MATA DUREE QOʼANNAA 35
FAARFANNAA 121 Of Toʼachuun Nu Barbaachisa
Fedhii Dogoggoraa Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
“Isin kajeellaa fooniitiif akka hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu irratti mootii taʼuu isaa akka itti fufu hin heyyaminaa.”—ROM. 6:12.
YAADA IJOO
Mata dureen kun (1) fedhii dogoggoraa yeroo qabaannutti abdii akka hin kutannee fi (2) qorumsaaf akka harka hin kennine nu gargaara.
1. Ilmaan namootaa hunda wanti wal fakkeessu maalidha?
WANTA Yihowaan jibbu raawwachuuf fedhii cimaan si keessatti uumamee beekaa? Taanaan, qorumsi namoota kaanirra gaʼee hin beekne akka sirra gaʼe gootee hin yaadin. Kitaabni Qulqulluun, “Qorumsi namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye” jedha. (1 Qor. 10:13) Kana jechuun fedhii dogoggoraa ati wajjin waldhaansoo gochaa jirtu namni kan biraas injifachuuf waldhaansoo gochaa jira jechuudha. Kanaafuu, fedhii akkasii kan qabu si qofa miti; gargaarsa Yihowaatiin injifachuu ni dandeessa.
2. Kiristiyaanonnii fi barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko fedhii dogoggoraa akkamii wajjin waldhaansoo godhu? (Fakkiiwwanis ilaali.)
2 Kitaabni Qulqulluun, “Tokkoon tokkoon namaa yommuu hawwii ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama” jedha. (Yaq. 1:14) Wanti nama tokko qoru isa nama kan biraa qorurraa adda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni tokko tokko saala faallaa wajjin halalummaa raawwachuuf qoramuu dandaʼu; kaanimmoo namoota saala akkasaanii qaban wajjin halalummaa raawwachuuf qoramuu dandaʼu. Namoonni poornoogiraafii ilaaluu dhiisan barsiifata kanatti deebiʼuuf fedhii cimaa qabaachuu dandaʼu. Namoonni qoricha sammuu hadoochu fudhachuu ykn garmalee dhuguu dhaaban hedduunis qorumsi akkasii isaan mudachuu dandaʼa. Wantoonni kun fedhiiwwan dogoggoraa Kiristiyaanonnii fi barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko injifachuuf waldhaansoo godhan keessaa muraasa isaaniiti. Hundi keenyayyuu yeroo taʼe tokkotti akkuma Phaawulos ergamaa nutti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa; Phaawulos, “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jedheera.—Rom. 7:21.
Qorumsi yeroo kamittiyyuu bakka kamittiyyuu akka tasaa nu mudachuu dandaʼa (Keeyyata 2 ilaali)c
3. Namni tokko yeroo hundumaa fedhii dogoggoraa wajjin waldhaansoo gochuunsaa dhiibbaa akkamii isarratti godha?
3 Fedhii dogoggoraa tokko wajjin yeroo hundumaa waldhaansoo kan gootu yoo taʼe fedhii sana injifachuuf humna akka hin qabne sitti dhagaʼamu dandaʼa. Kana malees, fedhii dogoggoraa waan qabaatteef qofa Yihowaan akka sitti murteessu yaaduudhaan abdii kutachuu dandeessa. Garuu ilaalchi kun lamaanuu dhugaa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Akkas kan jennu maaliif akka taʼe ibsuuf mata dureen kun gaaffilee lamaaf deebii kenna: (1) Humna akka hin qabnee fi abdii akka hin qabne akka sitti dhagaʼamu kan barbaadu eenyu? (2) Fedhii dogoggoraa injifachuu kan dandeessu akkamitti?
‘INNI HAMAAN’ MAAL AKKA YAANNU BARBAADA?
4. (a) Seexanni humna akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu kan barbaadu maaliifi? (b) Qorumsa injifachuun humna keenyaa ol miti kan jennu maaliifi?
4 Seexanni qorumsi yeroo nu mudatu humna akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu barbaada. Yesuus duuka buutonnisaa, “Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin” jedhanii akka kadhatan yeroo barsiisetti kana ifa godheera. (Mat. 6:13) Seexanni namoonni yeroo qorumsi isaan mudatu Yihowaadhaaf ajajamuuf fedhii qabaachuuf dhiisuu isaaniirratti gaaffii kaaseera. (Iyo. 2:4, 5) Seexanni akkasitti kan yaadu maaliifi? Yeroo jalqabaatiif fedhii isaatiin harkifamee Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin kan hafe isadha. Kanaafuu, nutis akkumasaa yeroo qorumsi nurra gaʼu Yihowaa akka dhiisnu amana. Ilmi Waaqayyoo mudaa hin qabnellee qorumsaan ni mooʼama jedhee yaadee ture. (Mat. 4:8, 9) Garuu mee yaadi: Fedhii dogoggoraa injifachuun dhuguma humna keenyaa olii? Matumaa! Yaada Phaawulos ergamaan, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jechuudhaan barreesserratti walii galla.—Filp. 4:13.
5. Yihowaan fedhii dogoggoraa injifachuu akka dandeenyu amanannaa akka nurratti qabu akkamitti beekna?
5 Yihowaan Seexanarraa haala adda taʼeen fedhii dogoggoraa injifachuu akka dandeenyu amanannaa nurratti qaba. Kana akkamitti beekna? Yihowaan tuutni uummataa guddaan amanamummaasaanii eeggatan rakkina guddaarraa akka oolan dursee dubbateera. Kun maal jechuu akka taʼe yaadi. Yihowaan inni sobuu hin dandeenye namoonni muraasni qofti utuu hin taʼin, namoonni hedduun ‘uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffatanii,’ jechuunis ejjennoo qulqulluu qabaatanii gara addunyaa haaraatti akka galan dubbateera. (Mul. 7:9, 13, 14) Eeyyee, Yihowaan fedhii dogoggoraa injifachuun humna keenyaa ol akka taʼetti hin ilaalu.
6-7. Wanti Seexanni akka amannu barbaadu kan biraan maalidha?
6 Seexanni fedhii dogoggoraa injifachuuf humna akka hin qabne qofa utuu hin taʼin, fedhii akkasii waan qabaanneef qofa Yihowaan akka nutti murteessu yaaduudhaan abdii akka kutannu barbaada. Seexanni akkasitti akka yaannu kan barbaadu maaliifi? Barabaraaf akka hin jiraanneef Yihowaan kan itti murteessee fi abdii kan hin qabne Seexanadha. (Uma. 3:15; Mul. 20:10) Seexanni nuti abdii jireenya barabaraa qabaachuu keenyatti baayʼee akka hinaafu ifadha; kanaafuu, nutis akkumasaatti akka yaannuu fi abdii akka dhabnu gochuuf carraaqqii guddaa godha. Nuti garuu abdii qabna. Kitaabni Qulqulluunis Yihowaan nutti murteessuu utuu hin taʼin, nu gargaaruu akka barbaadu nuuf mirkaneessa. Inni ‘hundumtuu yaada akka geddaratu malee, namni tokko illee akka badu hin barbaadu.’—2 Phe. 3:9.
7 Kanaafuu, fedhii dogoggoraa injifachuuf humnas taʼe abdii akka hin qabne yoo nutti dhagaʼame akka Seexanni barbaadutti yaadaa jirra jechuudha. Kana hubachuun keenya kutannoo cimsinee isa mormuuf goone nuuf jabeessa.—1 Phe. 5:8, 9.
CUBBUUN DHAALLE MIIRRI AKKAMII AKKA NUTTI DHAGAʼAMU GODHA?
8. Cubbuun wanta dogoggoraa raawwachuu malees maal dabalata? (Faarfannaa 51:5) (“Ibsa Jechaa” kan jedhus ilaali.)
8 Seexana malees wanti fedhii dogoggoraa injifachuuf humnas taʼe abdii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu godhu kan biraan jira. Wanti kun maalidha? Cubbuu warra keenya jalqabaarraa dhaalledha.a—Iyo. 14:4; Faarfannaa 51:5 dubbisi.
9-10. (a) Cubbuun Addaamii fi Hewaanirratti dhiibbaa akkamii godhe? (Fakkichas ilaali.) (b) Cubbuun dhaalle dhiibbaa akkamii nurratti godha?
9 Mee cubbuun Addaamii fi Hewaanirratti dhiibbaa akkamii akka godhe haa ilaallu. Addaamii fi Hewaan ajaja Yihowaa erga cabsanii booda dhokatanii turan, akkasumas qaamasaanii dhoksuuf yaalaniiru. Kitaabni Insaayitii yaada kanarratti yeroo ibsa kennu akkana jedha: “Cubbuun, miirri balleessaa, dhiphinni, sodaanii fi qaaniin akka isaanitti dhagaʼamu godheera.” Addaamii fi Hewaan sana booda deebiʼanii Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu hin dandaʼan. Maaliyyuu yoo godhan cubbamoota taʼuusaaniitiin kan kaʼe yeroo hundumaa qaanii fi dhiphinni isaanitti dhagaʼama.
10 Dhugaadha, haalli keenya haala Addaamii fi Hewaan wajjin tokko miti. Furichi cubbuu keenyarraa nu qulqulleessuu fi qalbii qulqulluu akka qabaannu gochuu dandaʼa; Addaamii fi Hewaaniif garuu akkas gochuu hin dandaʼu. (1 Qor. 6:11) Taʼus, cubbuu dhaalleerra. Kanaafuu, miirri balleessaa, dhiphinni, sodaa fi qaaniin nuttis dhagaʼamuunsaa hin oolu. Kitaabni Qulqulluun cubbuun ilmaan namootaarratti dhiibbaa cimaa gochuusaa akka itti fufe dubbata. “Namoota cubbuu Addaam ajajamuu diduudhaan hojjetee wajjin wal fakkaatu hin hojjenne irratti illee” dhiibbaa akkasii gochaa jira. (Rom. 5:14) Haallisaa abdii kan nama kutachiisu fakkaatus humna akka hin qabnee fi abdii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu hin qabu. Miira dogoggoraa akkasii injifachuu ni dandeenya. Akkamitti?
Cubbuun, Addaamii fi Hewaan miirri balleessaa, dhiphinni, sodaanii fi qaaniin akka isaanitti dhagaʼamu godheera (Keeyyata 9 ilaali)
11. Humna akka hin qabne yoo nutti dhagaʼame maal gochuu qabna? Maaliif? (Roomaa 6:12)
11 Fedhii dogoggoraa injifachuuf humna akka hin qabne yoo nutti dhagaʼame, cubbuun dhaalle nutti dubbachaa akka jirutti yaaduu dandeenya; nuti garuu isa dhagaʼuu hin qabnu. Maaliif? Sababiinsaas, Kitaabni Qulqulluun cubbuun nurratti “mootii taʼuu isaa” akka itti fufu heyyamuu akka hin qabne dubbata. (Roomaa 6:12 dubbisi.) Kana jechuun fedhii dogoggoraatiin moʼamnee wanta sirrii hin taane raawwachuu dhiisuuf filachuu dandeenya jechuudha. (Gal. 5:16) Yihowaan qorumsa injifachuu akka dandeenyu amanannaa nurratti qaba; kun humna keenyaa ol utuu taʼee akkas akka goonu nu hin ajaju ture. (Kes. 30:11-14; Rom. 6:6; 1 Tas. 4:3) Eeyyee, fedhii dogoggoraa injifachuun humna keenyaa ol miti.
12. Yeroo abdii kutannu maal gochuu dandeenya? Maaliif?
12 Haaluma walfakkaatuun, fedhii dogoggoraa waan qabaanneef qofa Yihowaan akka nutti murteessu yaaduudhaan abdii yoo kutanne cubbuun dhaalle nutti dubbachaa akka jirutti yaaduu dandeenya; nuti garuu isa dhagaʼuu hin qabnu. Maaliif? Sababiinsaas, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan cubbamoota taʼuu keenya akka hubatu dubbata. (Far. 103:13, 14) Yihowaan cubbuun dhaalle tokkoon tokkoon keenyarratti dhiibbaa akkamii akka godhu dabalatee waaʼee keenya ‘wanta hundumaa beeka.’ (1 Yoh. 3:19, 20) Fedhii dogoggoraatiin moʼamnee wanta gadhee hamma hin raawwannetti Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuu dandeenya. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
13-14. Fedhii dogoggoraa qabaachuun keenya qofti Yihowaa biratti fudhatama akka dhabne argisiisaa? Ibsi.
13 Kitaabni Qulqulluun gocha dogoggoraa raawwachuu (isa toʼachuu dandeenyu) fi fedhii dogoggoraa qabaachuu (isa toʼannaa keenyaa ala dhufuu dandaʼu) gidduu garaagarummaan akka jiru dubbata. Fakkeenyaaf, jaarraa tokkoffaatti Kiristiyaanonni gumii Qorontos keessa turan tokko tokko duraan sodoomota turan. Phaawulos, “Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan” jedhee barreesseera. Kana jechuun sana booda gocha sodoomummaa raawwachuuf matumaa fedhii hin qabaatan jechuudhaa? Yeroo baayʼee fedhiin akkasii baayʼee cimaa waan taʼeef, sana booda fedhii akkasii hin qabaatan jedhanii yaaduun waan hin fakkaannedha. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni of toʼatanii fi fedhii dogoggoraatiin moʼamanii gocha sana hin raawwanne Yihowaa biratti fudhatama argataniiru. Yihowaan ‘dhiqamanii akka qulqullaaʼanitti’ isaan ilaala. (1 Qor. 6:9-11) Siinis akkasitti si ilaaluu dandaʼa.
14 Fedhiin dogoggoraa wajjin waldhaansoo gootu maaliyyuu yoo taʼe injifachuu ni dandeessa. Fedhii dogoggoraa guutummaatti balleessuu yoo dadhabdellee of toʼachuu fi ‘fedhii foonii fi fedhii yaada kee raawwachuu’ dhiisuu ni dandeessa. (Efe. 2:3) Kana gochuudhaan waldhaansoo fedhii dogoggoraa wajjin gooturratti injifachuu kan dandeessu akkamitti?
INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
15. Waldhaansoo fedhii dogoggoraa wajjin goonurratti injifachuuf dadhabina keenya amannee fudhachuu kan qabnu maaliifi?
15 Waldhaansoo fedhii dogoggoraa wajjin gooturratti injifachuuf dadhabina kee amantee fudhachuu qabda. “Sababii sobaa dhiheessuudhaan” akka of hin gowwoomsine of eeggadhu. (Yaq. 1:22) ‘Namoonni na caalaa dhugan jiru’ jechuudhaan rakkinicha salphisanii ilaaluun ykn ‘Haati manaa koo caalaatti utuu jaalala natti argisiistee poornoogiraafii ilaaluuf hin qoramu’ jettee yaaduudhaan warra kaan komachuun qorumsaaf salphaatti akka moʼamtu gochuu malee faayidaa hin qabu. Kanaafuu, dogoggora raawwatteef garaa kee keessattillee sababa dhiheessuuf hin yaalin. Gocha keetiif itti gaafatamummaa fudhadhu.—Gal. 6:7.
16. Kutannoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goote cimsachuu kan dandeessu akkamitti?
16 Dadhabina kee amantee fudhachuu malees kutannoo fedhii dogoggoraatiin moʼamuu dhiisuuf goote cimsachuu qabda. (1 Qor. 9:26, 27; 1 Tas. 4:4; 1 Phe. 1:15, 16) Wanta caalaatti si qoruu fi yoom akka qoramtu adda baafachuuf yaali. Wantoonni tokko tokko caalaatti si qoruu dandaʼu; ykn guyyaa keessaa yeroon itti caalaatti qoramtu jiraachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yeroo dadhabdutti ykn halkan qorumsa dandamachuun caalaatti sitti ulfaataa? Qorumsi akkamii si mudachuu akka dandaʼu dursii yaadi, akkasumas tarkaanfii akkamii akka fudhattu murteessi. Yeroon gaariin kana gochuu itti dandeessu qorumsichi si mudachuusaa duradha.—Fak. 22:3.
17. Fakkeenya Yoseefirraa maal baranna? (Uumama 39:7-9) (Fakkiiwwanis ilaali.)
17 Mee Yoseef haati manaa Phoxifaar yeroo isa sossobdetti maal akka godhe haa ilaallu. Gaaffii ishii akka hin fudhanne yeruma sana ifatti ishiitti himeera. (Uumama 39:7-9 dubbisi.) Kun maal argisiisa? Yoseef haati manaa Phoxifaar isa sossobuu ishii durayyuu tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabu sirriitti beeka ture. Atis kutannoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goote cimsachuu kan qabdu qorumsi si mudachuusaa dura taʼuu qaba. Akkas yoo goote yeroo qorumsi si mudatu murtoo kanaan dura goote hojiirra oolchuun siif salphata.
Akkuma Yoseef qorumsarraa yeruma sana fagaadhu! (Keeyyata 17 ilaali)
“YEROO HUNDA OF QORAA”
18. Waldhaansoo fedhii dogoggoraa wajjin gooturratti injifachuu kan dandeessu akkamitti? (2 Qorontos 13:5)
18 Waldhaansoo fedhii dogoggoraa wajjin gooturratti injifachuuf ‘yeroo hunda of qoruu,’ jechuunis haala akkamiirra akka jirtu of gamaaggamuu qabda. (2 Qorontos 13:5 dubbisi.) Darbee darbee yaadaa fi gocha kee qoruudhaan bakka barbaachisutti sirreeffama godhi. Fakkeenyaaf, qorumsa tokko milkaaʼinaan yoo dandamattellee, ‘Lakki jechuuf yeroo hammamii natti fudhate?’ jettee of gaafachuu dandeessa. Akka turte yoo sitti dhagaʼame of hin komatin. Kanaa mannaa, yeroo ittaanutti fooyyessuuf maal gochuu akka dandeessu yaadi. Gaaffilee armaan gadii of gaafachuu dandeessa: ‘Yaanni gadheen yeroo gara sammuu koo dhufu dafee of keessaa baasuu nan dandaʼaa? Bashannanni ani filadhu qorumsa dandamachuun caalaatti akka natti ulfaatu gochaa jiraa? Wanti sirrii hin taane akka tasaa yeroo na mudatu dafee irraa nan garagalaa? Of toʼachuu kan na gaafatu yoo taʼellee ulaagaaleen Yihowaa yeroo hundumaa akka na fayyadan nan amanaa?’—Far. 101:3.
19. Murtoon dogoggoraa salphaa fakkaatu fedhii dogoggoraa injifachuun caalaatti akka nutti ulfaatu kan godhu akkamitti?
19 Dogoggora raawwatteef sababii dhiheessuurraas of qusachuu qabda. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas” jedha. (Er. 17:9) Yesuus garaa keessaa “yaadni hamaan” akka baʼu dubbateera. (Mat. 15:19) Fakkeenyaaf, namni poornoogiraafii ilaaluu dhiise tokko yeroo booda qullaa namaa hamma hin argisiisnetti fakkiiwwan fedhii saalaa kakaasan ilaaluun rakkina akka hin qabne yaaduu dandaʼa. Yookiinimmoo, ‘Gocha sana kallattiidhaan hamman hin raawwannetti wanta gadhee yeroon raawwadhu yaadaan ilaaluun rakkina hin qabu’ jedhee yaaduu dandaʼa. Namni tokko akkas jedhee kan yaadu yoo taʼe garaansaa inni gantuu taʼe “fedhii foonii isaa raawwachuuf dursee karoora baafachaa” jira jechuun ni dandaʼama. (Rom. 13:14) Akkas gochuurraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti? Murtoowwan dogoggoraa xixinnoo gara murtoowwan dogoggoraa guguddaa kan akka wanta gadhee taʼe raawwachuutti si geessan adda baafachuu fi irraa fagaachuuf carraaqqii godhi.b ‘Yaada hamaa’ wanta dogoggora taʼe raawwachuuf sababii akka dhiheessitu si taasisu kamirraayyuu fagaadhu.
20. Gara fuulduraatti abdii akkamii qabna? Yeroo ammaattoo gargaarsa akkamii argachaa jirra?
20 Hanga ammaatti akkuma ilaalle Yihowaan humna qorumsa injifachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. Araara isaatiin kan kaʼes addunyaa haaraa keessa barabaraaf jiraachuuf abdii qabna. Yeroo sanatti sammuu qulqulluu fi garaa qulqulluudhaan Yihowaa tajaajiluun boqonnaa guddaa nuuf argamsiisa. Hamma yeroo sanaatti fedhii dogoggoraa injifachuuf humnas taʼe abdii akka hin qabne nutti dhagaʼamuu hin qabu. Eebba Yihowaatiin injifachuu ni dandeenya!
FAARFANNAA 122 Jabaadhaa Dhaabbadhaa, hin Sochoʼinaa!
a IBSA JECHAA: Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “cubbuu” jedhu yeroo baayʼee gochawwan akka hannaa, ejja ykn ajjeechaa jiran argisiisa. (Bau. 20:13-15; 1 Qor. 6:18) Caqasoota tokko tokkorratti garuu jechi “cubbuu” jedhu mudaa utuu cubbuu tokkollee hin hojjetin qabaannee dhalannu argisiisa.
b Dargaggeessi Fakkeenya 7:7-23 irratti ibsame murtoo dogoggoraa guddaa halalummaa raawwachuutti isa geesse gochuusaa dura murtoowwan dogoggoraa xixinnoo taʼan akka godhe hubadhu.
c IBSA FAKKII: Bitaa: Obboleessi dargaggeessi tokko kaaffee tokko keessa taaʼee utuu jiruu dhiironni lama jaalala yeroo waliif ibsan arge. Mirga: Obboleettiin takka namoonni lama sijaaraa yeroo xuuxan argite.