Ati] dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste” jedheera. Jechi Afaan Ibrootaa ‘dhiisuu’ jedhamee hiikame, “irraa fuudhuu” ykn “kaasuu” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Yihowaan Daawitiif dhiifama yeroo godhetti, akka fakkeenyaatti cubbuusaa irraa fuudheera ykn irraa kaaseera jechuun ni dandaʼama. Kanaan kan kaʼe, Daawit miira balleessaa baʼaa isatti taʼee turerraa boqonnaa argateera. (Far. 32:2-4) Nutis boqonnaa akkasii argachuu dandeenya. Cubbuu keenyaaf garaadhaa erga yaada geeddarannee booda miira balleessaa Yihowaan nurraa fuudhe ykn nurraa kaase baachuu keenya itti fufuun nu hin barbaachisu.
10-11. Yaanni ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaadha’ jedhu waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? (Faarfannaa 86:5)
10 Faarfannaa 86:5 dubbisi. Daawit caqasa kanarratti Yihowaan ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa’ akka taʼe dubbateera. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko caqasa kanarratti yaada yeroo kennu Yihowaa ilaalchisee, “Dhiifama gochuun amalumasaati” jedha. Dhiifama gochuun amala Yihowaa kan taʼe maaliifi? Kutaan caqasa kanaa ittaanu, “Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista” jechuudhaan ibsa. Mata duree darberratti Yihowaan warra isa jaallatanitti jaalala amanamaa akka argisiisuu fi matumaa akka isaan hin dhiisne waadaa akka gale baranneerra. Yihowaan jaalala amanamaadhaan kakaʼee cubbamoota yaada geeddaratan hundumaaf “tolaan dhiifama” godha. (Isa. 55:7, milj.) Yihowaan dhiifama akka siif godhe amanuun yoo sitti ulfaate akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Yihowaan cubbamoota yaada geeddaratanii fi araara argachuuf isa kadhatan hundumaaf dhiifama akka godhu nan amanaa? Maarree, anoo araarasaa argachuuf ergan kadhadhee booda dhiifama akka naaf godhe amanuu hin qabuu?’
11 Yihowaan cubbamoota akka taane guutummaatti akka hubatu beekuun keenya nu jajjabeessa. (Far. 139:1, 2) Mee wanta Daawit faarfannaa kan biraarratti dubbatee fi yaanni inni dubbate kun Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
WANTA YIHOWAAN YAADATU HIN IRRAANFATIN
12-13. Akka Faarfannaa 103:14 irratti ibsametti Yihowaan waaʼee keenya maal yaadata? Kunoo maal gochuuf isa kakaasa?
12 Faarfannaa 103:14 dubbisi. Daawit Yihowaan ‘biyyoo taʼuu keenya akka yaadatu’ dubbateera. Daawit caqasa kanarratti sababa Yihowaan tajaajiltootasaa yaada geeddarataniif dhiifama gochuuf qophaaʼaa itti taʼe tokko ibseera. Inni cubbamoota taʼuu keenya yeroo hundumaa ni yaadata. Kana caalaatti hubachuuf mee wanta Daawit dubbate gadi fageenyaan haa ilaallu.
13 Daawit Yihowaan “akkamitti akka tolfamne sirriitti beeka” jedheera. Yihowaan Addaamiin “biyyoo lafaa irraa” tolche; kanaafuu, namoonni akkamitti akka uumamanii fi wanta isaan barbaachisu beeka. Fakkeenyaaf, nyaachuun, rafuunii fi hafuura baafachuun isaan barbaachisa; namoonni mudaa hin qabnellee wantoonni kun isaan barbaachisu. (Uma. 2:7) Taʼus, Addaamii fi Hewaan cubbuu waan hojjetaniif yaanni ‘nuti biyyoodha’ jedhu cubbuu dhaalleen kan kaʼe dadhaboo taʼuu keenyas argisiisuu dandaʼa. Sanyiisaanii taʼuu keenyaan kan kaʼe cubbuu waan dhaalleef wanta dogoggora taʼe raawwachuuf qoramna. Daawit Yihowaan cubbamoota taʼuu keenya beekuu qofa utuu hin taʼin akka ‘yaadatus’ dubbateera. Jechi Afaan Ibrootaa ‘yaadachuu’ jedhamee hiikame gara laafinaan tarkaanfii fudhachuu argisiisuu dandaʼa. Wanta Daawit dubbate akka ittaanutti ibsuu dandeenya: Yihowaan yeroo tokko tokko dogoggora raawwachuu akka dandeenyu beeka; yeroo akkasiitti garaadhaa yommuu yaada geeddarannu araara nutti argisiisa, akkasumas dhiifama nuuf godha.—Far. 78:38, 39.
14. (a) Daawit dhiifamni Yihowaa guddaa taʼuusaa akkamitti ibse? (Faarfannaa 103:12) (b) Akkaataa Yihowaan Daawitiif dhiifama itti godherraa maal baranna? (Saanduqa, “Yihowaan Dhiifama kan Godhuu fi kan Irraanfatu Akkamitti?” jedhu ilaali.)
14 Dhiifamni Yihowaa hammam guddaadha? (Faarfannaa 103:12 dubbisi.) Daawit Yihowaan dhiifama yeroo nuuf godhu “akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu” cubbuu keenya akka nurraa fageessu dubbateera. Bahi biiftuu fi lixni biiftuu baayʼee walirraa fagoodha; kallattiiwwan kun lamaan yoomiyyuu wal tuquu hin dandaʼan. Kana jechuun Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama yeroo nuuf godhu akkuma waan cubbuu keenya baayʼee nurraa fageessee bakka biraa geessuutti ilaalama jechuudha. Baayʼee waan nurraa fageessuuf deebiʼee waaʼee cubbuu keenyaa akka yaadu ykn akka nu yaadachiisu, akkasumas cubbuu sanaaf akka nu gaafatu ykn akka nu adabu wanti isa taasisu tokkollee hin jiraatu.—His. 18:21, 22; HoE. 3:19.
15. Dogoggora kanaan dura raawwanneen kan kaʼe yeroo hunda miirri balleessaa nutti dhagaʼama yoo taʼe maal gochuu dandeenya?
15 Yaanni Daawit Faarfannaa 103 irratti dubbate Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe amanuuf kan nu gargaaru akkamitti? Dogoggora kanaan dura raawwanneen kan kaʼe yeroo hunda miirri balleessaa nutti dhagaʼama yoo taʼe akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Wanta Yihowaan yaadatu irraanfachaan jiraa? Cubbamaa taʼuu koo akka beekuu fi cubbamaa akka koo yaada geeddarateef dhiifama akka godhu irraanfachaan jiraa? Wanta Yihowaan irraanfachuuf filate hoo yaadachaan jiraa? Cubbuu inni naaf dhiisee fi matumaa deebisee ittiin na hin gaafanne yaadachaan jiraa?’ Yihowaan cubbuu kanan dura hojjennerratti hin xiyyeeffatu. Nutis akkas gochuu hin qabnu. (Far. 130:3) Yihowaan dhiifama akka nuuf godhe yeroo amannu cubbuu kanaan dura hojjenneef dhiifama ofiif gochuu fi gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu dandeenya.
16. Waaʼee cubbuu kanaan dura hojjennee yaaduu keenya itti fufuun balaa akkamii akka qabu fakkeenyaan ibsi. (Fakkichas ilaali.)
16 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Waaʼee cubbuu kanaan dura hojjennee yaaduu itti fufuun daawitii duuba konkolaataa argisiisu utuu walirraa hin kutin ilaalaa oofuu wajjin wal fakkaata. Darbee darbee daawitii duuba konkolaataa argisiisu ilaaluun gaariidha; balaa karaa duubaa si mudachuu dandaʼu hambisuuf si gargaaruu dandaʼa. Haa taʼu malee, balaarraa of eeguuf daandii fuuldura kee jirurratti xiyyeeffachuu qabda. Haaluma walfakkaatuun, waaʼee dogoggora kanaan dura raawwannee darbee darbee yaaduun keenya gaaridha; dogoggora raawwannerraa akka barannuu fi kutannoo irra deebiʼuu dhiisuuf goone akka cimsannu nu gargaara. Dogoggora kanaan dura raawwannerratti xiyyeeffachuu keenya yoo itti fufne garuu, miirri balleessaa nutti dhagaʼamu wanta Yihowaa tajaajiluuf amma gochuu dandeenyu nu jalaa daangessuu dandaʼa. Kanaafuu, daandii fuuldura keenya jirurratti xiyyeeffachuu keenya itti haa fufnu. Daandii addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti geessurra deemaa jirra; addunyaa haaraa keessattimmoo yaadannoowwan gaggadheen “garaa [keessa] hin taaʼan.”—Isa. 65:17; Fak. 4:25.
Akkuma konkolaachisaan tokko daawwitii duubasaa argisiisurratti utuu hin taʼin daandii fuuldurasaa jirurratti xiyyeeffatu, nutis dogoggora darberratti utuu hin taʼin eebba gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu qabna (Keeyyata 16 ilaali)
GARAA KEE AMANSIISUU KEE ITTI FUFI
17. Yihowaan akka nu jaallatuu fi dhiifama akka nuuf godhe garaa keenya amansiisuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
17 Yihowaan akka nu jaallatuu fi dhiifama akka nuuf godhe garaa keenya amansiisuu keenya itti fufuu qabna. (1 Yoh. 3:19, milj.) Maaliif? Sababiinsaas, Seexanni Yihowaan akka nu hin jaallanne ykn dhiifama akka nuuf hin goone nu amansiisuuf carraaqqii gochuusaa hin dhiisu. Kaayyoonsaa tokkoof tokkodha; innis Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhaabnu gochuudha. Seexanni yeroon isaaf hafe gabaabaa akka taʼe waan beekuuf carraaqqii godhu cimsee akka itti fufu eeguu dandeenya. (Mul. 12:12) Akka inni injifatu matumaa heyyamuu hin qabnu.
18. Yihowaan akka si jaallatuu fi dhiifama akka siif godhe garaa kee amansiisuuf maal gochuu dandeessa?
18 Yihowaan akka si jaallatu amantii qabdu cimsachuuf yaadawwan mata duree darberratti ilaalle hojiirra oolchi. Yihowaan dhiifama akka siif godhe garaa kee amansiisuuf akkaataa inni itti of ibserratti xiinxali. Dhiifamasaa ilaalchisee wanta barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu dubbatanirratti xiinxali. Cubbamaa taʼuu kee akka gaariitti akka beekuu fi araara akka sitti argisiisu hin dagatin. Guutummaatti dhiifama akka siif godhus yaadadhu. Taanaan, atis araara Yihowaa ilaalchisee akkuma Daawit amanannaadhaan akkana jechuu dandeessa: “Yihowaa, ‘dogoggora koo fi cubbuu koo’ waan naa dhiisteef galatoomi!”—Far. 32:5.
FAARFANNAA 1 Amalawwan Yihowaa
a Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 2022 irraa mata duree, “Yihowaan Waaqa Dhiifamni Isaa Guddaa Taʼedha” jedhu keeyyata 4-7 ilaali.