LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Hagayya ful. 2-6
  • Yihowaan Cubbuu fi Duʼarraa Nu Oolchuuf Maal Godhe?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Cubbuu fi Duʼarraa Nu Oolchuuf Maal Godhe?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN ILMAAN NAMOOTAA CUBBAMOOTA TAʼAN ABDII AKKA QABAATAN KAN GODHE AKKAMITTI?
  • BARA DURIITTI ILMAAN NAMOOTAA CUBBAMOOTA TAʼAN YIHOWAA DURATTI FUDHATAMA KAN ARGATAN AKKAMITTI?
  • YESUUS NU OOLCHUUF MAAL GODHE?
  • Furicharraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Dhiifama Yihowaan Nuuf Godhu kan Dinqisiifannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Jaalalli Yihowaa kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Hagayya ful. 2-6

MATA DUREE QOʼANNAA 31

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

Yihowaan Cubbuu fi Duʼarraa Nu Oolchuuf Maal Godhe?

“Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.”—YOH. 3:16.

YAADA IJOO

Yihowaan walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti nu gargaaruuf dursa kan fudhatee fi cubbuurraa walaba taanee jireenya barabaraa argachuu akka dandeenyuuf qophii kan nuu godhe akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. (a) Cubbuun maalidha? Walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti injifannoo argachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? (“Ibsa Jechaas” ilaali.) (b) Mata duree kanaa fi mata dureewwan maxxansa kana keessatti argaman kaanirratti waaʼee maalii mariʼanna? (Mata duree maxxansa kana keessatti argamuu fi “Yaadachiisa Dubbistootaaf Kenname” jedhus ilaali.)

YIHOWAAN hammam akka si jaallatu beekuu ni barbaaddaa? Yihowaan cubbuu fi duʼarraa si oolchuuf maal akka godhe qoʼachuun kee deebiisaa beekuuf si gargaara. Cubbuuna diina cimaa ofii keetiin injifachuu hin dandeenyedha. Guyyaa guyyaadhaan cubbuu hojjenna; cubbamoota taʼuu keenyaan kan kaʼes ni duuna. (Rom. 5:12) Taʼus abdii qabna. Gargaarsa Yihowaatiin cubbuu moʼuu ni dandeenya. Cubbuurratti injifannoo akka argannu mirkanaaʼoodha!

2 Yihowaan walʼaansoo ilmaan namootaa gara waggaa 6,000f cubbuu wajjin godhanirratti isaan gargaaraa tureera. Maaliif? Waan nu jaallatuufi. Yihowaan jalqabumaa kaasee ilmaan namootaa waan jaallatuuf, walʼaansoo kanarratti nu gargaaruuf wanta hedduu godheera. Waaqayyo cubbuun duʼatti akka nu geessu beeka; akka duunummoo hin barbaadu. Inni barabaraaf akka jiraannu barbaada. (Rom. 6:23) Atis barabaraaf akka jiraattu barbaada. Mata duree kana keessatti gaaffilee sadan kanarratti mariʼanna: (1) Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼan abdii akka qabaatan kan godhe akkamitti? (2) Bara duriitti ilmaan namootaa cubbamoota taʼan Yihowaa duratti fudhatama argachuu kan dandaʼan akkamitti? (3) Yesuus ilmaan namootaa cubbuu fi duʼarraa oolchuuf maal godhe?

YIHOWAAN ILMAAN NAMOOTAA CUBBAMOOTA TAʼAN ABDII AKKA QABAATAN KAN GODHE AKKAMITTI?

3. Warri keenya jalqabaa cubbamoota kan taʼan akkamitti?

3 Yihowaan dhiiraa fi dubartii jalqabaa yeroo uumetti gammadoo akka taʼan barbaadee ture. Iddoo jireenyaa miidhagaa taʼe, gaaʼelaa fi hojii gammachiisaa isaaniif kenneera. Isaanis lafa sanyiisaaniitiin guutuu fi guutummaa lafaa akkuma iddoo biqiltuu Eedan gochuu qabu turan. Wanta tokko qofa garuu akka hin goone isaan ajajee ture. Taʼe jedhanii isarratti finciluudhaan ajaja kana yoo cabsan akka duʼanis isaan akeekkachiiseera. Wanta sana booda taʼe beekna. Qaamni hafuuraa Waaqayyoofis taʼe isaaniif jaalala hin qabne tokko cubbuu akka hojjetan isaan qore. Addaamii fi Hewaan dhiibbaa kanaaf harka kennaniiru. Abbaasaanii isa jaalala qabeessa taʼe waan hin amanneef cubbuu hojjetan. Akkuma beeknu, wanti Yihowaan dubbate raawwatameera. Guyyaa sanaa kaasee miidhaa ajajamuu diduunsaanii isaanitti fide wajjin walʼaansoo gochuu jalqaban; boodas dulloomanii duʼan.—Uma. 1:28, 29; 2:8, 9, 16-18; 3:1-6, 17-19, 24; 5:5.

4. Yihowaan cubbuu kan jibbuu fi walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti kan nu gargaaru maaliifi? (Roomaa 8:20, 21)

4 Yihowaan seenaa gaddisiisaan kun akka galmaaʼu kan godhe faayidaa keenyaafi. Seenaan kun Yihowaan cubbuu baayʼee kan jibbu maaliif akka taʼe akka hubannu nu gargaara. Cubbuun Abbaa keenyarraa nu fageessa, akkasumas duʼatti nu geessa. (Isa. 59:2) Seexanni Addaamii fi Hewaaniin cubbuutti kan galchee fi ammas namoonni cubbuutti akka galan gochaa kan jiru, Yihowaafis taʼe namootaaf jaalala waan hin qabneefi. Tarii Eedan keessatti injifannoo guddaa akka argate yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus Seexanni, Yihowaan hammam jaalala qabeessa akka taʼe hin hubanne. Waaqayyo kaayyoo sanyii Addaamii fi Hewaaniif qabu hin jijjiirre. Maatii ilmaan namootaa waan jaallatuuf, yeruma sana namoonni hundi abdii akka qabaataniif qophii godhe. (Roomaa 8:20, 21 dubbisi.) Yihowaan sanyii Addaam keessaa namoonni muraasni isa jaallachuuf akka filatanii fi walʼaansoo cubbuu wajjin godhanirratti gargaarsasaa argachuuf carraaqqii akka godhan beeka. Innis Abbaa fi Uumaasaanii waan taʼeef karaa cubbuu jalaa bilisa itti baʼanii fi isatti dhihaachuu itti dandaʼan isaaniif qopheessa. Yihowaan kun hundi akka taʼu gochuuf maal godheera?

5. Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif yeroo jalqabaatiif abdii kan kenne yoomi? Ibsi. (Uumama 3:15)

5 Uumama 3:15 dubbisi. Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif yeroo jalqabaatiif abdii kan kenne yeroo Seexanarratti murtii dabarsettidha. Waaqayyo “sanyiin” tokko ilmaan namootaa akka oolchu raajii dubbateera. Sanyiin kun yeroo booda Seexana balleessee rakkina inni Eedan keessatti uumeef furmaata kenna. (1 Yoh. 3:8) Haa taʼu malee, sanyii kanarra jalqaba miidhaan ni gaʼa. Seexanni isa madeessa, jechuunis akka ajjeefamu godha. Kunis Yihowaa baayʼee gaddisiisa. Taʼus, Yihowaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼarraa akka oolan waan barbaaduuf isarras taʼe sanyii sanarra dhiphinni kun hundi akka gaʼu heyyameera!

BARA DURIITTI ILMAAN NAMOOTAA CUBBAMOOTA TAʼAN YIHOWAA DURATTI FUDHATAMA KAN ARGATAN AKKAMITTI?

6. Namoonni amanamoon kan akka Abeelii fi Noh jiran Yihowaatti dhihaachuuf maal godhaniiru?

6 Jaarraawwan sana booda turanitti Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼan isatti dhihaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe suutuma suuta ifa godheera. Eedan keessatti fincilli erga kaʼee booda namni Yihowaarratti amantii akka qabu argisiise inni jalqabaa ilma Addaamii fi Hewaan isa lammaffaa kan taʼe Abeeli. Abeel Yihowaa waan jaallatuuf isa gammachiisuu fi isatti dhihaachuu barbaadee ture; kanaafuu, aarsaa isaaf dhiheesse. Abeel tiksee waan tureef, hoolota xobbaallaa muraasa qalee aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheesse. Yihowaan yeroo kanatti maaltu isatti dhagaʼame? “Abeelii fi aarsaa isaa gammachuudhaan . . . ilaale.” (Uma. 4:4) Yihowaan aarsaa namoonni isa jaallatanii fi isatti amanaman kan biroon kanneen akka Noh jiran isaaf dhiheessanittis akka gammade ibseera. (Uma. 8:20, 21) Yihowaan aarsaa akkasii fudhachuudhaan, ilmaan namootaa cubbamoota taʼan isa biratti fudhatama argachuu fi isatti dhihaachuu akka dandaʼan argisiiseera.b

7. Abrahaam ilmasaa aarsaa gochuuf fedhii qabaachuusaarraa maal baranna?

7 Yihowaan wanta garmalee ulfaataa taʼe tokko akka raawwatu, jechuunis ilmasaa tokkicha kan taʼe Yisihaaqiin aarsaa akka godhu Abrahaam isa nama amantii taʼe gaafatee ture. Abrahaam yeroo kanatti baayʼee dhiphatee akka ture ifadha. Taʼus, wanta Waaqayyo isa ajaje gochuuf qophaaʼee ture. Dhumarratti garuu, Waaqayyo tarkaanfii akka hin fudhanne isa dhaabsiseera. Fakkeenya kanarraa wanta Waaqayyo gochuuf yaadee ture ilaalchisee barumsa guddaa arganna. Yihowaan Ilmasaa tokkicha aarsaa godhee dhiheessuuf fedhii qaba ture. Waaqayyo ilmaan namootaa baayʼee jaallata.—Uma. 22:1-18.

8. Aarsaan Seericha jalatti dhihaachaa ture maal ifa godheera? (Leewwota 4:27-29; 17:11)

8 Seerri jaarraawwan hedduu booda saba Israaʼeliif kenname sabni Waaqayyoo cubbuusaaniitiif araara argachuuf aarsaa akka dhiheessan ajaja ture. (Leewwota 4:27-29; 17:11 dubbisi.) Aarsaan kun Yihowaan aarsaan sanarra caaluu fi ilmaan namootaa cubbuurraa guutummaatti qulqulleessu akka qopheessu ifa godheera. Raajonni Waaqayyoo hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii sanyii abdachiifame kan taʼe Ilmi Waaqayyoo akka dhiphatuu fi akka ajjeefamu barreessaniiru. Inni akka hoolaa aarsaadhaaf dhihaatutti qalama. (Isa. 53:1-12) Mee yaadi, Yihowaan siin dabalatee ilmaan namootaa hunda cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuuf Ilmisaa jaallatamaan aarsaa akka taʼu qophii godheera!

YESUUS NU OOLCHUUF MAAL GODHE?

9. Yohaannis Cuuphaan Yesuusiin ilaalchisee maal jedhe? (Ibroota 9:22; 10:1-4, 12)

9 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa tokkoffaatti, tajaajilaa Waaqayyoo kan taʼe Yohaannis Cuuphaan, Yesuus isa nama Naazireet taʼe argee, “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa balleessu!” jedhe. (Yoh. 1:29) Yaanni geggeessaa hafuura qulqulluutiin dubbatame kun Yesuus sanyii isa yeroo dheeraa dura abdachiifame taʼuusaa ifa godheera. Yesuus akkuma dursee abdachiifametti lubbuusaa aarsaa godha. Dhumarrattis, sanyiin ilmaan namootaa cubbuu jalaa guutummaatti bilisa baasu ni dhufe.—Ibroota 9:22; 10:1-4, 12 dubbisi.

10. Yesuus ‘cubbamoota waamuuf akka dhufe’ kan argisiise akkamitti?

10 Yesuus namoota cubbamoota taʼuusaaniitti baayʼee dhiphataniif xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan duuka buutotasaa akka taʼan isaan affeereera. Yesuus kaʼumsi rakkina ilmaan namootaa cubbuu akka taʼe beeka. Kanaafuu, dhiirotaa fi dubartoota cubbamoota taʼuusaaniitiin beekamanitti dhihaatee isaan gargaareera. “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe” jedheera. (Mat. 9:12, 13) Yesuus wanta dubbate kana gochasaatiin argisiiseera. Yeroo dubartiin takka imimmaan ishiitiin miilasaa dhiqxetti, suuta jedhee ishii haasofsiiseera, dhiifamas ishiidhaaf godheera. (Luq. 7:37-50) Dubartiin boolla bishaanii biratti argate takka jireenya naamusaan ala taʼe akka jiraattu utuma beekuu dhugaawwan iddoo guddaa qaban ishii barsiiseera. (Yoh. 4:7, 17-19, 25, 26) Waaqayyo miidhaa isa dhumaa cubbuun geessisurratti, jechuunis duʼarratti injifannoo akka argatullee Yesuusiif humna kenneera. Akkamitti? Yesuus ijoollee fi namoota guguddaa dabalatee namoota garaagaraa duʼaa kaaseera.—Mat. 11:5.

11. Namoonni cubbamoota taʼan Yesuusitti kan dhihaatan maaliif ture?

11 Namoonni cubbuu cimaa raawwachaa turanillee Yesuusitti dhihaachuun isaanitti salphachuunsaa nama hin dinqisiisu. Yesuus miirasaanii isaaniif hubateera, akkasumas gaarummaa isaanitti argisiiseera. Isa wajjin taʼuun baayʼee isaan gammachiisa ture. (Luq. 15:1, 2) Amantii isarratti qabaniif isaan dinqisiifateera, akkasumas isaan kiiseera. (Luq. 19:1-10) Yesuus akkuma Abbaasaa namootatti gara laafina argisiiseera. (Yoh. 14:9) Abbaansaa inni gara laafessa taʼe namoota akka jaalatuu fi walʼaansoo cubbuu wajjin godhanirratti dhuunfaatti isaan gargaaruu akka barbaadu dubbii fi gochasaatiin argisiiseera. Yesuus namoonni cubbamoota taʼan daandiisaanii jijjiiranii isa duukaa buʼuuf fedhii akka qabaatan isaan gargaareera.—Luq. 5:27, 28.

12. Yesuus duʼasaa ilaalchisee maal barsiiseera?

12 Yesuus wanta isa eeggatu beeka. Dabarfamee akka kennamuu fi muka dhiphinaarratti akka fannifamu irra deddeebiʼee duuka buutotasaatti himeera. (Mat. 17:22; 20:18, 19) Akkuma Yohaannis labsettii fi raajonni dubbatanitti aarsaansaa cubbuu addunyaa akka balleessu beeka. Yesuus lubbuusaa aarsaa godhee erga dhiheessee booda ‘akaakuu namootaa hunda ofitti akka harkisus’ barsiiseera. (Yoh. 12:32) Namoonni cubbamoota taʼan Yesuusiin akka Gooftaasaaniitti fudhatanii faanasaa hordofuudhaan Yihowaa gammachiisuu ni dandaʼu. Akkas yoo godhan dhumarratti “cubbuu irraa bilisa [baʼu].” (Rom. 6:14, 18, 22; Yoh. 8:32) Yesuus ija jabeessa ture; kanaafuu, karaa baayʼee suukanneessaa taʼeen duʼuuf qophaaʼaa ture.—Yoh. 10:17, 18.

13. Yesuus kan duʼe akkamitti? Duutisaa waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? (Fakkichas ilaali.)

13 Yesuus ganameera, hidhameera, arrabsameera, maqaansaa balleeffameera, itti murteeffameera, akkasumas dararameera. Loltoonni gara bakka itti ajjeefamutti isa geessanii mukarratti isa fannisaniiru. Yeroo inni amanamummaadhaan dhiphina kana hunda keessa darbu Qaamni caalaatti dhiphate tokko jira. Innis Yihowaadha. Yihowaan humna guddaa kan qabu taʼus, akka gidduu hin galle of toʼateera. Yihowaan inni Abbaa jaalala qabeessa taʼe Ilmisaa dhiphatee akka duʼu kan heyyame maaliifi? Waan nu jaallatuufi. Yesuus, “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera” jedheera. —Yoh. 3:16.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Yesuus gonfoo qoreerraa tolfame godhatee jira. 2. Harkisaa mukatti hidhamee qacceedhaan garafamaa jira. 3. Utuma namoonni hedduun isa ilaalanii muka dhiphinaasaa baatee deemaa jira. 4. Yakkamtoota lama gidduu muka dhiphinaarra fannifamee jira, namoonnis isa arrabsaa jiru.

Yihowaan cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasuuf Ilmisaa akka ajjeefamu yeroo heyyametti baayʼee dhiphateera (Keeyyata 13 ilaali)


14. Aarsaan Yesuus maal siif mirkaneessa?

14 Aarsaan Yesuus ragaa guddaa Yihowaan sanyii Addaamii fi Hewaan hammam akka jaallatu argisiisudha. Aarsaan Yesuus Yihowaan baayʼee akka si jaallatu siif mirkaneessa. Cubbuu fi duʼarraa si oolchuuf wanta qabu keessaa isa hundarra caalu kenneera, akkasumas dhiphina hundarra hammaatu dandamateera. (1 Yoh. 4:9, 10) Eeyyee, tokkoon tokkoon keenya walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti akka injifannu nu gargaaruu barbaada!

15. Aarsaa furii Yesuus isa kennaa Waaqayyoo taʼerraa fayyadamuuf maal gochuu qabna?

15 Kennaa Waaqayyoo kan taʼe aarsaan furii Ilmasaa isa tokkichaa cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannu karaa nuu baneera. Dhiifama Waaqayyoo argachuuf garuu wanti gochuu qabnu jira. Maalidha? Yohaannis Cuuphaanis taʼe Yesuus Kiristoos deebii gaaffii kanaa nutti himaniiru; “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa” jedhanii lallabaniiru. (Mat. 3:1, 2; 4:17) Dhuguma cubbuu wajjin walʼaansoo gochuu fi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼetti dhihaachuu kan barbaannu yoo taʼe yaada geddarachuu qabna. Haa taʼu malee, yaada geddarachuun maal dabalata? Cubbuu wajjin walʼaansoo gochuufoo kan nu gargaaru akkamitti? Mata duree ittaanurratti deebii kanaa ilaalla.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaan ilmaan namootaa cubbamoota taʼan abdii akka qabaatan kan godhe akkamitti?

  • Aarsaan horii Seericha jalatti dhihaachaa ture maal ifa godheera?

  • Yesuus ilmaan namootaa cubbuu fi duʼarraa oolchuuf maal godhe?

FAARFANNAA 18 Furichaaf Galateeffachuu

a IBSA JECHAA: Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “cubbuu” jedhu ulaagaa naamusaa Yihowaan baase wajjin karaa wal simuun utuu hin jiraatiin hafuudhaan dogoggora raawwachuu argisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jechi “cubbuu” jedhu mudaa hundi keenyayyuu Addaamirraa dhaalles argisiisuu dandaʼa. Hundi keenyayyuu kan duunu cubbuu dhaalle kanaan kan kaʼedha.

b Yihowaan aarsaa namoonni amanamoon Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura jiraatan dhiheessan fudhachaa kan ture, aarsaa Yesuus Kiristoos isa yeroo booda dhihaatuu fi ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa guutummaatti bilisa baasurratti hundaaʼeeti.—Rom. 3:25.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi