Yaadachiisa Dubbistootaaf Kenname
Dubbistoota Jaallatamoo
Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun matadureewwan qoʼannaa gaaffilee armaan gadii wajjin wal qabatan shan qabateera:
Tokkoffaa, Yihowaan walʼaansoo cubbuu wajjin goonurratti nu gargaaruuf qophii akkamii godheera?
Lammaffaa, Yihowaan garaadhaa yaada geddarachuu jechuun maal jechuu akka taʼee fi cubbamoonni yaada akka geddaratan kan gargaaru akkamitti akka taʼe kan nu barsiise akkamitti?
Sadaffaa, nama taʼe jedhee cubbuu hojjetuu fi yaada geddarachuu diderratti tarkaanfii akka fudhatu gumii Qorontosiif qajeelfama akkamiitu kenname?
Arfaffaa, jaarsoliin yeroo harʼaa jiran namoota cubbuu cimaa hojjetan kan gargaaran akkamitti?
Shanaffaa, cubbamaan yaada hin geddaranne tokko gumiidhaa erga baafamee booda, gumichi jaalalaa fi araara isatti argisiisuusaa itti fufuu kan dandaʼu akkamitti?